Koree Hawaasa Baqqattoota Oromoo Magaalaa Naayiroobii
Jilli dabballoota OPDO olaanoo mootummaa gita bittuu wayyaaneen bobbaafame baqattoota Oromoo biyyoota ollaa Itoophiyaa keessa jiran (Keenyaa, Ugaandaa, Somaaliyaa, Jibuutii, Ijibtii fi sudaan lamaan) keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa hamaafi adda ta’e saganteeffatee ukkaamsuu fi biyyatti deebisuu kan jedhuun duula hamaa gochaa jira. Haaluma kanaan baqattoota Oromoo biyya Keenyaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun marsaa jalqabaaf gaafa guyyaa Guraandhala 14, 2015 magaala Naayiroobiitti duula ji’oota lamaaf walittifufinsaan raawwatu mataduree marii baqattoota waliin jedhuun karaa ergamtuu ykn lukkeelee diinaa baqattoota fakkaataniifii saba biraa Afaan Oromoo dubbataniin waliin makanii hawaasa keenya afaan faajjessuuf walga’ii geggeessuudhaaf xalayaa waamichaa facaasaa jiru.
Haaluma kanaan dabballoonni OPDO fi basaastonni murna gita bittuu wayyaanee dhibbaan lakkaa’aman gara magaala Naayiroobiitti galuun embaasii alatti waajjira dhimma kana qindeessu saaquun duula hamaa geggeessutti argamu. Kanaaf, dhalattoonni Oromoo dhimma kana otoo hin hubatiin itti hirmaachuuf yaada qabdan balaa dhokataa sagantaa kana duuba jiru hubattanii akka irraa of qusattan yaadachiisa kana isiniif dhaamna.
Kaayyoo ifaa ykn. Jechoota Sossobbaa Sagantichaa
Kaayyoo Dhoksaa Sagantichaa
Kanaafuu, hawaasni Oromoo fi miidiyaaleen Oromoo biyyoota adda addaa keessatti argamtan akkasumas jarmiyaaleen kabajaa mirga namaaf dhaabattan duula mirga baqattoota Oromoo ukkaamsuuf bobba’e kana qolachuuf tumsa barbaachisu akka gootan waamicha lammuummaa isiniif dabarsaa, namoota baqataa fakkaatanii duula kana milkeessuuf xalayaa waamichaa facaasaa jiran hordofnee maqaa isaanii kan saaxillu ta’uu nihubachiifna.
Koree Hawaasa Baqqattoota Oromoo Magaalaa Naayiroobii
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…