Categories: Oduu Oromiyaa

“Ammas jaallee Daawud Ibsaa dabalatee ummaata kanaaf waliin hojjechuuf fedhii guddaa qabna” Dr. Alamuu Simee Hogganaa Waaj/ODP G/G

========

Itti gaafatamaan waajjira giddu galeessaa ODP Dr. Alamuu Simee haala yeroorratti ibsa kennaniin akka jedhanitti walii galteen ODP fi ABO waliin taasifame karaa keenya waanti diigame tokko hin jiru.

Jijjiirama amma dhufe kanaan jaarmiyaaleen siyaasaa maqaa shororkeessummaan himatamaa turan ABO dabalatee dhaabbileen siyaasaa maqaa Oromoon gurma’anis ta’ee kan biroo gara biyyaa galaanii karaa nagaa akka qabsa’an haalli mijataan uumaameera.

Kanneen keessaas ABO’n isa tokko yoo ta’u, jijjiiraama amma dhufe kana waliin tumsinee ummata keenya karaa ceesisuu dandeenyurratti waliin akka hojjennu akkasumas qabsoon hidhannoo hafee karaa nagaan qabsaa’uun akka danda’amu walii galameera.

Haalumaa kanaan, miseensonni waraanaa ABO jaallee Daawud Ibsaan hogganamu 1,300 ol ta’an Eetiraarraa karaa Kaabaa akka gaalan ta’eera. Isaan keessas kan qaama nageenyaatti dabalamanii hojjechuu danda’anis ta’ee kan biroo leenjii gahaa fudhatanii gara hojiitti akka galan hojjetamaa jira.

Hidhattoonni karaa Lixa Oromiyaa galanis karaa nagaa gara qaamaa nageenyaatti akka dabalamaniif walii gaalamus hanga ammaatti hojiitti hiikamuu hin dandeenye. Akkaataa wali galtee keenyaatiin humni hidhatee socho’u hundi karaa nagaatiin qabsaa’uu akka qabu ture. Garuu, hanga ammaatti kun hojiitti hiikamuu hin dandeenye.

Sababa kanaan ummanni keenya Lixa Oromiyaa jiran dararaa guddaa keessa jiru. Ijoolleen Oromoo naannoo sanaa barachaa hin jiran, caasaa mootummaa hojiin ala gochaa jiru, waajjira mootummaa tajaajila ummataaf kennu cufsiisuufi rakkooleen biroo ummatarratti raawwatamaa jira jedhan Dr. Alamuun.

Mootummaan osoo rakkoon kun hundi jiruu obsa guddaan ilaalaa tureera. Ji’a jaha guutuu obsameera.
Ummannis olaantummaan seeraa akka kabajamu yeroo garagaraatti nu gaafachaa jira.

Kanaaf,ammaan booda Oromiyaa keessatti qaama kamiinuu haa ta’u al-seerummaa raawwaatamu kamiifuu obsa hin qabu. Olaantummaan seeraa kabajamuu qaba. Nageenya ummaata keenyaa eegsisuufis itti gaafatamummaa guddaa qabna.

Ummanni keenya kana hubatee nageenyaa isaa eeggachuuf mootummaa cina hiriiruu qaba.
ODP’n paartii siyaasaa kamillee miidhuus ta’ee dhiibuuf fedhii hin qabu. Paartii ummata kanaaf karaa nagaa hojjechuuf fedhii qabuuf har’allee balballi keenya banaadha.

Yeroon yeroo itti tokko taanee ummata kanaaf hojjennuudha. Ta’us garuu, ABO’n walii gaaltee raawwate tokkollee hojiitti hiikuuf fedhii hin qabu. Sababa kanaan garuu ummanni keenya hedduu dararamaa jira.
Ilaalcha siyaasaan yeroon itti wal qoonnu darbeera. Nammoota biyya alaa turanii ummata keenyaaf hojjechuuf fedhii qaban waliin hojjechaa jirra.

Ammas jaallee Daawud Ibsaa dabalatee ummaata kanaaf waliin hojjechuuf fedhii guddaa qabna. Wal qoqqooduun yeroonsaa darbeera. Tokko taanee ummata Oromoof ni hojjenna kan jedhan Dr. Alamuun, kana gochuuf gama keenyaan qophii ta’uu keenya ummanni keenyas nu hubachuu qaba jedhan.
Haayyota Oromoo paartii biraa keessa jiran waliin bal’naan hojjechaa jirra.

Kana gochuu isaaf ODP’n dinqisiifatamuu qaba. Ilaalcha siyaasaan osoo wal hin qoodin ummata Oromoof paartilee maqaa Oromoon jiran waliin hojjechaa jirra. Ammas jaarmiyaalee siyaasaa biroofis balballi keenya banaadha jedhan Dr. Alamuun

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago