Categories: Afaan Oromooqubee

Galmee jechoota Afaan Oromoo

Kaayyoon qophii kanaa Afaan Oromoo gabbisuu, dagaaysuu/dagaagsuu fii guddisuudha. Afaan kana waalteessuudha.

Oromiyaan bal’oodha, akkuma lafti teenya bal’oo fii guddootti, ummanni keenyaas guddaadha. Ummanni keenya cunqursaa hamaa alagaa jala yeroo dheeraa turerraa ka’uun, afaan, aadaa, jiruuf jireenyi isaa akka hin dagaaysifanne taasifamee ture. Ka isaa jibbee ka alagaa jala akka goru godhamee ture. Sabni tokko ka afaanii fii aadaa isaa hin beeyne rakkoo hedduuf saaxilama. Suuta suuta ka ifii dagatee ka ambaa fudhata. if tahee jiraachuu dhiisee amba fakkatee jiraata. Eenyummaan isaa seenaa tahee waraqaarratti hafa. Akka akkas hin taane hin hafne, nuti saba bal’aadha waliin taanee afaan keenya, aadaa teenya, lafa teenya, lagggeen kheenya, gaarreen keenya, uumama dachii teenya gubbaa fii jala jiru walitti qabnee walirraa barree wal barsiisuun dhaloota hegereetti dabarsuun dirqama naa fii sirra jiru!

A .Barbaachisummaa Waaltina Afaanii

Afaan waaltessuun faayidaa hedduu qaba. Tokkummaa ummata afaanichaan waliigaluu cimsuuf, eenyummaa isaanii calaqqisiisuuf, amantiifi aadaa isaanii ibsuuf, guddisuufi wkf. afaan waaltessuun dhimma ijoodha.

Kun kan agarsiisu waaltinni afaanii tokkummaafi jaalala hawaasa afaanicha dubbatuu cimsuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu isaati.

Waaltinni afaanii sadarkaa guddina afaan tokkoo saffisiisuufis ta’ee afaanicha afaan saayinsiifi teeknooloojii taasisuu keessatti gumaacha olaanaa qaba.

Kana malees, waaltinni afaanii sirna baruufi barsiisuu keessattis gahee inni qabu salphaa miti.

B.Akkaataa Waaltina Afaanii

Afaan karaa gurguddaa lamaan waalta’uu danda’a: Karaa alidilee (informal)fi idilee (formal) ta’eenidha jedhu hayyoonni.

Karaa alidileetiin afaan waaltessuu jechuun osoo itti hin yaadamiin hawaasni afaanichaan waliigalu jiruu isaa guyyaa guyyaa keessatti itti fayyadamuun afaanicha kan waalteessudha.

Haa ta’u malee, seenaa afaanotaa keessatti afaan adeemsa kana qofaan waalta’e hin jiru. Adeemsa keessa ofii isaatiin waalta’uun yeroo barbaadametti afaanicha afaan saayinsiifi teeknooloojii taasisuu hin danda’u. Akkaataa kanaan waaltina afaanii eeguunis rakkisaadha.

Waaltinni idilee garuu qorannoo saayinsaawaa irratti hundaa’uun itti yaadamee karoorfamuun kan raawwatudha.

Waaltinni afaanii karaa idilee ta’een ykn itti yaadamee gaggeeffamu maleenyaa (approaches) lamaan raawwatamuu danda’a.

Isaanis:

A. Maleenyaa Ibsaa(Descriptive approach).

B. Maleenyaa Ajajaa (Prescriptive approach).

Maleenyaa Ibsaa(Descriptive approach)-Ibsuun waalteessuu jechuun, haala itti fayyadama afaanichaa warra dhimma itti bahan barsiisuudha. Maleenyaa ibsaan haala waaltina afaan tokkoo keessatti ga’ee taphachuu danda’uun jechootaafi caasaa afaanichaa qorachuun ibsuu ta’a.

Maleenyaan kun filannoo hawaasichaa dhiyeessuun filachuun mirga isaa ta’uu mirkaneessuun wal qabata.

Haala qabatamaa jiru irraa ka’uun maleenyaa kanatti kan gargaaraman koree waaltinaati.

Haata’u malee, namni amala isaatiin naannoo ofiif waan looguuf, haala kana keessatti waaltinni afaan tokkoo harkifachuu danda’a. Yeroo ammaa hojiin waaltina Afaan Oromoo sadarkaa kanarra hin dabarre.

Koreen waaltinaas filannoo dhiyeessuun ala fudhatama filannoo sanaatiif to’annaan inni taasisaa jiru laafaadha. Kun ammoo karaa biraatiin korichumtuu filannoo dhiyeessuun dhaaba dhabuu jechootaafi caasaa afaanichaatiif qabata ta’a.

Maleenyaa Ajajaa (Prescriptive approach)-Adeemsi inni lammaffaan ammoo, maleenyaa ajajaati. Akka hayyoota yaada maleenyaa kanaa deeggeraniitti, loogawwaniifi caasaa afaan tokkoo ogeessaan qorachuun hojii isa dursaati.

Sana booda, afaanichi yeroo barbaadame keessatti afaan saayinsiifi teeknooloojii akka ta’utti gama jechaatiinis ta’ee caasaatiin haala waalta’e tokko uumuun akka ittiin hojjetamuuf haala mijeessuudha.

Kana jechuun manneen barnootaa, waajjiraalee mootummaa, manneen daldalaa keessatti barsiistonni, barreessitoonni wkf. Afaan waaltinaaf qophaa’e sanaan akka fayyadaman dhiibbaa geessisuudha.

Isa kanas to’annaa walirraa hin cinne taasisuun mirkaneeffachuudha.

Maleenya ajajaatiin afaan waaltessuun “Seerri isaa kana” jechuun kaa’uudha. Seerri kunis kan irratti raawwatamu warra afaanicha fayyadamaniitti.

Hayyoonni itti dabalanii akka ibsanitti, afaan waaltessuuf karaa filatamaa kan ta’u, fayyadamtoota afaanichaaf gorsaafi odeeffannoo gahaa kennuudha.

Garuu immoo hojiin waaltinaa akka galma gahuuf maleenya ajajaatti fayyadamuun filatamaa akka ta’e cimsanii ni ibsu.

C. Adeemsa Waaltina Afaanii

Qoratoonni afaanii adeemsa waaltina afaanii karaa adda addaa ibsaniiru. Waaltinni afaanii adeemsa afur keessa darba jedhu Hayyoonni.

Isaanis:

1. Filannoo Looga Bu’uuraa (Selection).

2. Moggaasuu (Codification).

3. Ibsa Faayidaa (Elaboration of Function).

4. Hojiirra Oolchuu (Implementation).

Afaan tokko waaltessuun, adeemsa adda addaa kan bu’uura walii ta’an of keessaa qaba.

Adeemsa kanas bakka gurguddaa lama jalatti walitti qabuun akka danda’amu eeru hayyoonni.

Isaanis:

1. Murtee (Determination):

Murtee keessatti yaada lamatu jira.Tokkoffaan, loogawwan adda addaa jiran keessaa tokko fudhachuun bu’uuruma isaatiin kanneen hafanis ilaalcha keessa galchuun waaltessuudha.

Kun yeroo baay’ee jeequmsa waan kaasuuf, hayyoota afaanii biratti baay’ee fudhatama hin qabu.

Inni lammaffaan, loogawwan hunda haala walqixa ta’een ilaaluun hundarraa kan walitti baba’eefi hunda kan bu’uureffate looga tokko uumuudha. Kun filatamaadha.

2. Dagaagsa (Development):

Dagaagsi babal’inaafi guddina afaan tokkoo irratti xiyyeeffata.

Kunis adeemsa xixiqqaa garagaraa ofkeessatti qabata.

Isaanis:

2.1 Madaqsuufi Moggaasuu (Adoption and Codification):

Qubee afaanichaaf ta’u uumuu ykn madaqsuufi jechoota yaadrimeewwan bakka bu’an moggaasuun bakka itti gaggeeffamudha.

2.2 Fudhatama Horachiisuu (Harmonization):

Hojiiwwan hojjetaman fudhatama horachiisuu irratti xiyyeeffata.

Qubeewwan, jechoonniifi caasaaleen qophaa’an fudhatama akka argataniif hojjechuudha.

2.3 Kunuunsuu (Caltivation):

Qubeen, jechoonniifi caasaaleen waalta’an hanga sadarkaa barbaadametti waalta’anitti kunuunsa barbaachisaa ta’e gochuudha.

Kunuunsi kun qaamolee siyaasaan, barreessitootaan, barsiisotaan, miidiyaan kan raawwataman ta’a.

2.4 Amayyoomsuu (Modernization):

Afaanicha afaan saayinsiifi teeknooloojii taasisuuf hojii hojjetamudha.

Maddi: Institiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoti

Tarree jechoota Afaan Oromoo horsiisa isaa waliin

Jechoota qubeen eegalan tartiibaan….
ABCDEF
JHIJKL
MNOPQR
STUVWX
YZCHDHKHNY
PHSH
Mirgi qabiyyee kanaa seeraan eeggamaadha, irraa baruuf yoo taate malee, bifa kamiinuu asirraa fudhanii laacceelloomfachuun dhoorkaadha.
bilisummaa

Recent Posts

Univarsitii Haroomayaa ummata keenya ni fayyadde moo itti fayyadamte?

Baruumsi bu'ura jireenya ilma namaati. Barnoonni bu'ura waa hundaati. Manni barnootaa naannoo kee jiraachuu jechuun…

2 days ago

The Conflict Testing Ethiopia’s Nobel-Winning Leader

The Conflict Testing Ethiopia’s Nobel-Winning Leader

2 days ago

The Security Challenges Of Addis Ababa Escalate Internally And Externally

For several months, Ethiopia has witnessed an escalation of threats on various fronts, both internal…

2 weeks ago

Reactions to the Ethiopian conflict

In a sign of growing concern in Washington about the Civil War in Ethiopia, the…

2 weeks ago

Ethiopia’s economy struggles as war reignites in Tigray

NAIROBI, Kenya — Once home to one of Africa's fastest-growing economies, Ethiopia is struggling as…

2 weeks ago

OLLAA WELCOMES CALLS FOR A PEACE SOLUTION AND URGES ETHIOPIA-WIDE PEACE PROCESS

On September 11, 2022, the Government of Tigray External Affairs Office released a statement indicating their willingness…

2 weeks ago