Categories: Oduu Oromiyaa

Cunfaa imala galatoomaa Jawaar Mohamadii fii Baqqalaa Garbaa

Cunfaa haxeerarrii dubbii obboo Jawaar Mohammadii fii obboo Baqqalaa garbaa imala galatoomaa Minisoottaa

  1. ffaa imala kana keessa waan hedduutu jira

Sadarkaa Sochii qabsoo Oromoo irra jirtu fii irra turte yeroo Jawaar ibsu. Oromiyaa fii qubee Afaan Oromoo ittiin barachuu fii wal barsiisu, saboonummaa Oromoo fii Oromiyaa sirritti dagaagsu, mootummaa abbaa irree kan ormaan hogganaamu if irraa kaasnee amma “baala taraa” jedhamnee jirru kun bu’aa qabsoo kaleesatiin dhufe.

2. ffa Nuti qabsoo karaa nagayaa filannee jirra. Qabsoo kana milkeessuuf tarsiimoo barbaachiisa tahe hunda lafaa qabna. “Mootumma shinbiroo miti warreen nun jedhaniif bufnee itti agasiifne jirra, kun amma seenaa miti waan bara afur dura tahe.

3. ffaa nuti Rabbii fi Uummata Oromoo abdanne, isaan lachuu bakkaa hin deeman achuma jiran. Qabsoon hundi rakkoo akka qabdu ni hubanna, hidhaa fii ajjechaa hin sodaannu.

4. ffaa Waajjiira keenya tokko yoo cufan kan bira banna. Muka jalatti uummata ijaarra ykn dubbisna malee, qabsoo irraa hin baqannu.

5. ffa Warri Oromoo gaane hunda Rabbii irraa baasaa jira, akka durii miti dubbiin ta baranaa adda. Rabbilleen guyyaa qiyaaman eeguu dhiisee jira natti fakkaata.

6. ffa Yeroo hedduu mootummaa fii biyya adda baasun qabna, nuti biyyi haa diigamtu hin hin jennu. Mootummaan haa jijjiiramuu malee Toophiyaan diigaamuun Oromiyaa fii Oromoo irratti rakkoo guddaa fida. Kana hubachuun barbaachisaadha. Nuti ejjannoo akkanaa qabna, kanaaf murtii jabaan itti deema jirra. Nama nu deeggaaru fii nu hin deegarreefiis kun ifa tahuu qaba.

7. ffa Dhimma Oromoota Walloo kana sirritti beekuun gaariidha, akka Oromoo Harargee fii Arsii ykn bakka biraa jiruu miti.

8. ffa Waraana galchu irratti waan mootummaa fii ABOn irratti waliigalan hojjanne malee, dubbiin akka amma ta’anii dubbatan kana miti. Asmaratti Lammaa Magarsaa fii Daawud Ibsa, Abiyyi fii Daawwud Ibsa akkasumas Leencoo Lataa fii General Birhanu Juula bakka jiranitti gabaasaa Wallagga afran irraa finnetti gabaasne jirra. Viidiyoo fii sagaleen jira ni jira.

9. ffa Gama keenyaan abbaan barbaade nu haa arraabsu, isin wal hin xiqqeessinaa, nuti gogaan keenya gogaa nachaati, humaa hin yaadina. Silaa isiniis akka keenyaa kana taatanii ni barbaanna.

10. ffa Oromoon saba haqaati. Oromoon seenaa kalee kan Jarnaalootin Tigray Qeerroo fii Qarree teenya rasaasan osoo fixaa jirtu, Oromiyaa keessatti lubbuu saba Tigree tokko hin baafne. Ani saba kanarraa argaamuu kootti hedduu gammada. Ummataa kanaaf falmuu kiyyatti hedduun gammachuu qaba. Yeroo sabni hundi qunceen gama muka, faltiin gama loonii taate keessatti, sabni kun ilma isaanii Abiyyii dhisanii gama haqaa gooran. Abiyyi obbooleessa keenya, garuu dogogoora dalagee jira ummatarratti. Duguugga shanyii jechuudhaaf qorannaa hedduu barbaachisa. Nuti nama siyaasati, dafnee dhimma akkanaa keessa seenuu fii murtessuu hin dandeenyu. Jechuudhaan gaafii gurbaa Tigree deebisee jira. Galatoomaa!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago