Categories: Oduu Oromiyaa

VOA. Lola ABO fi Waraana Itiyoopiyaa

Jaallannee Gammadaa

Dilbata darbe Naannoo daangaa Itiyoopiyaa fi Keeniyaa irratti waraana mootummaa Itiyoopiyaa fi adda bilisummaa Oromoo gidduutti wal waraansi geggeeffamuu isaa gaazexaan Keenyaa “Standard ” jedhamu marsariitii isaa Standard digital jedhu irratti beeksisee jira. Kana irratti VOAn afaan Swaailii illee waraanni mootummaa Itiyoopiyaa daangaa ce’ee Keeniyaa keessatti haleellaa geggeessuu isaa gabaasee ture.

Gama kaaniin garuu ABOn kan tarkaanfii waraanaa fudhanne biyya keessatti jedha. Wal waraansa geggeeffameen waardiyyaan mana barumsaa sadarkaa duraa tokko ajjeefamuu fi hospitaalli Moyaalee haleelamuu marsariitiin kun hubachiisee jira.

Loltoonni Itiyoopiyaa ammaan dura yeroo adda addaatti daangaa Keeniyaa seenaa akka turan komiishinerri konyaa Marsaabit Piitar Tukuu ibsanii jiru.

Gama kaaniin Addi Bilisummaa Oromoo duula waraanaa kan geggeessu lafa Oromiyaa irra qofa ta’uu dubbi himaa kan ta’an obbo Toleeraa Adabaa ibsanii jiru.  Garuu mootummaan Itiyoopiyaa daangaa ce’uun Oromoota Keeniyaa keessaa hiraarsuun waan baratame jedhan.

Mootummaan Keeniyaa hidhattoonni ABO Keeniyaa keessa hin jiran jechuu isaa marsariitiin “Standard Digital” ibsee jira.

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago