Oduu Oromiyaa

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti fufe.

Ragaan sanada haaraan loogummaa, jibbaa sabummaa fi olaantummaa dhalattoonni Amaaraa dhaabbaticha keessatti qaban saaxiluu kan damee dhaabbatichaa baha Itoophiyaa OMN harka galee jira.

Akka ragaan sanada kanaa mul’isutti hojjattoonni dhaabbatichaa dameen bahaa dhibeentaan 62.4, Manaajaroonni dhibeentaan 84.6, too’attoonni (supervisor) dhibbeentaan 58.9 dhalatootaa saba Amaaraati.

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan dhuunfatamuun mirga saboonni biyyattii dhaabbaticha irraa qaban sarbaa jira jedhamuun komiin bal’aan irratti ka’aa jira.

Sanadaawwan olaantummaa dhalattoonni saba Amaaraa dhaabbaticha keessatti qabanii fi loogummaa hojjattootaa dhaabbatichaa saboota biroo ta’an irratti raawwatamu mul’isu yeroo garagaraatti OMN saaxilaa ture.

OMN sanadaalee rakkoo dhaabbatichaa mummee, kan magaalaa Finfinnee fi naannoolee saaxilan baasaa kan ture yoo ta’u, amma ammoo sanadni loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba Amaaraa dhaabbata Itiyoo-telekoom damee baha biyyatti saaxiluu harka OMN seenee jira.

Dhaabbata Itiyoo-telekoom damee baha Itoophiyaatti hoogganoonni fi hojjattoonni dhaabbatichaa dhibeentaan olaanaan dhalattoota saba Amaaraa yoo ta’an, dhalattoota saboota biroo muraasa achi keessatti argaman irratti dhiibbaan taasifamaa jiraachuu sanadni kun eeree jira.

Damee dhaabbatichaa baha biyyatti East Region jedhamuun beekkamutti dhaalattoonni Amaaraa sadarkaa daareektaraa, Manaajaaraa, Too’ataa (Supervisor) hojjattootaa fi Konkolaachisaatti olaantummaan dhuunfachuun dhaabbaticha kan Itoophiyaa osoo hin taane kan saba tokkoo fakkeessanii jiru jedha sanadni haaraan kun.

Hojjattoota dhaabbatichaa damee baha biyyattji 397 keessa 248 dhalattoota Amaaraa yoo ta’an, 22 Oromoo, 45 Somaalee, 8 Tigraay, 74 saboota biroo akka ta’an sanadni kun eeree jira.

Lakkoofsi hojjattoota dhaabbatichaa dhibeentaa sabootaatiin yoo ibsamu, dhalattoonni Amaaraa dhibeentaa 62.47, Oromoon dhibeentaa 5.54, Somaaleen dhibeentaa 11.34, Tigraay dhibeentaa 2.02, Saboonni biroo ammoo dhibeentaa 18.63 ta’uu isaa ragaa sanadaa kana irraa beekuun danda’amee jira.

Manaajaroota damee dhaabbatichaa kanaa 13 keessaa Oromoon 1 qofa yoo ta’u, dhalatyoonni Amaaraa 11, Somaaleen 1 akka ta’e ibsamee jira. Kunis Dhibbeentaan yoo ibsamu manajaroonni dhaabbatichaa damee bahas dhibeentaan 84.62 dhalattoota Amaaraa, dhibbeentaan 7.7 dhalattoota Oromoo, dhibaantaan 7.7 Somaaleedha.

Too’attoota (Suppervisor) Itiyoo-telekoom damee bahaa 56 keessa Oromoon 5 qofa yoo ta’u, dhalattoonni Amaaraa 33, Somaaleen 11, Tigraay 3, saboonni biroo ammoo 4 yoo ta’an dhalattoonni Amaaraa dhibeentaa 58.9 olaantummaan qabataniiti jiru.

Konkolaachiftoota dhaabbatichaa 72 keessa 58 dhalatoota Amaaraati kan jedhu ragaan sanadaa OMN argate kun, Oromoon 5, Somaaleen 6, Tigraay 1, saboonni biroo 2 jedha.

Konkolaachiftoonni dhaabbatichaa dhibeentaan yoo ilaallaman, dhalattoonni Amaaraa dhibeentaa 80.56, dhalattoonni Oromoo dhibeentaa 6.94, dhalattoonni Somaali dhibeentaa 8.33, Tigraay dhibbeentaa 1.39 fi saboonni biroo ammoo 2.78 akka ta’e sanada kana irratti ibsamee jira.

Dameen Itiyoo-telekoom baha Itoophiyaa akkuma dameelee dhaabbatichaa biroo olaantummaa dhalattoota saba Amaaraa qofaan kan qabame yoo ta’u, hojjattoota dhaabbatichaa dhaloota Oromoo fi saboota biyyatti ta’an irratti wal ijaaruun dhiibbaa irratti taasisaa jiraachuu isaanii maddeen keessoo dhaabbatichaa OMNtti himani jira.

Hojjattoota dhaabbatichaa dhalootaan Oromoo ta’an irratti dhiibbaa taasifamaa jiruun wal qabatee yaada keessoo dhaabbatichaatii kan OMNf kenne maddi maqaan isaa akka caqafamu hin barbaanne, “Oromoo dabalatee dhalattoota saboota biyyatti irratti wal ijaaranii hojii irraa aryachiisuu, mindaa irraa mursiisuu fi xalayaa of eeggannoo irratti barreesisiisaa jiru” jedha.

Hooggannoonni dhaabbatichaa damee bahaa nama qaxaruuf, hojjattootaaf guddinna kennuuf akkasumas faaydaa hojjataan argatuuf sabummaan qoodanii kanneen dhalootaan Amaara ta’an qofaaf hiree kennaa jiru kan jedhu maddi OMN kun, dhiibbaan bal’aan gartuu olaantummaan dhaabbaticha qabateen saboota biyyatti irratti adeemsifamaa jira jedha.

Mootummaan rakkoo dhaabbilee federaalaa keessa jiru kana hiikuun akka saboota, sablammootaa fi ummattoota biyyatti fayyadutti caasaa haaraa diriirsuu qaba jechuun hojjattoonni dhaabbatichaa gaafachuu irratti argamu.

Maddi:OMN

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago