Maqaan dhalootaa Hasan Ibraahim jedhama. Akka ragaan tokko tokko ibsanitti, kan dhalate bara 1936, Oromiyaa bahaa keessatti ture. Maqaa qabsoo Elemoo Qilxuu jedhamuun uummata biratti beekkama, hirmaataa warraaqsa sabboonummaa Oromoo fi hoogganaa Waraana Bilisummaa Oromiyaa(Oromia Liberation Army) ti.
Seenaan ijoollummaa Elemoo Qilxuu baayyee hin beekaamu. Garuu, bara 1956 Elemoon barnoota Islaamaa baratee magaalaa Dirre Dawaa keessatti daldalaa Arabaa sooressa tokkoof hojjachaa ture. Daldalaan kunis Elemoo fudhatee gara Eden, Yaman bara 1956tti deeme. Eden akkuma ga’een maqaa isaa gara Elemoo Qilxuutti jijjiirrate. Boodarraa dubartii Oromoo achi jiraattu tokkos fuudhe, daldala jalqabe. Daldala achitti jalqabe kunis baayyee milkaa’eef..
Elemoon waa’ee siyaasa nama dhimma qabu hin turre; garuu bara 1966tti manni isaa bakka itti sabboontonni Oromoo wal gahan ta’e. Kunimmoo qoonsilaa mootummaa Itoophiyaa yaaddessaa deeme. Elemoonis diinota mootummaa Itoophiyaa qarshiin gargaara jedhamee shakkame. Bara 1967, namni Hararii (Harari businessman) mootummaa Itophiyaatif hojjatu tokko, Eden dhaqee Elemoorraa mi’a liqeeffate. Elemoodhanis yeroo Finfinnee dhufteen sii deebisa jedheen. Akkuma Finfinnee ga’een, Elemoon qabamee gocha shororkeessummaa mootummaa Itoophiyaarratti geggeessun himatame. Mana hidhaa kessattis qorannoo hamaa, reebicha fi miidhaa sammuu (psychological torture) guddaatu isarra ga’e. Kunimmoo Elemoon irra caala akka inni siyaasa keessa seenu godhe. Hiriyoonni Elemoo qarshii walitti qabanii erga malaamaltummaan dura ta’aa nageenyaa (security chief) namicha tureef qarshii kennanii booda gadi lakkifame.
Yeroon Elemoon mana hidhaa keessatti dabarse akka inni sabboonaa kutataa ta’u isa godhe. Erga mana hidhaatii baayee booda sochii sabboonumma Oromoo kan akka Waldaa Afraan Qalloo keessatti hirmaachu jalqabe. Osoo biyya jiruu, Elemoon dhoksaadhan gara Moqaadishoo deemee walga’ii sabboonummaa Oromoo irratti hirmaate. Achittis hojiin sabboonummaa Oromoo uummata biyya Arabaatti baballisun isatti kenname. Gara Edenittis deebi’ee dhaabbata hawaasa Oromoo hundeesse. Bulchiinsa magaalaa Edenis amansiisee akka isaan biiroo siyaasaa banuuf isaa eeyyaman godhe. Gargaarsa mootummoota Arabaa fi akkasumaas Dhaabbata Bilisummaa Paalestiin (Palestinian Liberation Organization) fi Adda Bilisummaa Eertiraa (Eritrean Liberation Front) irraa gaafate. Gargaarsa mootummaa Iraaqitiin, leenjii waraanaa ji’a torbaa erga kennee booda addaa riphee lolaa (guerilla force) hundeessee. Adda kanas hooggansa hiriyaa isaa Abdulkarim Hajii Ibraahim, irra caala maqaa Jarraa Abbaagaddaa jedhamuun beekkama, bobbaase. Addi kun odoo gara Itoophiyaa seenuf yaaluu mootummaa Somaaliyaatin rukutamee, booji’amee gara mana hidhaa galfame. Kunis ta’u, Elemoon odoo abdii hin kutatin meeshaa waraanaa, gargaarsa Adda Bilisummaa Eertiraatin, dhoksaadhaan karaa gammoojjii Affaar keessan gara Itoophiyaatti glachuu fi kuusuu jalqabe.
Kana booda, hiriyaa isaa Hundee Taqii wajjin, qabsoo waraanaa jalqabuuf gara Galamsoo deeman. Achittis jeneraal Taaddasaa Birruu, kan hidhaa manaa kessa ture, waajin wal argan. Elemoon dhoksaadhan humna waraana ijaaruu jalqabe. Abaan Hundee humna waraanaa riphee lolaa kana bakka iddoo Gubbaa Qorichaa jedhama Tulluu Carcar irratti akka buufatu gorsan. Caamsaa 1974, Elemoon nama digdama fudhatee Gubbaa Qorichaa irratti kaampii dhaabe. Achiihis eegdota namicha Mulaatuu Tagany jedhamuu, abbaa lafaa ummata naannoo sanaa baayyee hacuucaa ture, ajjeesuu jalqaban. Boodarras erga Mulaatun barsiisaan amantii Islaamaa Galamsoo kessatti akka ajjeeffamu ajajee booda Mulaatuu ajjeesan.
Ajjeechaan Mulaatu nannoo sana naasise. Bulchaan naannoo sanaas loltuu isaa ergee akka balleessan ajajus garuu loltuun isaa milkaa’uu hin dandeenye. Hidhattoonni naannoo (local militia) riphxe loltoota Elemoo Qilxuu dhaabu waan dadhabaniif mootummaan Itoophiyaa jeneraal Geetaachoo Shibashii humna waraanaa guddaa wajjin gara Galamsootti erge. Humni waraanaa Elemoo waraanaa dheera waan hin geggeessineef, humni Geetaachoo hedduu rakkate.
Dhumarratti humni Geetaachoo naannoo Xirrootti humna Waraana Bilisummaa Oromiyaa itti marsanii waraana geggeeffameen nama baayyee keessaa ajjeesan. Elemoonis erga harka kennatee booda gaafa loltuun isa qabuuf dhufan dhuka’aa dhoose of ajjeesee, gootummaan seenaa galmeessee darbe.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…