Oduu Oromiyaa

Waamichi araara PP naannoo Oromiyaatti afeerte yaamicha onneerraa dhufeemiti.

Xinxaalaan Siyaasaa Yaayaa Bashiir waamichi araaraa mootummaan naannoo Oromiyaa taasise waamicha onnee irraa dhufee miti jedhe.

Oromiyaa keessatti dhuguma nageenyi akka bu’u yoo barbaadame mootummaan federaalaa waamicha araaraa taasisuun bakka qaamni 3ffaan jirutti mari’achuu qaba jechuun ibsee jira.

Pirizidaantiin Mootummaan naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa yaa’ii Caffeen Oromiyaa dhuma torbee darbee taa’e irratti qaamonni hidhatanii naannoo Oromiyaa keessa socha’an karaa araaraan akka galan gaafannaa jedhan.

Waamicha mootummaan naannoo Oromiyaa taasise kana hordofuun Waraanni Bilisummaa Oromoo haaldureewwan mariif barbaachisan tarreessee keessa waamicha araara mootummaan federaalaa haa dhiyeessu kan jedhuu fi bakka qaamni 3ffaan jirutti mari’anna kan jedhu keessatti argamu.

Dhimmoota Siyaasaa Itoophiyaa irratti xiinxala kennuun kan beekkamu Yaayaa Bashiir, waamichi araaraa amma taasifame akkuma kan asiin duraa “koottaa galaa” kan jedhuudha jechuun, mootummaan dhuguma Oromiyaa keessatti nagaa buusuu yoo barbaade mootummaan federaalaa waamicha taasisee bakka qaamni 3ffaan jirutti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mari’atu qaba jedhee jira.

Lolli Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru lola mootummaa federaalaafi WBO ti kan jedhe Yaayaa Bashiir dhimma waraana Oromiyaatiin wal qabatee labsiiwwan garagaraa dabarsaa kan ture mootummaa federaalaati waan ta’eef, araara haqa-qabeessa, araara nama amansiisu mootummaan federaalaa waamuu qaba jedha.

Waraanni Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru sadarkaa jaarsa biyya keessaatiin xumuramuu hin danda’u kan jedhu Yaayaa Bashiir, hammeentaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan bara 2018 fi kan ammaa wal hin gitu jedhe.

Bara 2018 fi 2019 keessa jaarsaa biyyatiin yaaliin araaraa taasifamaa ture fashalaa’uun gatii bira ummata Oromoo kafalchiisuu kan yaadachiise Yaayaan, amma akka bara sanatti jaarsaa biyya keessatiin araara buufna jechuun lama ganamuudha jedha.

Nagaa fi tasgabbii waarawaa Oromiyaa keessatti kan fiduu danda’u akkuma waraana Tigraay waraana Oromiyaatiifis xiyyeefannaan kennamee bakka qaamni 3ffaan jirutti araarri bu’uu akka qabu ibsamaa jira.

Maddii: OMN

bilisummaa

Recent Posts

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

6 days ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

1 week ago

Response to Dr. Yonas Biru, the Oromo Phobic and Oromo Hater Amhara Ultrarightist Extremist

September 2, 2023 Leenjiso Horo Dr. Yonas Biru has shown in his political Swinging Pendulum…

4 weeks ago

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa'aa…

1 month ago

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti…

1 month ago

Oromia Liberation Struggle: A Step Forward or Backward? Which way is it?

August 18, 2023 Kurfeessaa Sararoo    The Oromo people have been struggling against the Abyssinian for…

1 month ago