Categories: Oduu Oromiyaa

Barri 2014 Seenaa Qabsoo Oromoo keessatti waan ittin ibsamu hedduu

Waan hundi yeroo isaa malee akka hin taanee, Maanguddoonni Oromoo barnooti hammayyaa hin booressine gadi jabeessanii dubbatu. Dhugumatti miidhaan Ummata irra ga’u jabaataa wayita deemu fi waan nuuti keessa jirru ilaallee waa hedduu dubbachuu malla. Waa hedduus hawwina ta’a. waanuma halkan tokkotti waa hundaa jijjiirru nutti fakkaatee, waan fagoo nu hin tarkaanfachiifne keessaseennee Maraammartoo siyaasaan kufana ta’a. waan ana qofaaf dubbiin galte goonee Xiinxala hedduus tarrifna ta’a. Addunyaan, amma Miidiyaama yeroos keessa teenya dubbannu yk amma waraqaa irratti katabaa jirru geessi jennee waan boruu deebi’ee mataa gadi nu qabsiisuu haasa’uus dandeenya.kkf.

Kun hundi yeroo isaa malee yoo ta’ee isuma akka har’a teenye of taajjabaa jirru hordofsiisa. Har’a dhalli Oromoo bakka jirutti of ilaalaa jira jedheen amana. Dhugaan eessa akka jirus caalaatti adda baafachaa jira. Dirree siyaasaa keessatti of ilaaluun hedduu barbaachisaadha. Odoo hin hojjannee fi hin falmannee Bilisummaan hin jiru. kan hojjatee fi dhama’u Bilisummaa yoo gaafate irraa bareeda. Kan wareegama waa maraa baasuu Bilisummaan maa fagaattee ? jedhee yoo komate irraa bareeda. Kan Umurii guutuu xiinxalaaf taa’e garuu, guyyuu yoo komataa olee bulu qaama irra na hin yaa’u. Ummati keenya kana adda baafachuun dansaadha. Adeemsi Siyaasaa Mana Ijaaramu tokkon fakkeeffama malee, yeroo inni jaraamee dhumuun wal bira hin qabamu. Mana tokko hundee isaa ijaaruu kaasee, waan mana isa taasisuu fi jabiina qabu ilaalanii siyaasaaf fakkeenya taasifachuun ni danda’ama. Garuu hundee isaa torban tokkotti , gidaara isaa, achi kkf herreeganii waggaatti yk baatii ammanaatti jedhamee herreegamu, Adeemsa qabsoo fi siyaasaa akkasiin lafa keewwachuun rakkoodha. Akkasitti yaaduun hedduu nu dhamaaseera. Firiin muka tokko yeroo isaa malee akka bilchaatu hawwinee, hundee isaatii yoo murree kan yaadine ni argannaa ? ykn firiin sun haa bilchaatu jennee Bishaan guyyaa guutuu itti guurreef, xaa’oo humnaa olii itti dhangalaasneef bilchaachuu firii Sanaa ni ariifachiifnaa ?

Amma yeroon isaa ga’ee ABO jabaa gadi dhaabuu irra ga’ameera. Kun Ummataaf Abdii ol aanaadha. Itti baha isaa argachuuf ammallee yeroo nu gaafata. Kun haala keessa jirru irrattis hundaa’a. kana irra waan jabaas dhaga’uu dandeenya. Waan keessa dabarree nuuf barnoota guddaadha. Humni akkasitti yaadu yeroo keessa dhufa . dhawaataan argama. Calalamee kan akka sibiilaa jabaatu hanga argamutti , yeroo gaafata. Warri Addunyaan nu harka jirti jedhan Biyya waggaa 40 booda dhuunfachuu barbaadaniif, itti duulanii dhaloota yaada isaanii qabu keessatti dhalchaa fi guddisaa jiran. Yeroo guddatan iskoolaar shippii barnootaa jedhanii ofitti fudhatanii barsiisanii akka Biyya bulchu taasisanii waan fedhan hojjatan . fkn……

Biyyi Iskotilaand jedhamtu waggaa 300 booda Biritaaniyaa jalaa ba’uuf hiree murteeffannaaf dhihaattee waan ishee mudate agarree jirra. Isaan tarii waggaa amma kana sabboonummaa isaanii Ummata keessa tursuu yaalaa turan ta’a. Ingiliziin garuu dubbiin garamitti akka deemu waan beektuf, karaa waan kana danqitu irratti hojjachaa turte. Addatti Dingdee gama hundaa jiru tu’atanii dhiibbaa har’aa kana raawwatan. Kanaaf waan hin yaadamne arguu dandeenye.warri dhibee wal fakkaataa qabanis keessaan waa hedduu dalagan. Addunyaa akkasii keessa jirra .(shira kana hawwuu ykn bilisummaa dhabuu jaraa deeggaru koo miti) shirri akkasiis nu irratti raawwatamu mala.nuutis akkas fageessinee yaaduun dansaadha. Mooraan Qabsoo YK Qabsaa’oonni walitti dhufuu qofaa irratti hojjachuun ga’aa natti hin fakkaatu. Hegaree keenya ijaaruu irrattis gorsaa fi yaada laachufiitu dansaadha. Waan har’a arginu fi nu miidhe kana dhaloota itti aanu keessatti akka hin umamneetti akkamiin gadi isaan dhaabnaa jedhanii yaaduun bilchina .Biyyoonni hedduun sagantaan siyaasa isaanii waggaa 20-25ttii akkas goona jedhanii akeekkatu. Yoo kun yaadamuu jalqabee waan har’aa irratti wal qabuun dhibee Nagaan waliin tarkaanfachuutu eegalama jedheen yaada.

Waan har’a irra geenye jirru tuffachuun , qeeqa akka baallee indaaqqoo salphatuun saaduun,kkf eessaanu nu hin ga’an. Halgaa gammachiisuu danda’a. miidhama Ummata keenyatti jabeessuus danda’a. ABO jabaa nuuti hawwinu Ummataaf kan labsu , Nama Jabaadha. Qabsaa’oota jabaadha. Hojii jabaadha. Wareegama jabaadha. Keessa tikifachuudha. Waan hundaa hojiin irra aanuu keenyadha. Diina irraa keessaa fi alaan of irraa ittisuu yoo dandeenyedha. Rakkoon kaleessaa nutti hin deebitu jennee warra yaada kana dhugeessaa jiran waan maraan yoo waliin dhaabbanneedha. Kun haqa. Kun hundi odoo hin taanee yk gochuuf odoo hin murannee hawwuun hawwuumadha. ABOn Jabaachuun Ummati jabaachuudha. Qabsoo walii galaa Ummati keenya itti jiruufis hundeedha. Hundee qabsoo keenyaa jabeeffachaa, sochii Bara 2014 bifa gara garaan itti fufuun murteessaadha.
Gama kaaniin, fedhii Ummata ofii ialaallatanii dantaa ofii nama hollachiiftu of keessaa baasanii , Qabsoo Ummata ofii tarkaanfachiisuun, kakuu jaallanii dhugeessuu ta’aa jedheen yaada. Gaddaa fi miidhaa keessa taa’aanii dantaa dhuunfaa dhaggeeffachuun sirri natti hin fakkaatu. Waan hunda dura wareegama Biyya keessaaf bakka laachuutu gaariidha. siyaasa addunyaa keessatti , saba tokko keessaa miti, Biyyumti bara baraaf diina wal taasifate hin jiru. yoo barbaachisees, wal irraa fagaachuun keenya lola addunyaatu itti jirtuun tokko miti. taa’aanii yoo yaadan iyyu, kun akkamiin ta’ee ? jedhanii kan nama gaabbisiisuudha. Ilaalchuma tokkotu bakka lama dhaabbate. Yeroo ammanaa fudhachuu isaattuu gaabbuu qabna. yoo bara baraaf wal lolu ykn wal jibbuu ta’es, wayyaanee faa’a waliin malee, obbolaan lama ……hin tolu.

Mooraa Qabsoo walii galaa keessatti tasgabbii Uumanii waliin socha’uun murteessaadha. Kana Umuuf, sochii bara 2014 caalaa akka taasifnu hin shakku. Hundumtu waan ummata kanaaf tolu qofa irratti odoo hojjatee fi waan nu booressu irraa odoo dhaabbatee, Tokkomuun ykn Gamtoomuun Oromoo waggoota nu hin eegsiisu ta’a. Halagaan sadarkaa dantaa isaaf jedhee wal dhabee nu miidhaa jira. Kufaatii keenya irratti mana waloo ijaarrachuuf yaadan. Nuuti ammoo lola isa dhumaan wal dhamaafna. Kana dhaabnaan karaan eegalame milkiin akka xumurru hin shakku.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago