Categories: Aadaa

CAACCUUN KALLACHAA BAR JABAA

 

Malkatoo malkata qabaa

Raajii waan ajabaa

Caaccuun kallachaa bar jabaa

Inni maalif gadi of qabaa?

Garuu garoo………………………

Si’a kana maali kan muguu

Inni of hin arguu?

Ormi kijibaan ka haguuguu

Waraabessi guuguu

Kan lafee duguuguu!!

Ajab ajab……………………………

Dharri kan beekus kijibaa

Booddeen kufa qabaa

Rafe teessorraa of dhabaa

Dhugaa ofitti qabaa!!

Argitan kaa

Dhageettan kaa………………….

Dharri kunoo raatayee

Dhugaa Rabbi faayee

Hunduu ragaa bayee!!

Bee bee…………………………….

Dhara jibbee martii

Dhugaan ni qallattii

Qallattii qallattii hin cittuu

Dhugaan bar takkatuu

Sobnis babbay’attuu

Dhugaa bakka buutuu

Jedhee duruu mammaakee

Warri sirrii nuuf akeekee!!

Dhageennee qalbeeffannee………..

Dhugaan tokkoo lamaa gayaa

Dharri iyyaa raatayaa

Dhara baay’esseetin iyyaa

Dhugaan hin qabduu ree hiriyyaa

Anaaf dhugaa naaf wayyaa!!(2)

 

(Gamteessaa Sabaatin)

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago