Categories: Abdii boruuYaada

Haala uummatani Oromoo keessa jiru dhugumatti hubannee jirraa??

 

Abdii Boruutiin

 

Sochiin uummata Oromoo, kan bara 2014 irraa eegalee godhamaa jiru kun injifannoo hawwame dafee argamsiisuu baatullee, jijjiirama addaa addaa argamsiisaa jira. Mooraa diinotaa keessatti naasuu guddaa mul’isee jira. OPDOn yookaanis hoggantootni ishii gadi bahanii jechoota Sabboonummaa fi Oromummaa addeessan  akka haasa’an taasisee jira. Waan haasa’aa jiran kana hojiidhaan ni agarsiisu jedhee ani garuu hin yaadu. Biyya alaatti ammoo aktivistootni akka wacan godhee jira. Haala kana keessatti xiinxaltootni fi beektotnis heddoomanii jiru. Abbaan malaa fi falaa nuyi jechaa ofmumul’isaa jiru. Tooftaa fi tarsiimoo yeroon gaafattu isa kana ykn sana jechaa dubbachaa fi barreessaa jiru. Addunyaa jabaadhaaf malee laafadhaaf gurra hin kenninetti iyyachaa jiru. Wanti mul’achaa jiru tarreen isaa dheeraa dha. Garuu tokkumtillee uummata Oromoo yeroo ammaa yoomiyyuu caalaa haala baay’ee hamaa keessa jiru gargaaruu waan danda’e natti hin fakkaatu.

 

Dhugaa dha, wanti dagatamuu hin qabne uummata keenya kan naannoo Somaaleerraa buqifamaniif gargaarsi guddaan godhamee jira. Kun akka laayyootti ilaalamuu hin qabu. Warri isa kana keessatti gahee taphatani fi qooda gumaachan galanni isaanii guddaa dha. Dirqama Oromummaa fi lammummaa baatanii jirtuu, ulfaadhaa jechuun barbaada. Haa ta’u malee, wanti godhaman hunduu akkuma jiranitti ta’anii, wanti gaafii natti ta’u dhugumatti haala uummatni keenya keessa jiru sirriitti hubannee jirraa? Hanguma sochiin uummataa jabaachaa deemu, diinnis tooftaalee fi tarsiimoolee adda addaatti fayyadamuudhaan lola cimaa nurratti godhaa jira, godhuufis deema. Kun waanuma hubatamaa jiru fi hunduu beekuu danda’an waan ta’eef, asirratti bal’inaan ibsuu hin barbaachisu. Qabiyyeen barreeffama kanaas gabaasa haala yeroo dhiyeessuufii miti.

 

Barreeffama gabaabaa kana akkan dhiyeessu kan na taasisan waan tibbana babarreeffamaa jiranii dha. Isaan kana keessaa waa lamatu qalbii kiyya hawwatan. Inni tokko barreeffama mata duree “Oromiyaa walaboomtu moo Federeeshinii dhugaa: Galii siyaasaa isa kamtu Oromoof wayya?” jedhuun Berhanu Hundeetiin dhiyaate http://ayyaantuu.net/oromiyaa-walaboomtu-moo-federeeshinii-dhugaa/ yoo ta’u; inni biraa ammoo barreeffama kanaaf deebii kennuuf mata duree “Gaaffii Siyaasaa Oromoof Wayyu: Walabummaa Oromiyaa” jedhuun Luuccee Gurmuutiin dhiyaate http://ayyaantuu.net/gaaffii-siyaasaa-oromoof-wayyu-walabummaa-oromiyaa/ dha. Barreeffama lamaanuu dubbisee, hamma naa galetti hubachuu yaalee jira. Akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatitti, garaagarummaan barruulee lameen kana jidduu jiru baay’ee xiqqaa dha.

 

Garaagarummaan kun maali yoo jedhame, Luuccee Gurmuu ejjannoo ifa ta’e akka qabu fi asirraayis ka’ee furmaatni siyaasaa Oromoof ta’u isa kana qofaa dha jedhee Walabummaa Oromiyaa akka galii xumuraatti lafa kaayuu dha. Dabalataan ammoo, barreeffamni biraas kan Luuccee Gurmuutiin Afaan Ingiliziitiin dhiyaate A Better Alternative for the Oromo: Independent State of Oromia http://ayyaantuu.net/independent-state-oromia/ jedhu ejjannoo isaa ifa godha. Karaa faallaatiin yoo ilaalame ammoo, barreeffamni Berhanu Hundee kan mul’isu, gama tokkoon, Federeeshiniin dhugaa yoo mirkanaaye inni kun Oromoof badaa akka hin taanee dha; yoo haal dureen inni barreeffama isaa keessatti tuqe guutame jechuu natti fakkaata. Gama biraatiin garuu, Berhanuun furmaatni Oromoof wayyu isa kana jedhee ifaa ifatti waan lafa kaaye natti hin fakkaatu. Erga gaafii kana kaasee, silaa innis furmaata ifa ta’e tokko ibsuutu irra ture; ejjannoo ifa ta’een jechuu kooti. Egaa kun hubannoo ani barruulee lamaanirraa argadhee dha.  

 

Gara mata duree barreeffama kanaatti deebi’uuf, haalli uummatni Oromoo keessa jiru yoomiyyuu caalaa hamaa kan ta’e; haala jiruu fi jireenya saba kanaa murteessu keessa jirra.Haala hamaa ta’e kana keessaa bahuuf ykn kufuuf karaa lama qofaatu jiru: yookaani yeroo xumuraatiif rakkoo keenyaaf furmaatin maayii argamee, akka sabaatti fi uummataatti jiraachuu yookaan ammoo badnee Addunyaa kanarraa dhabamuuf deemna jechuu dha. Yeroo xumuraatiif furmaata isa maayii yoon jedhu maal jechuu kiyya? Akkuman kanaan duras yeroo adda addaa fi barruulee adda addaa keessatti ibsuu yaalaa ture, ammas irradeebi’uuf, Oromiyaan walaboomtee; mootummaa birmadummaa yoo ijaarratte malee, biyyattii Itoophiyaa jedhamtu sana keessatti Oromon nagaa fi tasgabbii argatee jiraachuu hin danda’u jedheen amana. Kanaaf, gabaabumatti galii isa kanatu furmaata xumuraa ykn maayii ta’uu qaba jechuu dha.

 

Dugaa dha, wanti dhara hin taane, Haalli Gaafa Aafrikkas ta’ee kan Addunyaa baay’ee walxaxaa fi ulfaataa akka ta’e nan hubadha. Haala akkanaa kana keessatti furmaata xumuraa armaan olitti kaase argachuun hin danda’amu jedhanii warri morman jiraachuu akka malan shakkiin hin jiru. Waayee kana ammoo waanuma argaa fi dhagahaa as geenye fi ammas argaa jirru waan ta’eefi. Haa ta’u malee, wanti hunduu hubachuu qaban, dhugaan lafarratti mula’chaa jiru, Oromoon taa’us lolus; Itoophiyaa diimookraatessuuf falmatus; Oromiyaa walaboomtuuf qabsaa’us; kanas ta’ee sana, du’uurraa hin oolle. Erga guyyaarraa gara guyyaatti du’uun hin oollee, maaliif wareegama hammamuu ulfaatu kaffalee furmaata xumuraa hin arganne? Oromiyaa walaboomtu arguun maaliif hin danda’amne? Addunyaa kanarra wanti hin danda’amne hin jiruu bar!!!

 

Yeroo ammaa yeroo yoomiyyuu caalaa uummatni keenya dammaqee ka’ee; tokkummaa isaa cimsaa jiru kanatti; yeroo xumurri gabrummaa dhiyaachaa jirutti; kutannoo fi murannoodhaan gara galii xumuraatti deemuun barbaachisaa dha murteessaa dhas. Amma qabsoo cimsanii; Oromiyyaa walaboomtu argamsiisuu baannan carraan akkanaa yoomiyyuu hin argamu. Kanaaf, karaa danda’amu hundaan qabeenya, beekumsa, dandeettii fi humna keenya cimsinee; Impaayarittiin tun diigamtee; awwaalcha ishiirratti biyya Gadaa Repabiliika Oromiyaa ijaaruu dha. Kanaa ala galiin biraa Oromoof nagaa fiduu akka hin dandeenye, kan Waaqni agarsiisu arguu danda’a. Yoomiyyuu haa ta’uu, injifannoon xumuraa garuu kan uummata keenyaa akka ta’u shakkiin hin jiru.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago