Categories: Seenaa

Seenaa Perezidaanti Barack Hussein Obama Gabaabinaan

Barack Hussien Obama, Hagayya 4, bara 1961’tti dachii cittuu biyya Jaapaanii fi Ameerikaa jidduu jirtu, fageenya kiilomeetira 3,200 Ameerikaarraa fagaattu, kan bara 1959’tti koonyaa U.S taate, Hawaii, magaalaa guddoo isii, Honolulu jedhamtu keessatti dhalate. Haati isaa ‘Stanley Ann Dunham’ lammii Ameerikaa adii, magaalaa Wichita, koonyaa Kansas, biyya U.S keessatti dhalatte. Yeroo umriin isii waggaa 18 gahetti, warri isii gara magaalaa Honolulu, koonyaa Hawaii’tti godaananii, achitti Universiitii Hawaii keessa barachaa turte. Abbaan isaa ‘Barack Obama Sr.’ Afrikaa gurraacha, lammii Keeniyaa yoo tahu, gosa Luo jedhamu kan naannoo Niyaanzaa biyya Keenyaa keessa qubatan irraa dhalate.

 Ijoolluummaa isaatti re’ee tiksee, barnoota idilees barachaa ture. Booda carraa iskoolaarshiippii biyya biraa deemee barachuu waan argateef, Hawaii dhaqee Universiitii Hawaii’tti isaa barachaa jiru, haadha Obaamaan (Ann Dunham) achitti walbaran. Erga ulfooftee ji’a sadi guutte booda, cidha osoo hin godhatin, Gurraandhala 2, bara 1961’tti walfuudhanii, Barack Obama ji’a jaha booda dhalate. Yeroo umriin Barack Obama waggaa tokko tahu, abbaan isaa maatii dhiisee, barnootaaf gara Massachusetts’tti, Universiitii Harvard’tti Ph.Dbarachuuf deeme. Ji’oota muraasa booda waldhabanii, booddee yeroo umriin Barack Obama waggaa 2 tahu, Bitootessa bara 1964’tti walhiikan. Bara 1965’tti abbaan Barack Obama barnoota Ph.D barachuuf deeme osoo hin xumurin biyya isaa Keenyaatti deebi’e.

 Haati Barack Obama dhiirsa biraa, lammii Indonesia, kan maqaan isaa Lolo Soetoro jedhamutti bara 1965’tti itti heerumte. Waggaa tokko booda, maatiin isaanii biyya Indonesia’tti godaananii haati Barack Obama ilmoo biraa Maya Soetoro Ng, jedhamtu deesse. Turtii dheertuun booddee, yeroo umriin Barck Obama waggaa 10 tahu, eeggumsa isaatiif haati waan yaaddofteef, gara warra (maatii) isiitti ergitee, Barck Obama’n maatii haadhaa bira taa’ee barmoota barataa ture. Erga haadhaa fi abbaan addaan bahanii, Barack Obama yeroo tokko qofa bara 1971’tti abbaa isaa kan daawwii yeroo gabaabduuf Hawaii dhufe arge. Erga abbaa isaa argee waggoota kudhan booda, bara 1981’tti, abbaan Barack Obama (Obama Sr.) sababa balaa konkolaataa irra gaheen, miila lamaanuu isaa dhabee ture, ammas bara 1982’tti isaa Nairo keessa deemu balaan konkolaataa yeroo lammataatiif irra gahee, Sadaasa 24, baruma 1982’tti addunyaarraa du’aan boqate; Barack Obama waggaa 21 ture. 

Barack Obama, barnoota Sadarkaa olii koolleggii ‘Occidental College’ jedhamu Los Angeles keessatti waggoota lamaaf erga baratee booda, Univarsiitii Columbia’tti dabree bara 1983’tti gosa barnootaa ‘political science’ jedhamuun eebbifamee, erga hojii eegalee booddee gara magaalaa Chicago’tti bara 1985’tti godaane. Waa’een abbaa isaa yeroo dheertuuf, kan gaafii itti tahee yaachisaa ture, Barack Obama, sanyii abbaa isaa barbaachaaf, bara 1987’tti yeroo jalqabaatiif biyya Kenya dhaqee, firoottan abbaa isaatiin walqunname. Bara 1988’tti Universiitii ‘Harvard Law School’ seenee isaa barnootarra jiru, kan niitii (haadha warraa) isaa Michelle Robinson walbaran.

Bara 1991’tti erga eebbifamee booddee, Onkololeessa 3, bara 1992’tti Michelle Robinson fuudhe. Chicago’tti abukaatoo tahuun ‘the firm of Miner, Barnhill & Galland’ keessa hojjachaa, akkasumas barsiisaa Universiitii ‘Chicago Law School’ tahee tajaajilaa ture. Bara 1995’tti haati isaa ‘Ann Dunham’ kaansaraan qabamtee addunyaarraa boqotte. Bara 1998’tti intala jalqabaa ‘Malia’ jedhamtu fi bara 2001’tti intala lammataa ‘Sasha’ jedhamtu dhalfate. Bara 1996 irraa eegalee, Barack Obama ‘State Senate’iif dorgomaa turee, bara 2008’tti
perezidaantummaaf dorgomee moo’achuudhaan,  bara 2009’tti Perezidaantii biyya U.S.A tahe.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

3 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

3 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

3 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

3 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago