Ispoortii

Seenaa OSFNA fii hundeeysitota isaa

OSFNA

OSFNA (Oromo Soccer Federation of North America) ja’amee bara 1996 ardii Ameerikaa Kaabaa, biyya Kanaadaa magaalaa Toroontootti hundeeyfame. Jaarmayaalee hawaasummaa Oromoota diyaaspooraatiin hundeeyfamanii milkaawan hangafoota keeysaa tokko. Tapha kubbaa miilaatiin eegalee tokkummaa Oromoo cimsuu keeysatti gayee guddoo bahatee jira. Eenyummaa Oromoo fii Oromummaa hawaasa Oromoo gadi jabeeysee habaqaaluun gumaata hangana hin ja’amne gumaatee ture.

Hundeeysitoonni OSFNA Oromoo sabboonummaa Oromummaatiin biyya isaaniirraa dhiibamanii bahanii biyya Ollaa keeysattiis abdii osoo hin muratin labooba sabboonummaa isaan keeysaa belbelu saniin eenyummaa isaanii dagaagsuuf onnatan turan. Namoota akka Hamzaa Baashaa, Artist Salaah Galmoo, Iliyaas Ibsaa, Abdii Ahmad‐shariif, Ahmad Muudee, Fu’aad Ibraahim fii kanneen biroo yoo tahan OSFNA hundeeysuu keeysatti qabeenya, beekumsa, dandeeytii fii muuxannoo isaanii hunda gumaachuun qooda guddaa bahanii dhalootaaf unkura arra biqilee as gaye kana lafa kaayan.

Gareewwan shaniin bara 1996 kheeysa hundaawe. Isaaniis:-

1. Oromiyaa, Toronto

2. Risaa, Minnesota

3. Madda Walaabuu, Seattle

4. Bakkalcha, Ottowa

5. Gadaa, Toronto

Boodarra bara 1997 OSFNA qabiyyee isaa bal’isee maqaa isaa fooyyeysuun Oromo Sport Federation of North America je’ee moggaafate. Jechuma “Soccer” je’uutu “Sport” kan je’uun bakka buufame malee gabaajeen isaa tokkuma ture. Amma kubbaa miilaatiin gama dhiiraa qofa osoo hin taane dubartootaatiiniis kilabiin lama jiraachuus pirezedantiin OSFNA Aadde Makfiraa H/Ahmad Nuuree himanii jiran.

OSFNA’n amma umrii waggaa 25 kan qabu yoo tahu eenyummaa Oromummaa habaqaaluun dhaloota if tahee jiraatu, kan eenyummaa ifiitiin boonu, kan wal jabeeysuufii tokkummaa bu’urri isaa jaalalaan unkurame qabu biqilchuun hawaasa Oromoo biyya ormaa jiraatan biratti bakka guddaa horatee jira. Aadaa fii seenaa Oromoo dhaloota qubee diyaaspooraa jiran barsiisuu fii Oromoo Oromiyaa fii diyaaspooraa jiranillee walitti hidhuu keeysatti qooda leencaa qaba.

Gama biraatiin hawaasa siyaasaan addaan qoqqooddame kana hawaasummaan deebisaanii walitti hidhuu fii tokkummaa Oromummaa jabeeysuuf gayee guddaa qaba. Namni keenya waan hawaasummaa kan waloo walumaan qabaachuu akka baratu OSFNA’n shoora olaanaa taphate. Akkuma beekkamu ispoortiin fayyaaleysummaa qaamaatiifiis faayidaa guddaa waan qabuuf qoodni isaa waan laafee miti. Dabalataaniis kilabii hundeeysuu, gahoomsuu, tumsuu fii dorgommiif dhiheeysuu keeysatti hawaasni gurmaayinaan waan hojjatuuf shaakhala hoggansa oomishuu kheeysattiia gayeen OSFNA hangana ja’amee hin tilmaamamu.

Pirezidaantiin jalqabaa OSFNA, Obbo Abdii Ahmad-shariif turan. Itti aansuuniis hanga ammaatti pirezedantiin 12 tu baallii wal harkaa fuudhee OSFNA hogganee asiin gaye. Isaaniis:-

1. Abdii Ahmad-shariif(Ashuqoo) ~ 1996

2. Jamaal Bakar ~ 1997 & 2003

3. Art. Salaah Galmoo ~ 2000

4. Dr. Nagaashee Umar ~ 2001

5. Bariisaa Argoo ~ 2005

6. Jaarraa Aadam ~ 2007

7. Muktaar Fatoo ~ 2009

8. Tuulee Sa’id ~ 2011

9. Duulaa Hassan ~ 2013 & 2017

10. Ejeroo Hasaan ~ 2015

11. Makfiraa H/Ahmad Nuuree ~ 2019 & 2022

Walumaagalatti OSFNA’n qabeenya Oromoon waloon qabdu kan tokkummaa Oromoo fii Oromummaa hidda gad jabeeysu, jaalala unkuruu fii obbolummaa habaqaalu tahuun waan Oromoon dhaadatuun tahee jira waan taheef jabaatee itti fufuu qaba.

Barento Mohammed

Dirree Dhawaa, Oromiyaa

Adooleysa 31, 2022




















































bilisummaa

Recent Posts

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do…

3 weeks ago

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people…

3 weeks ago

The Impact of Slogan Change on the Oromo People’s Struggle for Independence

Deebitee Kootee Bilisoo October 25, 2023     Note that a political slogan stands for a cause.…

1 month ago

Fano: The Anti-Oromo Amhara fascist Paramilitary Extremist Militia Organization

October 17, 2023 Mallisee Fatansaa Sulee    Recently, a chorus of diaspora Amhara social media, the…

1 month ago

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

2 months ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

2 months ago