Aadaa

Biyyattii wakkiilli Waaqaa fi odeessaan oduu Waaqaa baayyatee lafa dhiphise keessatti..

Barsiiaan Kana Hinjedhu!

“Biyyattii kadhaan xurumbaa, biyyattii dibbeen sagadaa iyyee dhikkisu keessatti; lafattii maqaa dhala namaan sagadi, iyyaa fi rukuttaan bilbila hayyoota amanteefi fakkeessituu marattee biyya kamuu caalaa iyyee caraanu keessatti kan dhiigi, humnii fi dafqi namaa dhangala’ee lola’usaa kan ifatti muldhatu. Biyyattii wakkiilli Waaqaa fi odeessaan oduu Waaqaa baayyatee lafa dhiphise keessatti biyya kamuu caalaatti dafqii dhala namaa gatii malee qanxabamuusaa kan agarru.”

Luba –waloo Tsagayee Gabra Medhin

“Do’ii Innaat Alem Xannuu, f.115 keessa”

Isa barii, barii qaddasu

Isa guyyaa, guyyaa tokkosuu

Isa ganama dabtaru

Guyyaammoo wattaaddaru

Yeroo inni beekumsa dheebote…

Gaaffii asaasaraan qoru:

“Eeee…haa ta’u maleessaa…

Wangeela kana keessaa

Abboommiin saamaa, gonofaa, jedhu eessaa?”

…jedhee yeroo gaafatuun

“Namana maal taateettaa?

Gaaffii doofummaa gaafattaa?

“Amanteen addaggee xeeba caalaa jabaata”

Mammaaksa jedhamu hin dhageenye laataa?

…jedhee deebii barbaacha ijibbaataa.

Egaa…maali laata dubbiin akkanaa?

Naa ’nubatamne jaranaaa

Abaarsaan burjaajjessu

Onnee keessatti malaasu

Waaqaarra taabota roobsu

Bakka hundaatti harcaasu

“Maal? Attamiin?” Isa jedhu sodaan ukkaamsuu

Albaadhessa taasisuu

Morma jallisani qollootti ija miixuu

Maqaa Muudamaan of tuulaa xixxiixuu

Kaanis maqaasaatiin fandalala miriixuu

“Nuyi-tokkumaa”… dhaadachaa

“Bifasaatiin dhalannee…” himachaa

Muldhata qabaachuu himatu

Maqaa isa muudameen baannatu,

Garuu…isa inni hordee dhaabee buqqisu

Eenyummaasaa xureessu;

Duudhasaa qotanii awwaalu

Aadaasaa dhoqqee faalu.

Ogumasaaf kiisii akka baasuu

Arrabasaaniin onneesaa malaasuu

Egerreesaa jiraa ajjeesu.

Maqaa fi ogumasaa jalaa sarbu

Jireenyasaa buqqisani darbu

Bakka isa buqqisan of dhaabu;

“Akkas godhaa…” jedhaaree wangeelarraa?

Muudamaan kana barsiiseeraa?

“Kana maayeessaa…” abboomeeraa?

Iccitisaa naa hiikaa firaa!

Inni garuu… kan hammeenya ganamaan ifate

Lafee obboroo kan nagaan ijaarrate

Hin fincille hin simate

Duudhaarratti duudhaa ijaarrate

Aadaarratti aadaa dabalate

Malee…“hin simadhu” jedhee yoom mufate?

Simachuusaa gumee mormaan mirkaneessaa

Garuu…jaalalasaa afaankootiin naa galmeessa

Ergaa Muudamaa afaankoon na barsiisaa

Kan Muudamaas kanuma miti dhaamsisaa?

Garuu…inni iddoosaa of buusee tuulamu

“Lakkii… ifaan jechasaa kan himamu

Maqaansaa leemoon kan dubbatamu

Raajiinsaa leellifamee kan faarfamu;

Afaankoon yoo ta’e malee gonkumaa

Zarrraaff…. Imburrrrrr…. mormakootu qalama!”

Jedhanii iyyuun bu’aansaa maali jamaa?

Dubbii xaxani gudunfuun hinfalu

Mayeessamuunsaawoo hin ooluu!

Ofiii…maqaa Muudamaan qaxxisaa

Abbaa lafaa lafasaarraa buqqisaa

Ofiisaani bakkasaa of buusaa

Dhaala mana Muudamaa dubbatu

Jamaa, …kun hoodo akkamiiti jettu?

“Kan amane nifayya…” jennaan, “kan amane ni fayyaa..” abdate

“Izgoo” jedhi jennaan, “Izgoo nu baraari” jedhee kadhate

Fayyina lubbuu fi qaamsaaf ifa jechasaa fudhate,

Garuu, … oolee bulee

Dubbii falfalli of falfalee

Bakka handhuurrisaa itti awwaalamee

“Taabotatu Waaqaa bu’een,”

“Xabalatu burqee yaa’een,”

Aguuggii huurriin gowwoomfamee

Lafasaa jiraa yeroo dhaalamee

Bulee oolee, oolee bulee

Yaadi dubbii ungulaalee

Yeroodhaaf deebii qixaawaan dhibellee

Oolee bulee shirri shirame of saaxilee.

“Yeroo anaaf yandoo taabotaa lolaasu

Isaaniif maaliif tiifullee hin asaasuu?

Xaballi kun eega qeyeekooti burqee maddee

Qeyeesaantii maaf gu’ee maaf burquu dide?

Lakkii… inni taabota qolloorra natti roobsuu

Inni xabala maasiikoo keessaa maddisiisu

Gowwoomsaan lafakoorraa nan buqqisuu…”

Jedhee murteessee yoo amanticharraa baqate

Eenyu kan itti komatamu?… Yaa abbaate!

“Kitaabicha moggaa –moggaatti kan sallaqsine

Hiika jechasaatti kan kaamettoofne

Safuusaatiin hunda olitti kan milkoofne

Hin-muldhannee muldhisuudhaan kan muldhanne

Guddaa olitti guddaa taanee kan guddanne

Hin-amannee amnsiisnee kancuuphanne

Lusifariin salphisuu dhaan kan aarsine

Xibliyaakosiin, akankinoosin

Ginaxosiin, diyabloosin

Gugmangusiyosiin, qebxirxiryoosiin

Minitisyoosiin, kn aarsinee gaanfessine

Mikaa’elin, Gabri’eelin

Raagu’eeliin, Rufaa’elin

Suraafeliin, kanaamanne itti saganne

Hin-amanneen kan marfamne

Nuyi leemoo fi qulqullu kan taane.”

Kan jedhee adunyaatti kafandise

Waaqarraa taabota yeroo roobsee

Xabala maasii keessa yeroo burqisiiee

Yeroo iyyeessa lafasaarraa buqqisu gatu

“Uggum…! Raajii…” jenne “hinhatinaa!” yeroo hatu.

Kan dhiiga machaaye yeroo gumaa dheessu

Galma Waaqaa seenee yommuttii daaddisu,

Nama hin uggumsiisu?

Isa kaan dubbiin qalbii akaayee

Bifa kaleessaa ofirraa haxaayee

Takka-takka akka billaacha Tsagaayee

Takkas akka karkarroo boolla of kaa’ee

Takkas ho’ee takka qabanaayee

Takka-takka akka jeedalaa

Takkas akka simbira masqalaa

Kalessarraas, ofisaarraas habararee

Huccuu fi amanteesaa geeddaree

Galma Waaqaa keessa dhokatee

Maqoomaasaatti irkatee

Ijaa gomm’ee dhaabbate

Isaafis ulaan Waaqaa ni banamaa?

Kanaa maal jettu yaa jamaa?

Yookaan…

Jarreen kommaarii araadaa

Ganamni sirbaa fi ragdaa

Ganamni kolfa, galgalli gaddaa

Kaleessa hoyi-hoyi!

Hardha Immaahooyi!

Moloksee farfaattu galmaa

Gorsitu afaan dammaa

Akka waan “attamnziruu” caccabsaa hindabarree

Dafqa gudeedaan qabeenya hin hammaarree

Isaan maaf jireenya hin buqqaane?

Dabalees… maqaa galchaan yoo hiixatan,… yaa mammiree

Masarichi isaaniifis hinta’aaree?

***

Yakkamaan gumarraa dheessu

Kan kaleessa soba kafandisu

Hardha barsiisaa ta’ee yeroo barsiisu

Hiikaa jecha Ilmaa fi Abbaa

Abbaa lubbuu, gorsitu lubaa

Aggaafarii mana isa gubbaa

Yeroo ta’ee as bahuu….

Kun hooda mitii yaa sabaa?

Guraandhala, 2020

Zelealem Aberra Tesfa

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

3 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

3 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

3 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

3 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago