Categories: Oduu Oromiyaa

Baqattoonni Yemen lolli deebi’ee ka’uu mala jechuun soda qaban ibsan. Lollis deebi’ee itti fufe

Baqattoonni Yemen keessa jiraatan gargaarsi namoomaa Tokkummaan motummootaa waadaa seene biyyattii ga’us kanneen Aden keessa jiran hin dhaqqabin jiraachuu ibsaniiru.  Lolli yeroof dhaabate iyyuu sodaan garuu akkuma nutti haguugetti jira jedhu.  Gareeleen wal fincilanis huuruu qawwee walitti gargalfatanii wal eegaa waan jiraniif lolli kun deebi’ee hin ka’u abdiin jiru hin jiru jedhaniiru.

Bishaan qulqulluun naannoo waan hin jiraanneef bishaan galaanaa soogidda qabu lubbuu oolfachuuf dhugaa jirra waan ta’eef inni immoo fayyummaa keenya balaa irra buusaa jira, yoo dhukkukbsannes ibsaan waan hin jiraanneef hospitaalli tajaajila fayyaa kennu hin jiru jireenyi keenya balaaf saasilamee jira jedhan.  Reeffi namootaa daandii irratti kufe qaamni kaasu waan jiraanneefis fooliin dhufu ammas dhibee ka biroo dhaqqabsiisaa jira kanaaf hawasi addunyaaf lammiiwwan keenya naannoo addunyaa gama danda’ameen akka nutti birmatan waamicha dabarsina jedhan.

Gabaasa boodana dhaqqabeen immoo haleellaan samii irraan hooggana Saudiin geggeessamu walii galteen lola dhaabinsaa guyyootii shanii erga xumuramee booda manni ripxe loltoota Houthii irratti fuuleffachuun itti fufee jira.  Dilbata kaleessaa gara ganamaa hoogganoonni Yemen waa’ee walitti bu’iinsa biyyattii keessaf furmaata barbaaduu irratti mari’achuuf Riyaad Saaudii keessatti wal arganii jiran, bakka buutonni ripxe loltoota Houthii garuu hin argamne. Haala baqattoonni kun keessa jiran bakka bu’aan baqattoota Oromoo gamasii nuuf ibsaniiru.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago