Tokkummaan jaarmayoota fi qabsaa’ota Oromoo akkamitti ijaaramuu danda’a?

Abdii Boruutiin

Kutaa sadaffaa – Dhugaa ragaa qabu moo afaanfaajjessaa dha? Iccitiin jiru hoo maali?

Akkuma kanaan duraa har’as kutaa sadaffaa barruu kiyyaa kanas gaafii’umanan jalqaba. Kan gaafii kana akkan kaasu na godhe ammoo media fi intarneeta irratti waan tokko tokko dhaga’uu fi argee dubbisuu kooti. 

Duraan dursee wanti tokko akka naa hubatamu kanan barbaadu, akkuman barruu kiyya kan kana duraa keessatti illee ibse, kaayyoon barruulee kiyyaa kan kanaan duraas ta’ee kan gara fuulduraa dhiyaatan walumaa galatti Oromummaan akka guddatu, tokkummaan Oromoo keessumaayuu waliigaltee fi tokkummaan qabsaa’ota Oromoo akka ijaaramuu fi cimu, humna horannee Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) dafee galii booddee akka ga’u akkasuma illee Afaan keenya akka qulqullaa’u, bal’atu fi guddatu, akka hin dagatamne, yaada fi dhaamsa koo Oromoo hundaafuu dabarsuu dha. 

Jaarmayoota siyaasaa Oromoo kan walaba ta’anii qabsoo kana irra jiranis eega bilisummaa uummata keenyaa fi walabummaa biyya keenyaaf qabsaa’ani hunda isaanii tu ija tokkoonan ilaala. Deeggarsi kiyyas hundaafuu qixxee dha. Tokko ol qabee kan biraa gadi hin qabu; tokko deeggaree kaan hin balaaleffadhu. Yoo dogoggora ykn balleessa hojjetan jedhee itti amane hunda isaaniitu qixxuman qeeqa. Kun mirga abbaa fe’ee ti. Hawwiin kiyya garuu jaaramayoonni Oromoo kun kophaa kophaa qabsaa’uu irra waliigaltee fi tokkummaa uumanii akka waliin qabsaa’ani dha. Kuni ammoo hunda caalaa waan bu’aa guddaa uummata keenyaaf fiduufi. 

Karaa biraatiin ammoo miseensummaas ilaalchisee ani miseensa jaarmayaa ogummaa (professional organisation/ professional body) malee miseensa jaarmayaa siyaasaa tokkoo illee miti. Kanaaf garee tokkotti hirkadhee isa tokko qofaa deeggaruu fi ittisuun yaadas kaayyoo kiyyas miti. Gabaabumatti ani nama Oromummaatti amanu fi kan tokkummaa ilmaan Oromoo hundaatu hawwu dha. 

Waayeen uummata Oromoo fi qabsoo keenyaa waan na quuquuf, waan boqonnaa na dhoowwuuf akkan yaada fi ilaalcha kiyya barreessu na kakaase. Waanan arge fi dhaga’e, waanan hubadhe kan dhugaa irratti hundeeffame jedhe amanu irrattan yaada fi ilaalcha kiyya barreessa malee waanan hin beekne kan ragaa hin qabne fi hin amanamne qabadhee dubbistoota barruulee kiyyaa afaanfaajjesuu hin barbaadu. 

Ani dhugaattan amana. Gaafii dhugaa dhiyeessee deebii dhugaa argachuun barbaada. Uummanni keenya illee dhugaa jiru akka hubatun barbaada. Dhaadannoon kiyya illee dhugaa jirutti amanaa ti wal amansiisaa, dhugaadhaan waliin haasa’aa, dhugaa dhaan waliin hojjedhaa, tokkummaa dhugaa uumaa, dhugaa jiru uummata keenya hin dhoksinaa fi kkf dha.

 

Egaa amma gara gaafii kutaa barruu kanaatti deebi’uu dhaan sababni gaafii kana na kaasise akkuman kanaa olitti tuqee dabre dhiyoo kana Oromo Media irratti waan tokko tokko dhaga’uu kooti. Amma qofaa otuu hin taane kanaan duras akkan dhaga’etti wanti media kana irratti dabru tokko tokko baay’ee gaddisiisaa dha. Maqaan namoota illee yaamamee ifatti kan saaxilamu asi irratti.

Kan nama dinqu fi kan namaa hin galle Qabsoo Bilisummaa Oromoo kana keessatti iccitiin qabsaa’ota jidduu jiru kan uummanni Oromoo hin beekne ykn kan uummata keenya irraa dhokatu maal inni? Kana hoo eenyu irraa dhageenya? Eenu tu dhugaa jiru nutti hima?

Amma gaaf tokko seenaa keessatti barreeffamee arginutti eeguu qabnaa?

Eenyu akka dhugaa dubbatu, eenyu akka dhugaa qabu ani ofii kiyyaa hin beeku anaafi illee hin galu. Kan naa gale yoo jiraate duulli Oromoonni wal irratti godhan amma illee akka hin dhaabbatini fi akka itti fufaa jiru dha. Yeroo ammaa yeroo gaafiin tokkummaa bakka hundatti ka’aa jirutti, yeroo waliigalteen uumamuu qabutti wal irratti duulli fi wal diiguun kun mul’achuun isaanii dhuguma gaddisiisaa dha.

Kan media kana irratti dubbatamu kun dhugaa ta’uu fi ta’uu baachuu waaqni/rabbi tokkichi haa beekun jedha. Kanan akkan jedhu ammoo mala dhabeetani. Qabsaa’onni keenya wal beeku, iccitii jirus ni beeku ta’a. Iccitii walii beeknanuu duula akkanaa wal irratti oofani miti? Uummanni Oromoos gaaf tokko dhugaa jiru kana beekuun isaa hin oolu.

Yaamichi WBOn ZK marsaalee tokko tokko irratti baase illee akka waan namoota garee tokkoo irraa ba’e godhameeti dhiyaate. Kan kana godhan jedhamani illee maqaan namoota tokko tokkoo ka’ee ture. Egaa kun ammam dhugaa dha? WBO ZK kun jira moo hin jiru? Namoonni maqaan isaanii ka’e kun dhuguma maqaa WBO tiin daldalanii? Qabsaa’ota dhugaa ti moo dhuguma akkuma jedhame warra diina tajaajiluu fe’ani dha? Waayeen kun baay’ee walxaxaa fi afaanfaajjessaa dha. 

Akkuman barruulee kiyya kan kanaan dura keessatti illee mul’ise fi ammas jedhu hawwiin Oromoo hundaatu tokkummaa qabsaa’otaa keessumaayuu walitti deebi’anii tokkoomuu ABO ti jedheen amana. Lammiileen Oromoo ammoo tokkee dhaanis haa ta’u gamtaa dhaan yaamicha tokkummaa yoo godhan ykn tokkummaa dhaaf yoo iyyatan kun balleessa natti hin fakkaatu. Abbaan fe’e haa yaamu abbaan fe’e haa owwaatu yeroon yeroo tokkuummaa ti. Kuni dhugaa hundi keenya itti walii galuu qabnu dha.

Kanaaf ani illee barruu kiyya isa kutaa lammaffaa keessatti yaamichi WBO ZK dhaga’amuu qaba jedhe. Garee ykn murna tokko deeggaree otuu hin taane ofii kiyyaaf tokkummaan Oromoo, tokkummaan qabsaa’otaa fi tokkoomuun ABO hawwii guddaa kiyya waan ta’e fi QBO illee galii booddee ga’uu kan dandeessu tokkummaa qofaa dhaan akka ta’u waanan itti amanuufi.

Barruu WBO ZK ilaalchisee ani kanan jedhu (yoon akkana jedhu ammoo garee tokko deeggaruu fi ittisuu kiyyaa miti) yaamicha nagaa, araaraa fi tokkummaa dhiisiiti yaada’uma  fe’ee yoo ta’e har’a abban fe’e interneeta irratti waan fe’e barreessuu (baasuu) ni danda’a. Kan isa dhoowwu hin jiru. Kan dirree lolaa jirus lolaatuma interneeta irrattis waan barbaade baasuu danda’a. Kan WBO maaliif kophaa ta’ee, akka waan godhamuu hin dandeenye ykn hin hayyamamne tokkotti ilaalama? Kuni yoo godhame ammoo kan seenaa keessatti nama gaafachiisuu miti. Kanaaf namoonni barruu WBO sana jalatti yaad (comment) ofii barreessan tokko tokko – WBOn dirree lolaa malee dirree intarneetiitti seenaa keessatti hin beekamu, raajii dha – jechuun isaanii sirrii natti hin fakkaatu. Kuni raajiis miti. Kan barruulee WBO ZK sana baasan WBO dhugaati miti kan jedhani yoo ta’e, kuni yaada isaanii ti. Ragaa qabaachuu danda’u. Kana anis hin beeku. 

Yaada’uma tokkummaa tu na gammachiifnaan yaamichi kun dhaga’amuu qaba jedhe malee anis gara kiyyaan WBO dhugaa ta’u ykn ta’uu baachuu ragaa qabadhee ti miti.

Ani kanan jedhu warri dhugaas ta’e iccitii jiru beektan isa kana gadi baasaatii uummanni Oromoo akka dhaga’u godhaa. Media’uma fi intarneta irratti wali irratti duuluun, wal arrabsuun, wal abaaruun, wal salphisuun diigumsa caalaa fida malee bu’aan inni uummata keenyaaf fidu jira jedhee hin yaadu. Duula kana dhiisaati dhugaa jiru nutti himaa. Dhugaan dhokattee eessayuu ga’uu hin dandeessu. Yaaliin Oromo media irratti godhame ykn dabre kun dhuguma dhugaa fi iccitii jiru ifatti baasanii uummanni Oromoo akka beeku godhuuf yoo ta’e kana booda seenaanuu waan hin daganneef saaxiluun gaarii dha garuu ragaa qabatamaa wajjin uummata keenyatti himamuu qaba. Kuni yaada kooti.

Dhaamsa WBOn ZK kanaan dura dabarse irratti ABOn murni ykn gareen sadeenuu ibsa ofii akka baasani fi yaamicha kana illee akka deeggaran kan yaadatamuu dha. Kuni ammoo kan marsaalee (website) tokkee tokkee isaanii irratti bayee ture dha. Egaa gaafiin asitti ka’uu qabu: Akka namoonni tokko tokko jedhanitti ykn akka Oromo Media irratti dabretti yaamichi kun nama ykn gamtaa tokko irraa kan ba’e yoo ta’e; WBO dhugaa irraa yoo hin ta’in akkamitti deeggarsa kana argachuu danda’e? ABO murni sadeenuu fakkeessumaaf yaamicha ykn dhaamsa kana ni fudhanna, ni deeggarra jedhanii? Oromoo maaltu godhamaa jiraa? Iccitiin jiru ifatti ba’uu qaba. Waayeen keenya afaanfaajjessaa ta’aa jira.

Amma walitti deebinutti nagaan turaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago