Categories: Oduu Oromiyaa

Warraaqsa Bilisummaa Qindeessitan Sababaa Jedhuun Sabboontoti Oromoo Heddumminaan Hidhamaa Jiru.

Milishooti Gandaa Bakka Adda Addaatti FDG Deggeruun Muldhate.

(QEERROO) Mootummaan Wayyaanee FDG dura dhaabbachuuf, uummata Oromoo hidhuu araada godhatee itti fufuun isaa beekame. Filannoon mootummaa akka hin mulkoofneef FDG qindeessitu jechuun hojjetootni, barattootni hedduun godina Shaggar lixaatti guyyaa guyyaadhaan tika mootummaa Wayyaaneen qabamaa akka jiran Qeerroon gabaasaa jira. Uummata bilisummaa dheebote, kan guyyuudhaan WBO faarsuun Wayyaanee fi jalee isaa garaa gubaa jiru,manneen barnootaa garagaraa, yuuniversitii fi godinaalee adda addaa keessatti Qeerroo Bilisummaan diddaan wayita jabaate kanatti mootummaan hidhaadhaan uummata dura dhaabbachuuf ka’e. gabaasa Qeerroo irraa ibsuun hojjetootni dhuunfaa garagara fi barattootni kan maqaan isaanii armaan gaditti argamu godina Shaggara lixaa aanaa garagaraa keessaa hidhamanii jiraachuu gabaafame.
1. Urgaa Addnyaa
2. Darejjee Taayyee
3. Ingiddaa Qusii
4. Warquu Gurmuu
5. Magarsaa Fiqaaduu
6. Birhanuu Bookkiisaa
7. Mokonin Zawudee
8. Maammush Bookiisaa
9. Garramuu Addunyaa kan jedhaman uummata kaasuudhaaf kanneen FDG qindeessanii fi ABOdhaan hoogganam jechuun mootummaan Wayyaanee halkanii guyyaa sodaan uummataa oromiyaa keessatti FDG qabsiisee jiru mana hidhaatti darbuu kan maqaan isaanii nu gahe fi kanneen hafanillee deebisnee miidiyaa irra kan oolchinuu, Qeerroon gabaasee jira.
Akkasuma FDG godina Shaggar kaabaa keessatti kan itti fufee fi mootummaan nama qabee gadhiisu wallaale, uummannis Qeerroo Bilisummaa waliin hiriire dhaabbate,
– Qeerroon Korri yoomi, lolaa yaa Qeerroo
– WBO WBO gaachana sabaa
– Biisummaa dheebonne
– Yaa wayyaanee gaafa Abbaan Biyyaa dhufee si baasisa hurgufee jechuun dhaadatan.
Jechuudhaan dargaggootni sirbaan dhaadannoo dhageessisuun oromiyaa bakka hundaa itti fufee jira. milishootni gandaa shaggar kaabaa diddaa uummataa deggeruun keessatti hirmaatan.

Waxabajjii 11,2015 Finfinnee

bilisummaa

Recent Posts

Shaakala barnoota Afaan Oromoo

Jecha sirrii faallaa maqibsaa tahe fili!

6 days ago

OLLAA & Word BEYOND War Launch Campaign For Peace in Southern Ethiopia

U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…

7 days ago

A call on the Oromo elites to promote Oromo Extermination Memorial Day

By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…

7 days ago

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef ergame hannaan gurguramaa jira.

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…

2 weeks ago

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…

2 weeks ago

SEENAA GAMMACHUU QAMALITTII: Kutaa Sadaffaa

                             …

3 weeks ago