Waraanni Itoophiyaa gara kaabaa naannoo Tigraay dhumatus waaraanni Oromiyaa itti fufee jira jedhame.
Qorataan dhimma ijaarsa nageenyaa fi furmaata walitti bu’iinsaa akkasuma qorataan haqa cee’umsaa Barakat Dirribaa xiinxaala waraana Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun maarsariitii World Political Review jedhamu irratti barreesseen, waraanni Tigraay dhaabbatus waraanni Oromiyaa itti fufee jira jedhe.
Walwaraansi Toophiyaa bara 2019 irraa jalqabee Oromiyaa keessatti, Sadaasa bara 2020 irraa jalqabee naannoo Tigraay keessatti adeemsifamaa ture gaaga’ama namoomaa fi waraanaa, kufaatii diinagdee fi dippiloomaasii hamaa dhaqqabsiisee jira.
Sadaasa bara 2022 irraa jalqabuun waraanni Toophiyaa gara kaabaatti adeemsifamaa ture waliigaltee Piritooriyaatiin xumura argatus waraanni Oromiyaa itti fufee jira.
Qorataan dhimma ijaarsa nageenyaa fi furmaata walitti bu’iinsaa akkasuma qorataan haqa cee’umsaa Barakat Dirribaa xiinxala waraana Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun maarsariitii World Political Review jedhamu irratti barreesseen, waraanni Tigraay dhaabbatus waraanni Oromiyaa itti fufee jira jedhe.
Mariin marsaa jalqabaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo dhuma baatii Eblaa keessa adeemsisan waligaltee gahaa malee xumurame kan jedhu xiinxalli kun, mariin kun kan adeemsifame waraana Mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo jiddutti waggootaaf adeemsifamee diinagdee biyyatti miidhe jiddutti jedha.
Waraanni Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru waraana waggoota lamaaf kaaba Itoophiyaatti adeemsifamaa tureen dhokatee ture, garuu waraanni Oromiyaa keessaa kun hammaachuun Waraanni Bilisummaa Oromoo lafa hedduu qabachuu dandanda’ee jira jedhe.
Waraanni Tigraay Sadaasa bara 2022 dhaabbatus waraanni Oromiyaa keessaa hammachuun itti fufee jira kan jedhu barruun kun, waraanichi nagaa fi tasgabbii Itoophiyaa gaafii keessa galchaa jira jechuun ibsee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo yeroo dheeraaf qabsoo hiree murteeffannaa ummata Oromoo mirkaneessuuf mootummaa Itoophiyaa irratti qabsoo taasisaa turus Hagayya bara 2018 bulchinsi ministira mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waligaltee nagaa seena qabeessa Adda Bilisummaa Oromoo waliin mallateesse jedha.
Waliigalteen sun qaama haaroomsa siyaasaa Itoophiyaa ministirri mummee biyyattii diriirse keessaa tokko yoo ta’u, ABOn daandii siyaasaa haaraa diriirfame keessatti qooda akka fudhatuuf daandii saaqe jechuun barreesse.
Waraanni Bilisummaa Oromoo hidhannoo isaa hiikkatee humna nagaa eegduu biyyaatti akka makamuuf mootummaan federaalaa ABO irratti dhiibbaa taasisaa ture kan jedhu barruun Barakat Dirribaa, Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaa federaalaa hin amanu jechuun hidhannoo hiikachuu akka dide ibse.
Haala kanaan Waraanni Bilisummaa Oromoo ABO irraa adda bahuun dhaaba hoogansa mataa isaa qabu ABO-WBO ta’e jechuun addeessa.
Waldhabdeen bara 2018 irraa jalqabee Oromiyaa keessatti ka’e kun lubbuu namoota kumaataa galafatuus waraana Tigraay Sadaasa bara 2020 ka’een xiyeeffannaa dhabee jedhe.
Yeroo mootummaan federaalaa humnoota Tigraay wajjiin wal waraanaa turetti Waraanni Bilisummaa Oromoo lixaa fi kibba Oromiyaatti baadiyaa fi magaalota hedduu qabachuu kan eeru barruun kun, garuu akkuma waraanni kaabaa xumurameen mootummaan rakkoo Oromiyaa keessaa waraanaan xumuruuf fuula isaa Oromiyaatti naannefate jedha.
Waraana Tigraay booda humnoonni federaalaa gara Oromiyaa bobbaafamuun duula Waraana Bilisummaa Oromoo magaalaa keessaa baasuu adeemsisa jiru jechuun ibsee jira.
Humni addaa Amaaraa, Faannoo fi milishaan Amaaraa kan mootummaa federaalaa wajjiin TPLF waraanaa turan, daangaa Oromiyaa cee’uun waraana banani akka jiranis xinxalli kun ibsee jira.
Mudde bara 2022 lixa Oromiyaatti lola humnoonni Amaaraa bananiin namoonni dhibbootaan lakkaa’aman ajjeefamuu fi kuma kurnootaan lakkaa’aman Horro Guduru Wallaggaafi Wallagga Bahaatti buqqa’ani jiraachuu barreesse.
Waraanni Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa jiddutti adeemsifamaa jiru dhimmoota gurguddaa sadi irratti xiyyeefachuun ta’uu kan eeru xiinxalli qoraataa dhimmoota ijaarsa nagaa fi walitti bu’insaa Barakat Dirribaan kun, isaanis gaafii hiree murteefannaa fi ofiin of bulchuu, daba seenaa Oromoo irratti raawwatamee qajeelchuu fi waldhabdee filannoo waliigalaa Itoophiyaa bara 2021 irratti dha jedha.
Gaafiin ofiin of bulchuu gaafii jaarraa tokkoof ummanni Oromoo gaafataa ture yoo ta’u, kunis Oromiyaa giddulixiinsa mootummaa giddugaleessaa malee bulchuu, Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa taasisuu fi fedhii abbaa qabeenyummaa magaalaa Finfinnee irratti Oromoon qabu mirkaneessudha jedha.
Kan biraa daba seenaa Oromoo irratti bara bulchiinsa mootii Minilik 2ffaa irraa jalqabee walduraa dubaan Oromoo irratti raawwate sirreessuu kan gaafatuudha.
Haa ta’u malee mootummaan Abiy Ahmad mootota gocha hamaa ummata Oromoo irratti raawwatan kana dhaadhessuun miira komii ummata Oromoo daran hammeessuu xiinxalichi eeree jira.
Kanaaf bu’uurri waldhabdee Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Itoophiyaa bakka bu’ummaa seeraawaa ummata Oromoo qabaachuu akka ta’e ibsamee jira.
Sabboontonni Oromoo fi waraanni Bilisummaa Oromoo filannoon bara 2021 keessa Itoophiyaa keessatti adeemsifame ture, fudhatamummaa hin qabu jechuun mootummaan ceehumsaa akka hundaa’u gaafatu.
Gaafiin mootummaa ceehumsaa hundeessuu kun marii marsaa jalqabaa WBO fi mootummaa jiddutti adeemsifame irrattis ka’ee akka ture barruu kana keessatti eeramee jira.
Xumura irratti rakkoo Toophiyaa furuuf mariin biyyaaleessaa qaamota hunda hirmaachise deeggarsa hawaasa Idil-addunyaatiin adeemsifamuu akka qabu hubachiifamee jira.
Maddi. OMN
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…