Categories: WHIM

BAQATTUMMAAFI GARBUMMAA

Uummanni Oromoo biyya abbaasaarratti kabajaa dhabee kaan rasaasa wayyaaneen dhume; kaan mana hidhaatti gidiraa hamaan isa qaqqabaa jira; kaan ammo barnootaafi hojiirraa ariyame; kaanis lafasaarraa buqqa’ee kadhataafi hojjetaafi waardiyaa warra wayyaanee ta’ee jiraataa jira; kaanis du’arra biyyaa baqatee galaana medieterinuaaynii dabaltee bishaaniifi bineensaan nyaatameera; kan isarraa hafe ammo baqataa ta’ee kaamppii biyyoota ollaatti rakkataa jira…
Mee kan Oromoon tokko keessaan ‘inbox’ naaf goote tokko akkuma jirutti siniif dabarseera…mee warreen miidiyaan harka isin jiru adaraa sagalee isaanii kana addunyaa qaqqabsiisaafi..

Nagaan koo haa dursu lammii kiyya akkam nagumaa baga jiraatte..siin jechaa.. yaada na quuqe wahiin sitti himachuun dirqama natti tahe.. tarii yoon furmaata argata tahe hin beeku waan taheef. Innis maal seete:- Ani maqaan koo foziya woliyyii jedhama barattuu ture. amma garuu baqattummaan biyya Sudan moora baqattoota ‪#‎shagarab‬ jedhamtuun jiraadha 2013 kaniin baqattummaan moora kana seene. haalli hundeeffama moora kanaa baqattoota Eritriya fi Ethiopiaf yaadamee kan dhaabbate tahus hireen ilmaan oromoo baqattummaan as keessatti baqatanii jiraatani baayye ulfaatafi kan nama gaddisiisu Ammas lallaba dhageetti dhabeedha.baayyinna baqataa Eritriya irraan kan kahe fi ammas itti gaafatamaan walii gala baqataa moora kana lammii Eritriya tahufi warreen afaan baqattoota kanaaf hiikan irraa Eegalee hanga tajaajila mana yaalatti mindeeffame namni dalagu isaanuma lammii Eritriyati. kun mataan isaa miidha hangana hin jedhamne nuurraan gahutti jira.. nurraan gaherasi.

1ffaa Nama Afaan keetin siif hiiku ykn rakkoo biyyaa sii baafte tana RCD irraa kaase hanga dhaabbata UNHCR ti namni afaan keetin sirraa hubatee siif himu hin jiru… yoo afaan amaara ykn amareng dandeessa taheen alatti. kana yoon hindandeenye afaan engliffa ykn english beekun dirqama.kun rakkoo isa jalqabaafi cimaadha.rakkoo isaani afaan isaanittiin himatanii dhageetti dhabuu irraan kan kahe ilmaan oromoo moora kana keessatti du’aniiru akkasumas maraataniiru… irraa caalan baqattoota oromoo moora kanaa warreen dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo ykn ABOn geggeessedha. isaan hafne ammoo warreen biyya keessa asitti baqateedha. warreen dhaaba irraa gaggeeffaman caalaan isaanii manguddoo, namoota dadhaboo fi ammas qarqaarsa barbaadaniidha. dhukkubsatoonis keessa jiru. Rakkoon moora tanaa cimtuun amma nutti jirtu rakkoo tikaati(securety protection) . tikni ethiopia akkuma fedhe naanno daanga biyyatti keessa sochoha. Eeggumsa gahaa hin qabnu.

2. ffaan waahee yaalati. gara tajaajila mana yaalatiin dhiibba guddaatu jira akkuma sitti himuuf yaaletti waahe dhukkuba kee himachuuf, afaan ittiin himattu murteessadha ykn nama afaan siif hiiku jiraachu mdirqama ammas dawaa yeroon argachuu dhabuufi kkf…rakkoo cimtuu keessa nu galche .. sababa kanaanis namoota keenya du’aan dhabneerra kan dhibeen mataa kortee maraatanis jiru.

3ffaa AKKUMA walii gala seera baqataatti namni rakkoon jalqabatti ilaallamtuufi baqataa siyaasati. kun kanaan tahee osoo jiru garuu wanti dalagamuu fi muldhatu isa kan biraati. 2008 irraa kaase baqataan oromoo osoo jiru… kan carraan kennamuufi hiree biyya sadaffaa argatanii kan deeman baqataa Eritriyaati… sanuu woggaa 2,3,4fi 5 keessatti. dhuma irratti wanti jechuu barbaadu ilmaan oromo biyyaa alaa jirtan kan dandeetti waa dhageessisufi hubachisiisu qabdan maalo nu cina dhaabbadha. sagalee nuuf tahaa. rakkoo teenya nuuf dhageessisa.dhimmaa waahe baqattoota oromoo biyya Sudan kan moora baqataa Shagarab jirani dhaabbanni UNHCR kan jenevaa beekayi?? ni beeka yoo tahe dhimmi keenya akkamitti Eessatti ukkaamamee maaf dhageetti dhabne carraan biyya sadaffaa baqattootaf kennamu baqataa oromoo maaf lagatee?? waahe kana yeroo gabaaba keessatti akka dhageetti itti naaf gootu abdiin qaba. galatoomi Ana fozeya woliye moora baqattoota Sudan Shagarab irra.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

3 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

3 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

3 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

3 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago