Seenaa

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin:

Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa tokko kan Baha Oromiyaa ti. Seenaa tanaaf lola Bordoddee/Dula Kanniisaa kan Ituu fii kan Calanqoo ragaa dha. Hawaasni kuni jeeynummaan odoo hin taane miya ammayyaa tan yaroo sanii tiin gatamee, moohamee harqoota gabrummaa jala galfamullee, gaafasirraa kaasee, keessaa bahuuf ijibbaatuu-rraa hara hin fudhanne.

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962, amata 75 capha Calanqoo booda, afaanii fii aadaa ifii awwaalama keeysaa baasuuf sossooha godhamuu jalqabee ni. Gaafana, dubraa fii dardarri magaalaa Dirree Dhawaa, tin’isa abbootii fii haawwanii tiin, fedhii diinaa, tan afaanii fii aadaa Oromoo, tan mallattoo Oromummaa, tan isaa tiin bakka buusuu kolaasutti seenan. Bulchiinsi Hayle Sillaasee wanni godhamaa jiru, hundee bulchiinsa isaa tiif gaagama tahuu hubachuuf yaroo irraa hin fuune. Akkasiin, waggaa sadii booda, dhuma bara 1965-ii hawwisoota diiganii miseensota hidhuun sossoohinsa qaxara caphsan.

Mootummaan Hayle Sillaasee hawwisoo duraa diiguun, dargaggoota Oromoo, fedhii fii murannoo sanii olii-tiif anaannachiise. Sossooha karaa aadaa fii afaan du’arraa kaasuuf jalqaban kan hidhannoo tiin faana buusuu murteeffachiisee, kanneen hidhaa jalaa miliqan, tooftaa lolaa baruu fii hidhachuuf karaa adda-addaa tiin biyya-rraa yaase.

Dargaggoonni kaayoo olii tiif biyyaa bahanii Soomaaliyatti walitti dhufan, haala hin yaadiniin simataman. Biiyti baroota jibir dura, bara 1960 keeysa, Ingilizii fii Xaaliyaan jalaa bilisoomte, lafa Oromiyaa hamma Awaashii gadii, Soomaalee Galbeed-i (Dhihaa-ti) jettee tan falmattu taatee arkamte. Kanaa fiis, dargaggoota gargaarsa qabsoo bilisummaa tiif itti dhufan gargaaruu daran, yaada isaanii keessatti ajjeesuu fii tan isii fudhachiisuu-rratti qabsaawuu filatte.

Dargaggoonni garuu dhiibbaa mootummaa Soomaalee tiif oggoluu didan. Hawwii Soomaalee irraa gurra cufatanii, mala biraa dhawachutti seenan. Isaanii akkasitti jiru, Elemoo Qilxuu, sooreeysi, bulchiinsa mootummaa Adan waliin hidhata jaallummaa qabu, hidhaa Finfinnetti isa mudatte keeysaa bahee, itti dhufe. Qunnamtiin Elemoo mootummaa Adan waliin qabu hamilee dargaggoota akkaan cimsee, marii waliin gaggeeysaniin, Arfaasa 12, bara 1969, jaarmaya Adda Bilisummaa Oromoo kan Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu fii Mahammad Umariin hoogganamu dhaabbachiise. Jaarmayichaa waliin, alaabaa, mallattoo, faaruu alaabaa tii fii biyyaa baafachiise.

San booda, odoo hin turin, jaarmayichi dargaggoota qabsoo hidhannoo tiif muratan, mootummaa Soomaalee jalaa dhooysaa, leenjii waraanaa tiif, tokkoo-lamaan, karaa biyya Yaman, magaalaa Adan deemsise. Akka leenjii fii hidhannoo arkatanii niis,

1. Abdukariim Ibraahim Haamid (Jaarraa Abbaa Gadaa)

2. Abdulkariim Aadam Lakkuu ( Soowraa )

3. Mahmuud Sh. Mahammad Umar ( Bookhee)

4. Umar Abuubakar Ibraahim

5. Mahammad Abdulkariim ( Areedoo )

6. Mahammad Abdullaahi ( Koosum )

7. Bakrii Ibraahim ( Abbaa Fatoo)

8. Bakrii Ahmad Baabilee

9. Mahammad Ahmad Umar ( Kormooso )

10. Mahammad Abdulqaadir (Shaltaataa)

11. Ahmad Mahammad Umar ( Caalaa )

12. Mahammad Abdullaahi Alii ( Muudee )

13. Ahmad Mahammad Muussaa ( Mullata )

14. Mahammad Kabiir Iissaa ( Jarjarso )

15. Ahmad Mahammad Usmaan ( Daammacaa )

16. Mahammad Saanii Umar ( Horoo )

17. Husseen Abbaa Waaqaa ( Baale)

18. Jamaal Abdulqaadir

19. Ahmad Iissee

20. Aadam Mahammad Alii ( Laafaa )

21. Ahmad Nuur Alii ( Arroo )

22. Ahmad Nuur Hassan

23. Abdulkariim Mahammad Anas ( Jifaaraa )

24. Mahammad Sheekh Hassan ( Nibarbaannaa)

25. Aadam Abuubakar ( moluu )

26. Ahmad Mahammad Abdurahmaan

27. Mahammad Ibraahim Wadaay ( Shantam )

28. Ahmad Nuur Muussaa ( Na’ee )

29. Abdallaa Bakhrii

30. Mahammad Alii

31. Ahmad Umar Abdallaa

32. Ahmad Haashii

33. Hajjii Maamoo

34. Ramadaan Husseen Khaliil

35. Abdurahmaan Mahammad Yoonis ( Tuujii )

36. Ahmad Yuusuf Ibraahim ( Turee Leencoo )

irree miseensa soddomii jahaa tiin, Onkololeessa 17, bara 1970, Sabtii galgala, maqaa Adda Bilisummaa Oromoo-tti, lafa Soomaalee keessaan hulluuqanii biyya seenanii, qabsoo hidhannoo bilisummaa Oromiyaa jalqabuuf;

“Oromiyaa Oromiyaa yaa biyya abbaa kiyyaa

Tan tu siin qixxaawa mee takkalleen biyyaa

Oowwaa qabbanti-niis sirratti wal qixaa

Ellaa tanaaf diinni sirratti wal fixa

Hamma dur wal fixa sirratti dinninii

Arra ana je’ee ka’e kee ilminii

Kan kutee fuu sheenaa akka taanu hin qabnu

Si deeffanna arra hangamuu haa dhumnuu”

jechaa, biyya isaanii faarsaa, yaroo garii tiis, alaabaa tolfatan lulaa;

Moggaan lameen diimtuu magariisaa idduu

Walakkaan isii odaa handhurti isii aduu

Madani isii hedduu

Alaabaa dhabuun gabrummaa namummaa niis irruu

Nu alaabaa ni qabna tan akka aduu hangaatuu

Gaameeysa duuluuf qabna odoo kofluu kan du’u

Haxaawamnee ol qabna kum-kumni-lleen haa dhumuu

Baroode leenci Ormaa dhiiga suufe walleenii

Xiqqaa guddaan Oromoo tanuma hin haasawanii

Cufaa du’aa muratee if duuba hin deebi’anii

Yaa kiyyoo amaarsaa yakka garuu qotame kee gonninii

Biyya gadhiisi tolaan hadhaa du’aa hin dhuginii

jechaa, faaruu alaabaa baafataniin dhaadachaa, onnee guutuun, dukkanatti ija dhiibaa karaa seenan.

Duuba, Bahara Hindii, kan bitaa fii mirgi – gadii fii oliin isaa, kan irra daddeebi’u afanfaajjeessu, guyyaa aduu – halkan urjii, hordofaa deemanillee, Qeeyroon Ganamaa, naannoo silaa itti bu’uuf karoorfatan bira dabranii, Onkololeessa 19, 1970, iddoo Bulloo-har ja’amtu, tan Zeeylaa fii Barbaraa jiddu jirtutti lafaan walitti bahan.

Bulloo-har naannoo qubsuma gosa Abdurashiid Alii Shaarmaarkee, bulchaa Soomaalee, kan Ziyaad Barreen bara tokko dura aangoo irreen irraa fudhatee ti. Kanaaf, qaruuteen Ziyaad, haala gosa Shaarmaarkee keessa deemu itti-dhiheenyaan hordofuuf naannoo san guutanii turan. Jarrii, warra miya waraanaa hidhatanii qarqara baharaatti doonii irraa halkan bubu’an yaroo arkan, hatattamaan oduu Maqdishoon gayan.

Waraanni Ziyaad balaa itti dhufte dafanii ifirraa ittisuuf, halkanuma san dhufanii, qabsaawota marsan. Dukkanti ifa aduutiin yaroo injifatamtu, odoo Qeeyroon daadarkaa irraa hin kabsatin, lafaa fii qilleensaan lola itti banan. Qabsaawonni-niis, gama isaanii tiin, bakkuma jiranii dhukaasa ittisaa jalqaban. Sanuma keessa, eenyu akka tahanii fii maaliif akka deeman lallabbiin beessisan. Waraannii Ziyaad, haala hubannaan lola dhaaban. Shororkaan, Ramadaan Husseen Khaliil, Rabbi rahmata haa godhuu fii, qabsaawaa bilisummaa biyya isaa tiif manaa bahe, achitti wareeyde.

Lolli dhaabbatee, yaroo akeeka deemaniif bal’innaan jaratti himan, hoogganoonni waraanaa, haala isaanii kana-rratti murtii fudhachuu akka hin dandeenyee Qeeyroo beeysisan. Soomaalee keessa hayyama malee hidhannoon sossoohuus akka hin dandeenye dabalanii hubachiisan. Qabsaawonni gufuu fuul dura dhaabbattu cabsaa-baysaa karaa biyya isaanii hulluquuf karoorfatan ija keessa wal daawwatan. Haalli isaan mudate yaada jijjiiruu dirqe. Miya waraanaa kan karaa dheeraa dafka xuruurfachaa fidan, hiikkachuun dirqama itti taate. Hidhannoo hiikkatanii iddoo jarri fedhu yaroo dhaqan daran sheenawan. Ziyaad Barree, hayyama malee hidhannoon biyya isaa keessa seenuun yakkee, mana hidhaa Man-dheeraa keessa qabu geeyfatee, qabsaawota hawwii bilisummaaf qabaniin adda baase.

Elemoo Qilxuu, kan qabsaawonni Qeeyroo Ganamaa fedhii isaa tiin alatti, hujii Dhimma Alaa tiif if boodatti hambisan, hiree qabsaawonni biraa imaltaawan mudatan yaroo dhagayu akkaan gadde. Haalli, sagantaa alaa fii keessaaf karoorfatamte ganamaaan duraa sakaaluu malees, hujii hunda qonyee isaarratti kuffisuun, arkii jalaa dukkaneesse. Akkasumaa waliin, kurfii bara lamaa booda, waan amnaaf barbaachisu akka karaarra kaayateen, mataa isaa tii fii;

• Yuusuf Bakhar

• Mahammad (Afroo)

• Mahammad Mukhtaar (Millee)

• Mahammad (Luungoo)

• Abdallaa Alii (Abbaa Anaajirnaa) fii

• Husseen Muhammad Aliyyii Suraa (Sheekh Husseen Suraa), kan kaayoo tan isaa tiin faallaa taate qabu, malaan if wajji fuudhee, jiruu sadoo, bultii bareedduu fii ilmaan reefu dhadhale if duubatti dhiisee, qaanqee qabsoo hidhannoo bilisummaa biyya kessatti qabsiisuuf, Muddee 06, bara 1973, karaa Oromiyaa sossoohe.

Elemoo, fii qabsaawonni Qeeyroo Ganamaa tiif murna lamadaa tahuuf murteeffatan, akka Bahara Diimaa ceehaniin, karri karami odoo hin janne, miya isaanii tii waliin Gaara Gubbaa Qorichaa-rra qubatanii, Daloo ifii olitti laalaa, gadiin Galamso daawwachaa, Shaggariin, suduudaan, “kiiloo meetira dhibba lama qofa sirraa jirraa, nuu obsi,” ja’anii hawaasa dammaysuu, jaaruu fii Nafxanyoota naannoo san qubatan baareysutti bobbahan.

Gama biraa tiin, Qabsaawaan maqaa isaa dhawuun hin barbaachifne, kan Husseen Suraa if waliin biyya naqe, Arfaasaa 27, bara 1973 sab-boonota Finfinnee keeysa jiran, hamma tokkoo, kanneen ammaaf maqaa dhawuun hin barbaachifne, waliin wal-arkuun, kaayoo dhufaniif ibseef. Sanumaa waliin, miyni waraanaa kan fidan Carcar seenuu fii, Elemo fii Qabsaawonni waliin dhufan qabsoo hidhannoo bilisummaa Oromoo tiif hawaasa keeysa sossoohuu akka jalqaban gabaaseef. Sanirratti dabaluun, sagantaa siyaasaa tii fii alaabaa qaban dura afe. Sab-boononni teeysumarra waliin jiran, gabaasaa fii waan dura afame yaroo arkan, yaada dhihaateef fudhachuun filmaata tokkicha lafa jiru tahee arkame.

Elemo faan, odoo biyya hin seenin duratti, qabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa, jalqabumaan, Oromoota nannoo adda-addaa akka haammattuu fii hooggana isii keessattiis martinuu akka if arkan, godhuun barbaachisaa tahuu hubatan. Saniif, hamma qabsaawonni keessatti heddommaatanii Dirreen Qabsoo sabattee jabaattuu, hoogganummaa isiirraa if qusatanii malaan dhufan. Malli niis, hamma haalli olii guutamutti, bara lamaaf, sab-boononni Finfinnee keessa jiran Wiirtuu Gola Qindoominaa (Central Coordinting Body) akka tahan godhuu dha. Yaanni kuniis, sab-boonota teeysumarra turaniin fudhatamee, itti gaafatamummaan koree san dhaabuu itti kennamte.

Karoorri Qabsaawotaa hawaasa Oromoo tiin fudhatamuuf yaroo dheertuu hin barbaanne. Akkuma dhagayamaniin dardarri naannoo gama isaanii yaa’utti seenan. Nafxanyoonni baadiyyoota Gubbaa Qorichaa keessa jiran darsa guurratanii magaalatti godaanuu jalqaban. Ummanni baadiyyaa roorroo nafxanyootaa fii mootummaa irraa hara baafatan. Magaalaan shororkaawutti seente. Akki kuni, gir-girii biyya keessa jirtu-rratti tan biraa dabale.

Yaroo tana mootummaan humna waraanaa (Dargii) tan biyya harka keessa naqachaa jirtu, ummata Galamsoo fii naannoo isii tiin, afaanii baafatanii, “shiftoota isin keessa daddeeman fiduu ykn dhabamuu keessaa tokko filadhaa!” ja’anii doorsisan. Doorsisa isaanii kana hujiirra oolchuf, murna Faxnoo Daraash (Dafe Dhaqqabaa) ja’amuun beekkame, kan nama Shaalaqaa Kaasaahun Alamaayyoo ja’amuun hoogganamu, Galamsoo fii Gubbaa Qorichaa jidduu, Gooroo Khinteerii ja’amtu gubbaa qubachiisan.

San booda, Birraa 05, bara 1974, guyyaa Kamisaa, duula waraanichi Xirrotti itti baneen, qabsaawota malees, hoogganaan waraana Adda Bilisummaa Oromoo, Elemoo Qilxuu, wareegame. Wareegamni Elemoo tan isaa malees lubbuu sossoohinsa qacalee fudhate. Qabsaawonni isaa waliin biyya seenanii fii warri Wiirtuu Gola Qindoominaa tiis qabsoo hidhannootti hafuura deebisuu hin dandeenye.

Haalaa akkanatti jiru, Jaarraa Abbaa Gadaa, hidhaa bara shanii fii torbaanii booda, Onkololeessa 27, bara 1975, mana hidhaa tii gadhiifame. Akka hidhaa baheen fedhiin Jaarraa qabsoo ganama manaa baheefitti deebi’uu taate. Garuu, barri shanan mana hidhaa, maalummaa qabsaawotaa jijjiiruu-llee baatu, hamilee isaanii irratti gaaga’ama fide. Araraafamni qaamaa fii sammuu nyaattee, onnee yaada ganamaa san if dura ittiin fufan keessaa xuxxe. Kanaaf Jaarraan jaallan Qeeyroo Ganamaa keessaa kan isaa waliin yaada ganamaa itti fufu arkachuu hin dandeenye. Isaa haala san keeysa jiru, Muddee 15, bara 1975, Aadam Tukkaalee (Mul’is Abbaa Gadaa) tiin wal-arke.

Jaarraan Mul’is, nama akkuma isaatti qabsoo bilisummaa tiif manaa bahe, kan murannoo cimtuu akka isaa qabu arkachuu irraa haalaan gammade. Guyyuma wal’arkan yaadaa fii karooraan walii galanii, jaallummaa walii tii fii tan wal’aansoo sabaa tiif irbuu walii seenanii, qabsoo hidhannoo bilisummaa ummata Oromiyaa jalqabuuf, waliin karaa biyyaa sossoohuu murteeyfatan.

Akkasiin, akka haala imalaa sirreeffataniin, mootummaa Soomaalee jalaa if dhooysaa, qawwee takka malee, harka duwwaa, Hargeeysa-rraa amna miilaa tiin karaa biyyaa sossoohanii, guyyaa sadii booda, Bitooteessa 14, bara 1976, Ganda Haajii kan Gobeellee jiru gayan.

Jaarraa fii Mul’is akka biyya seenaniin, sab-boonota Oromoo warra Elemo faan Gola Wiirtuu Qindoominaa muudan qunnamuuf Shaggar bahan. Gaafana, sab-boonontaa karaa nagayaa tiin qabsaawuuf dhaaba jaarratanii sukukkulaa jiran arkan. Akki sab-boononni itti jiran qabsaawota lameen yaada biyya seenaniif jijjiirsisuu hin dandeenye. Jaarraan Mul’is ulee qunnamtii godhatee ifii isaa tiif qawwee Elemo faan biyya naqan keessaa takka arkatee, saniin dhukaasa qabsoo hidhannoo Raammis keessaa bowwaasutti seene.

Jaarraan qabsoo hidhannoo jalqabuun sab-boonota lammii Oromiyaa keeysa daftee lootee, warra dhaabbii isii qaban onnachiisutti seente.

Yaroon Jaarraan qabsoo hidhannoo itti jalqabe, yaroo hawaasni biyyaa dhaabota siyaasaa hedduun dhunfatame ture. Haalli kuni, hawaasa lammii isaa akkaan bittineesse keessaa tokoo kan Oromoo ti. Gaafana, dhaabonni Me’iisoon, Malireedii fii Waz-liig irraa hiis kan miseensummaaf Oromoo dhabe hin jiru. Ici’aat silaa warri dhaabee hu isaani.

Dhaabonni hundi ilmaan Oromoo ifitti miseensomsuu malees, wal’aansoon qabsoo bilisummaa akka hin barbaachifnee fii sirriis hin tahin karaa adda-addaa tiin warra irratti hojjatu tahan. Sanirraan, dhaabonni gurguddaan lameen, Ihaappaan barruu Bilisummaa ja’amtuun, Me’iisoon tan Tarkaanfii moggaasee fiin, Oromoota kaayoo fedhii isaanii hordofuu irraa dabsuuf olola walitti dhaabbate hafarsaa turan.

Haaluma kana keeysa ammaas, kanneen dhaabota siyaasaa adda-addaa keeysa jiranii fii hin-jirre keeysaa hiis, warri sab-boonummaan itti dhagayamtu, akka walitti dhihaatanii fii walii-galaniin maadhee jaarratanii, Markisizim qu’achaa haala siyaasaa biyyattii xiinxalu. Sab-boonota kana keeysa warra qabsoo bilisummaa Oromiyaa tin’isanii fii kanneen tokkummaan biyyaa itti fardii tu arkama. Dhaabbiin lama tahanillee, warra qabsoo bilisummaa deeggaran keeysaa kan kaayoo san if dura oofuuf Dirree Qabsoo seenu dhabamuun, warra dhaabbii taan qabaniin garaa-garummaa hanqise.

Duuba, oduun Jaarraan Dirree Qabsoo saaquu warra kanatti onnee goote. Haala kanarraan kan ka’e, sab-boononni hammi tokko, kanneen Jaarraan Shaggar bahee qunname dabalatee, Waxabajjii 11, bara 1976, magaalaa Finfinnee, Ganda Jaan Meedaa ykn Hurufa Boombii ja’amutti walitti dhufan.

Teeysuma tilmaamaan sab-boononni afurtamii lama irratti arkaman tanarratti, marii gaggeeyfamteen, qabsoo bilisummaa of dura tarkaanfachiisuun irratti walii-galamee, dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) lamada jaarame. Sanii waliin, sagantaa siyaasaa tan Elemoo Qilxuu faan kaayoo tanaaf qopheeysanii if waliin biyya naqan fooyyiinsa xiqqoon fudhatamte. Akkasumatti mallattoo fii faajjii fiis tan Jaarraa faan bara 1969 taraarratan fudhachuun irratti waliif galame.

Warri walgayii tanarratti arkaman, hoogganummaa dhaaba kanaa tiif, kanneen teeysumarratti arkamanii fii achi hin turin keeysaa, namoota kudha saddeet muudan. Warri kudha saddeettan, qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa keessatti haala kanaaf seena-qabeeysa tahan; Abboomaa Mitikkuu, Ahmad Bunaa, Baaroo Tumsaa, Jaarraa Abbaa Gadaa, Badhoo Dachaasaa, Gaabbisaa Lammeeysaa, Fiqaaduu Waaq’jiraa, Mul’is Abbaa Gadaa, Muuhee Abdoo, Gadaa Gammadaa, Diimaa Naggoo, Magarsaa Barii, Dr. Taaddasaa Eebbaa, Abbiyyuu Galataa, Xaahaa Alii, Leencoo Lataa, Zagayyee Asfaawii fii, Abbaa Biyyaa Abbaa Joobiri.

Namoonni kudha saddeettan kuni Koree Jidduu tahanii, if keeysaa, Koree Huji Raawwachiiftuuf namoota jaha, Koree Gabatee Gulaalaa tiif namoota sadii, walii-galatti namoota sagalirraa, Koree Gola Olii (Supreme Council) ja’amtu dhaaban. Koree tanarratti, Abbomaa Mitikkuu, Badhoo Dachaasaa, Diimaa Naggoo, Leencoo Lataa, Magarsaa Barii, Muuhee Abdoo, Xaahaa Alii, Taaddasaa Eebbaa fii Gadaa Gammadaa ramadaman. Caasaa armaa olii keessatti, Diimaa Naggoo Dura Taa’aa, Muuhee Abdoo Itti Aanaa, Xaahaa Alii Barreeysaa, Gadaa Gammadaa Irreeysa Gabatee Gulaalaa tahan. Gadaa waliin Badhoo fii Abboomaan Koree Gabatee Gulaaltuu keeysatti ramadaman.

Gama biraa tiin, xiqqo yaroo tana dura, sab-boononni Oromoo kanneen Shaggar keessa jiran, warri maadhoota ABO-n irraa jaarame keeysa hin turin, kanneen Habashoota waliin dorgommii siyaasaa irraa hiis qooda fudhachaa hin jirre, if jaaruurratti marii jalqaban. Marii yaroo hamma tokkoof deemteen, dhuma ji’a Caamsaa bara 1976-a keessa, Teessoo (Xaggaayee) Namarraa, Baqqalaa Galataa, Ibsaa Guutamaa, Jimaa fii Abrahaam Moosisaa gurmuu Adda Bilisummaa Ummata Oromoo (ABUO) afaan Ingiliziitti Oromo People Liberation Front (OPLF) ja’amuun as bahan.

Dhaabni ABUO jaaramee ji’a sadii booda, Birraa 11, bara 1976, arraata dhaaba isaa, Oromiyaa, tan hegere “Murna Oromiyaa” ja’amuun ittiin beekkamuuf jiraatu barreessee bittinneesse. Dhaabni ABO-tiis akkasumatti, waluma faana, sagalee isaa, Bakkalcha, kan “Murna Bakkalachaa” –tti ittiin yamamuuf jiraatu barreessuu jalqabe.

Warri ABO bu’ureessan Jaarraa fii Mul’is koree hoogganootaa keessa naqachuun Dirree Qabsoo waliin hariiroo suduudaa akka qabaatan godhe. Akkasumaa waliin, warri ABUO-tiis gama miseensota isaanii tiin, Dirree Qabsoo waliin hariiroo qalloo uummatan. Akkasiin, murni lachuu, haaluma qunnamtii isaanii tiin, waan dandayaniin Dirree Qabsoo tin’isutti seenan.

Seenaan olii haala qabsoo fii amna uumama Adda Bilisummaa Oromoo gabaabinatti. Bal’inni isii kitaabota kiyya Raammisoo fii Huurso keessatti arkamu. Kaayoon seenicha barreeysuu, barsiisuu biratti, kabajaa bara 50ffaa hundeeffama Adda Bilisummaa Oromoo jachuun karoorri deemaa jiru, kan bara 1973 akka dhaloota ABO-tti beeysisu, dogoggora tahuu lammii hubachiisuu fi. Akka seenaa oliitti ABO-n dhalootaaf bara 1969 ykn bara 1976 himachuu dandaya. Inni sanii alaa, shira dhugaa jirtu hagooguu ti.

Warri seenaa olii beekan, kanneen garaa fii ganda keeysatti gumgumaa jiran heddu. Jarri kuni, soda maal-naaja’nii irraa guddatanii, dhugaa jirtu ibsuun warra seenaa dabsaa jiru balaaleeffachuu qabu.

Oromiyaan ni bilisoomti!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

4 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

4 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

4 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

4 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

6 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

6 months ago