Categories: Yaada

Waan Hundaa dura “Baga Biyya Keessan Ishee Dargaggummaa keessan Aarsaa itti Gootanitti Nagaan Dhuftan!!”

Haala Yeroo Irratti Yaada Dhuunfaa Kiyyaa!!!
====================================

Dhaabbilee ykn Paartiwwan Mirga uummata Oromoo kabachiisuuf dhaabbatan keessaa tokko kan ta’e Paartiin Adda Dimookiraatawaa Oromoo(ADO) Biyya Keessa Seenee uummata waliin qabsoo jalqabuuf Ejjanoo isaa Ifatti erga ibsee Ganna Lama darbuuf adeema.dhimmi kun kan baayyee Wal falmisiiste taatus yoom akka Biyya keessa seenan garuu hunduma keenyaaf gaaffii turte.Adeemsa Waggaa Lamaa booda Kaleessa Galgala Jiilli Paartii ODF Jaal Obbo Leencoo Lataatiin durfamuu dhaan Magaalaa Finfinnee seenanii jiru!!!

Waan Hundaa dura “Baga Biyya Keessan Ishee Dargaggummaa keessan Aarsaa itti Gootanitti Nagaan Dhuftan!!” Jechuun fedha.Mata Duree kanaan wal qabatee biyyattii kana keessatti Gidduu kana waa’een Uummata Oromoo Mata durree addaa taatee jirti.Mukiif Baalli wal harkaa fuudhee waa’ee uummata Oromoo isa darbee fi kan ammaa wal bira qabuu dhaan Fuulduratti maal akka ta’uu danda’u Tilmaamaa jiru.Kun anaaf Gammachuu guddaa dha.Amantanis Amanuu baattanis
dhimmi gidduu kana Afarfamaa jiru Qabsoon uummata Oromoo haala kamiin iyyuu sadarkaa boodatti deebi’uu hin dandeenye irra akka ga’e agarsiisa!!!

Gara Yaada kootti yeroon deebi’u Paartiin uummata Oromoo Jaal Obbo Leencoo Lataatiin hoogganamu(ADO) biyya seenee uummata biiyya keessa jiru waliin qabsoo jalqabuuf Murteessuun isaa akka dhuunfaa kootti waan ta’uu qabu dha jedheen fudhadha.Namoonni Hedduun Yaadannoo bara 1991 yaadachuu dhaan Adeemsa ODF irratti Mormii guddaa agarsiisaa jiru.yaadi Namoota kanneenii Yaada Oromoo hundaa taateefii yaada Sammuu uummata Oromoo keessatti Godaannisa guddaa keessee darbite dha.Haa ta’u Malee “Bishaan Darbe Hin Waraabani” jette Oromoon.Bara 1991 Chaartara biyyattii shiraan qopheeffame “Hin Fudhadhu” jechuu dhaan dhiitee kan ba’e Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) dha.Dhaabni kun har’as kaayyoo isaafi Mul’ata isaa galmaan ga’uuf halkaniif guyyaa qabsoo hadhaawaa Adeemsisaa jira.
haa ta’u Malee yeroo sana(1991) hoogganaa ABO kan turaniifii qabsoon uummata Oromoo hanga har’aatti akka Jiraattu kan Godhan Jaal Obbo Leencoo Lataa Hoogganummaa fi Dhaaba ABO keessaa erga ba’anii waggaa hedduu Lakkoofsisee jira.Obbo Leencoo Lataa Waggaa Muraasaaf qabsoo keessaa erga ba’anii booda karaa isaanitti fakkaateen mirga uummata Oromoo kabachiisuuf paartii haaraa dhaabanii socho’uuf murteessuun isaanii kan nama Jabeessu dha.haa ta’u malee namoonni tokko tokko “Obbo Leencoo Lataa qabsoo uummata Oromoo Wayyaaneetti gurgurachuuf jedha” jechuu dhaan holola fokkisaa ta’e yeroo hafarsitan dhageenya.Namoonni kunneen waa’ee uummata Oromoo waan beekan natti hin fakkaatu.Qabsoon uummata Oromoo yeroo ammaa kana qabsoo sadarkaa abbaan fedhe goyyomsuu danda’u irra miti kan jiru.osoo Goyyomsuu danda’anii warra OPDO’tu goyyomsa.garuu Qabsoon uummata Oromoo hanga isin hubachuu dandeessaniin ol akka ga’e isiniif mirkaneessuun barbaada.akkasumas Jaal Obbo Leencoo Lataa rakkina qarshii hin qaban.dulluma jala Waan uummataaf ni ta’a jedhanii itti amanan hojjachuuf yaaluun Isaanii akkuma durii Qabsoo uummata Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisuuf malee biyya Ormaa keessa akka barbaadanitti jiraachuu Jibbanii miti.kanaafuu namoonni Adeemsa ADO irratti mormii qabdan karaa gaarii fi Ija namaaf toluun yaada keessan dhiyeessaa malee Holola hin taane Lammii keessan irratti oofuun isin madaalchifti!!!

Akka dhuunfaa kootti dhimma Muraasa irratti paartii ODF dhaaf akeekuun barbaada.inni tokkoffaan dhimma Alaabaa Oromoo waliin kan wal qabatee dha.Alaabaan Oromoo waggaa hedduu dura dhimma Bilisummaa Oromoof kan dhaabbatte dha.Har’as Goototni hedduun Alaabaa kana jalatti walitti qabamanii Bilisummaa Oromiyaaf carraaqaa jiru.kanaafuu Paartiin ODF alaabaa kana kan gargaaramu yoo ta’e Cimsee nan Morma!!! Sababni isaas kaayyoo Alaabaa kanaatiif Lammiin Oromoo hedduun Aarsaa ta’ee jira.Kaayyoon alaabaa kanaa bakka hin geenye.kanaafuu Alaabaa kana biyya keessatti Ol kaasanii fannisuun dogongora seenaa kan biroo uumuu taati.akkasumas kaayyoon alaabaa kanaa Oromoon kan beeku “Bilisummaa Oromiyaa” dha.adeemsii fi Karoorri ODF garuu “Xoobbiyaa keessatti Oromiyaa Dimokiraasiin badhaate Ijaaruu” dha.kanaafuu kaayyoon Alaabaa Oromoo fi ODF wal dhiita waan ta’eef Alaabaa kana gargaaramuun gaarii hin ta’u!!! Inni Lammaffaan ODF adeemsa isaa keessatti Diina Oromoo irratti qabsaa’uu dha malee Paartiwwan Mirga uummata Oromoo kabachiisuuf kanaan dura dhaabbatan irratti Mormii fi dhiibbaa gochuun ana dabalatee Oromoo hedduu irraa Diinummaa horachuu taati.kanaafuu hanga dandeessanitti Paartiiwwan Oromoof dhaabbatan waliin walii galtee uumuu dhaan Diina irratti qabsaa’aa.sana yoo hin feenes akka isinitti fakkaatetti wal kabajuu dhaan daandii keessaniin Uummata Oromoof qabasa’aa.kana yoo gootan waggaa muraasa keessatti Hawwii uummata Oromoo bakkaan ni geessu!!!

*****Carraa Gaarii*****

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago