Categories: Uncategorized

YAASIR, SUMEYYAAH, AMMAAR

Abbaan Ammaar Yamanirraa obboleeysa Isaa barbaada Obboleyyan Isaa lamaa waliin Makka dhufee. Obboleeysa dhabnaan Haarisii fii Maalik gara biyyaatti hoggaa deebi’an Yaasir ammo Makkatti hafe. Makkatti hafuu Isaa saniin seenaan hanga guyyaa Qiyaamaatti waan gaariin akka Isa dubbattu Rabbiin sababa Isaaf godhe.
Yaasir Makkarraa firaa fi aanaa waan hin qabneef Abbaa Huzeyfaa ilma Mughiiraa kan Gosa Makhzumitti gosa gale. Akka nagayaan Makka keessa jiraachuu danda’uuf.
Abbaan Huzeyfaa Gabrittii Isaa tan Sumeyyaa bintu Khibaax jedhamtu Yaasir fuusise.
Yaasir fii Sumeyyaan Ilma Ammaar jedhamu argatanii gammadan. Gandi Yaasir haaluma kanaan Abbaa Huzeyfaa jalatti gosa galanii jiraataa Osoo jiran, Makka keeysaan Ifaan Adunyaa fi Ilma namaa dukkanaa baasu Ife. Nabiyyiin Alamaaa Muhammad s.a.w ergame.
Yaasir fi Sumeyyaan dulloomanii jiran. Ammaar dardara, waa’ee Rasuulaa s.a.w dhageenyaan bakka Rasuulli s.a.w jiru ganda Daarul Arqam ibnu Abii Al-Aqam dhaqee Rasuula s.a.w qunnamee waan Inni dhufeen dhageenyaan Shahaadaa godhe: <haqaan gabbaramaan hin jiru Allaah malee Muhammad Ergamaa Isaati> jechuun Ragaa bahee.
Haadhatti dhaqee Islaamatti yaame Sumeyyaan daftee qeebalte, Abbaa Isaatis ni yaame Innis dafee qeebale. Manni Isaanii guutuun mana Islaamaa tahe. Imaanaan Ife.
Gandi gosa itti galan gandi Abbaa Huzeyfaa Islaama tahuu Isaanii dhageenyaan akka malee dallanan. Gosti Makhzuum tan gosa itti galan ni kakkatte, takkaa Islaama dhiisuu qaban, takka ammoo balaa itti dhuftu qeebaluu qaban jechuun murtii itti dabarsan.
Balaan Isaan Itti dalagan waan Bineensatti namni hin daleyne ture. Qaama Isaanii Sibiila uffisanii aduu gammoojjii akka malee owwiitu san keessatti affeelaa olan, Bishaan dhuguu dhorgan hanga kokkeen Isaanii gogoggoydutti, gogaan Isaanii hanga babbaqaqutti, hanga dhigni irraa dhumutti achuma tursiisan. Achitti Isaan dhiisanii biraa galan borumtaa itti deebi’an. Azaabni Isaanii haaluma kanaan itti fufa.
Gaafa tokko Rasuulli s.a.w Maatii Yaasir tan cunqurfamaa jirtu, Isaanii Azaabbamaa jiran argeeti, homaa Isaaniif godhuu waan hin dandeenyeef akkana jedheen:
“Obsaa Yaa Maatii Yaasir Bellamni keeysan Jannata”. Qalbiin Isaanii roorroo san hunda keeysatti osoo jiranii jecha Rasuulaa s.a.w kan dhagayan kanaan gammaddee bohaarti.
Maanguddoon lamaan Azaaba saniin hin turree.
Haatii Isaa Sumeyyaan Osoo Azaaba san keessa jirtuu Abuu Jahal dhufee Isii arrabsinaan akka nama hin dhageenyetti tufatte jalaa uste. Abuu Jahal Lallabaa fi arraba kiyya na tuffattee uste jechuun eeboodhaan waraanee Shahiidee Islaamaa tan dura taate.
Kun Sumeyyaaf ni gaha shahiideen duraa Islaama keeysatti Isiidha. Faaruun kanaa olii hafee?!!!
Abbaan Isaa Yaasir Ammoo Osuma cunqursaa fi Azaaba san keessa jiruu shahaadaa qabachaa ajjeefame.
Ammaar jarri Kaafiraa Azaaba itti cimsuudhaan Rasuula s.a.w akka xiqqeesee, Taaboota Isaanii akka faarsuu gaaftan, Ammaar waan Isa qunname akkanatti Rasuulaaf s.a.w Ibsa.
“ Na Azzaban hanga natti jabaattutti, hammeenyi Isaan natti dalagan Osoo gaara irri kaayan ni faca’a, Adawwiin Allaah Aduu keessatti na gubuun Isaaniif gahuu dhabee Ibbidaan qaama kiyya guban, Akkasitti na gubuu fi na rakkurraa hin deemne hanga ani (Arrabaan) siituqee, Taaboota Isaanii faarsutti, Anis natti jabaannaan waan Isaan fedhen godhee dhufe Yaa Rasuula s.a.w”.
Rasuulli s.a.w: “ Qalbiin tee akkam si yaaddi yaa Ammaar?” jechuun gaafate.
Ammaaris: “Yaa Rasuula Allaahaa Qalbiin Tiyya Islaamummaan sabattuudha”.
Rasuulli s.a.w akkana jedheen: “ Badiin takka sirra hin jiru, yoo sitti deebi’an, waan jette sanitti deebi’ii je’i.”.
Rabbiin Ammaar Qulqulleesuuf Ayaata tan buuse:
“Namni eega Amanee Allaahatti Kafre, nama dirqame malee haala qalbiin isaa Iimaanaan sabatuu taateen, Ammoo namni qooma Isaa kufriif bane, Isarratti Dallansuun Allaahaa taatuudha, Ammas Isaaniif Azaaba guddaatu jira.”
An-Nahl: 106
Ammaar gaafa gara Madiinaa Hijiraan hayyamamtu amantii Isaatiin gara Madiinaa goodaane.
Masjidni Qubaa akka Ijaaramus Isaatu yaada dhaleysee Masjidni duraa Islaama keeysatti Ijaarame.
Madinaatti Rasuula s.a.w waliin osoo addaan hin baane jiraachaa ture, duula Rasuulli s.a.w godhu waliin duula.
Rasuulli s.a.w Isa jaalata hoggaa Isa arge “dhufe bareedaan bareechamaan” je’a.
Rasuulli s.a.w “Ammaar Iimaanni mataa hanga miilaatti Isa guuttee jirti” je’e Isaaf ragaa bahe.
Gaafa Rasuulli s.a.w Adunyarraa gara Rabbii Isaa godaane, Museylamaan ani Nabiyyii jedhes lola san keessatti hanga gurri Isaa muramtuu Jihaada godhee jira, duratti deemee sodaan malee jihaada godhee warra sodaates jajjabeysee hanga Museylamaan Kijibaan ajjeefamutti Jihaada guddaa godhe. Rabbiin Irraa haa Jaalatu Ammaarii fii Abbaa fi Haadhaa Isaa.
Seenaan Ammaar barreesanii hin dhumu garuu asumatti haa gabaabsinu.
Mee nuti yoo akkam jirra dargaggoonni Amantii teenyaaf maal daleyne?
Maangudoon ? dhalaan? Eysa jirti tan akka Sumeyyaa??
Islaamummaan amantii haqaati, Jannata Isiidhaan malee hin argatan, garuu jannanni qaaliidha, akka Maatii Yaasir [Yaasir, Sumeyyaa, Ammaar] kanatti Rakkoo boodaan ballootti bahan, Jannata argatan, Adunyaarratti seenaan maqaa bareedaan nama ka’a.
Osoo maatiin Yaasir Islaamaaf rakkachuu baate silaa arra namni maqaa Isaanii beeku hin jiru, garuu Islaama taanee dhumna je’anii roorroo hunda waan obsaniif, arra Ilmaan ifii namni Sumeyyaa fi Ammaar baasu heddoommina Isaa Rabbiin haa beeku.
Rakkoon Islaama Itiyoopiyaa harkaa qabdus tanuma Qabsoorratti Obsuu malee dheysuu, kaafaruu, du’a sodaaf Munaafiqa tahuun karaa Islaamaati miti.
Namni hedduun Islaama Rabbitu eega maaltu nun gahe jedhan, Rabbiin Zamana Rasuulaa s.a.w rakkoo hoggaa itti fidu qabsaawanii Rabbitti irkataa turan, Rabbiin Amantii isaa ni eega dhugaadha garuu nuti harka marannee Amantiin teenya yeroo Yahuudaan balleesuuf deemtu usnee teenyaa???
Qabsoon teenyaa fi roorroon nurratti deemaa jirtu tanuma duraan karaa godhamte, Inumaa teenya tan maatii Yaasir irra xiqqoodha. Garuu Isaan Islaamarratti Obsanii seenaan Isaanii faarfamaa tahe, nuti yoo akkam tahuu qabna?
Karaa Maatii Yaasir haa yaanu moo? Karaa Munaafiqaa fii Kaafiraa? Karaa Ahbaashaa?? Moo karaa Kaabinee?
Qabsoon Islaama biyya teenyaa hanga mirga argannutti ykn hanga shahiidee taanutti itti fufa.
Allaahu Akbar!!!
Injifannoon tan Islaamaati!!!!

bilisummaa

Share
Published by
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago