Oduu Oromiyaa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa Itti aanaan dhaaba Koongireesii Federaalawaa Oromoo, Obbo Baqqalaa Garbaa biyya Ameerikaatti kooluu-galtummaa gaafachuu BBC’tti himan.

Tibba kana biyya amma keessa jiran Ameerikatti oduun sobaa boqotaniiru jedhu irratti odeeffama kan ture Obbo Baqqalaan, adddatti gaaffiif deebii BBC waliin taasisaniin haalli siyaasaa Itoophiyaa keessa jiruu ”karaa nagaa qabsaa’uufis ta’e akka dhunfaatti jiraachuuf” yaachiisaadha jechuun achumatti hafuuf murtessuu himan.

Artiistiin maqaa guddaa Hacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29, 2020 ajjeefamuu hordofee hokkora dhalateen walqabatee waggaa tokkoo fi walakkaa oliif hidhamanii kan turan Obbo Baqqalaan, akkuma hidhaa bahaniin gara USA imalan.

Waggaa tokkoo dura gara Ameerikaa wayita imalan ummata akka hiikaman gaafachaa ture galateeffachuuf malee achitti hafuu yaaduun akka hin turre dubbatan.

”Biyya kana ergan dhufee waggaa tokkoofi ji’a sadii ol ta’eera. Jalqaba kan dhufneefi hidhaadhaa erga baanee booda uummata keenya biyya alaa jiru waliin wal arginee tokkoffaa mana hidhaatii akka baanu qabsoo gaggeessaa turaniif galteeffachudhaaf, lammaffaa ammoo gara fuulduraa waan gochuu qabnu irratti mariyaachuufi.”

Obbo Baqqalaan erga biyyaa bahanii waggaa tokkoofi walakkaatti yeroo siiqu keessatti halli siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru jijjiiramuu kaasuun ”amma biyya sanatti deebi’uun barbaachisaa ta’ee natti hin mul’anne” jedhan.

Obbo Baqqalaa dabalatee hooggansi olaanaan dhaaba KFO ajjeechaa artiist Hacaaluu booda mana hidhaa turan, mormii isaanii lagannaa nyaataa guyyoota dheeraa ture gaggeessaa turan.

Sababa kanaattis qaamni isaanii miidhamee, fayyaan isaaniis yaachisaa ta’ee akka ture ogeeyyiin fayyaa isaanii gabaasaa turan.

Hidhaa akka bahaniin ”Imala galatoomaa” jedhuun biyyoota alaatti hawaasa jiru waliin mariyatanii waldhaansa fayyaa argatanii ni deebi’u tilmaama jedhutu ture.

‘Waggootni erga jijjiiramni siyaasaa dhufee as jiran ‘hamoodha”

Obbo Baqqalaan jijjiirama siyaasaa biyyatti deebi’uu isaanii yaaddessaa taasise wayita ibsan, ”walumaagalatti waggootni erga Itoophiyaa keessatti jijjiiramni siyaasaa dhufee jiran, addatti ammoo waggaan tokkichi darbe baayyee hamaadha” jedhan.

”Waggaa tokkoo as inni jirummoo keessumaa baayyee kan nama gaddisiisudha.

”Namootni mana hidhaatii baafamanii ajjeefamu, abbaan barbaade qabee nama hidha, bakka buutee isaanii dhabamsiisa, hojiirraa ari’a, lafa isaarraa hin buqqa’a, Oromoon daangaan itti ce’amee manni irratti gubata, fayyaan ibiddaan gubama, namni ofiin boolla akka qotee keessatti ajjeefamulle ta’aa jira,” jechuun haala siyaasaa Itoophiyaa keessaa ibsan.

Itti dabaluun ”waajiraaleen dhaabbilee siyaasaa guutummaa guutuutti cufamaniiru jechuudhaaf ni danda’ama” kan jedhan Obbo Baqqalaan, sababa kanaatti sochii siyaasaas biyya keessati gaggeessuun hin danda’amu” jedhan.

”Kana keessatti lubbuudhumaan jiraachuufuu haala nama sodaachisu keessa gahameera.

”Lammaffaa ammoo osoo biyya sanatti deebi’amees sochii siyaasaa gochuun waan hin danda’amneef, gama kootiin ammaan booda biyya sanatti deebi’uun bu’aa buusu hin qabu kanaaf biyyuma kana turuutu narra jira jedhee dhiyoo kanan murteeffadhe.”

Obbo Baqqalaan osoodhuma biyyatti deebi’aniillee hojii barsiisummaa Yunivarsiitii Finfinnee keessatti hojjetan itti fufuu akka hin dandeenye dubbatu.

Sababni ammoo akkuma mana hidhaatii bahaniin ”umriin kee jahaatama gaheera jedhaanii sooroma na baasan” jedhamu dubbatu.

”Akkuman mana hidhaatii baheen xalayaa naan gahan. Waggaa jahaatama guutteetta waan ta’eef amma sooromaan baateetta naan jedhan.

”Adeemsa sooroma raawwachuuf yaaliin godhellee hin milkoofne. Umrii koo guutuu waanan itti dadhabaa tures argachuu hin dandeenye. Harka koo duwwaa biyya hambaatti galuun dirqama natti ta’eera.”

Obbo Baqqalaan haala amma jiruun biyyatti deebi’anii sochii siyaasaa gochuu akka hin dandeenye, iddoo biraatti qacaramanii hojjechuufis haalli rakkisaa ta’uu muuxannoo amma dura isaan mudaterraa dubbataniiru.

”Haala kanaan biyyattii galuun koo qabsoo godhamuuf waan gumaachu hin qabu jedheen amanee biyyuma kanatti hafuuf murteesse.”

”Biyyi sun jireenya kootiif sodaachisaadha jedhee beeksifadheera. Iyyata koo kana narraa fudhatanii jiru” jechuun US’tti koolugaltumma agaafachuu ibsan.

‘Yeroo lama hiree biyya US jiraachuu dideen ture

Obbo Baqqalaan bara 2015 hidhaa bahanii wayita Ameerikaa daawwachuu dhaqan dhaabbatni Scholars at Risk jedhamu ogeeyyii biyya dhalootaa isaaniitti lubbuun jiraachuun isaan yaachisuuf carraa US jiraachuu dandeessisu mijeessu hayyama kennefii akka tureefi didanii biyyatti akka galan dubbatu.

Wayita biyyatti deebi’anis irra deebiin hidhamaniiru.

Bara 2018’ttis hidhaarraa gadhiifamanii gara US wayita imalan dhaabbatichi carraa achi jiraachuu yeroo lammataaf mijeesseefi ammas obbo Baqqalaan biyyatti deebi’uun qabsoo karaa dhaaba isaanii eegalan itti fufuu filatan.

Haa tahu malee ammas deebi’anii yeroo sadaffaaf hidhaman.

Isa dhiyoo erga hidhaa bahanii US’tti imalanii garuu dhabbatni carraa kana mijeessuu yeroo lamaa ol carraa hin kennu ittiin jechuu himaniiru.

Amma dura kan carraalee argatan dhiisanii biyyatti deebi’aniif danqaalee hedduu keessattis ta’u qabsoo gaggeessanii filannoo walabaan mootummaa ijaaruun sirna uummatni barbaadu ijaaruuf abdiin jira amantaa jedhuun akka ta’e dubbatan.

”Yoo mo’icha argannee imaammata uummata fayyadu bocnee uummata sana bulchuu carraa ni qabaanna ta’a kan jedhu abdii guddaan qaba ture.

”Kanaafin yeroo lamaaf carraa naa kenname didee osoo abdii hin kutatiin biyyatti gale. Haalli amma jiru garuu tasumaalle waan abdii namaa kennu miti.”

‘Mana hidhaa keessaa bahuuf haaldureen naaf dhihaate tokkollee hin jiru’

Obbo Baqqalaan biyya dhalootaa isaanii dhiisanii biyya hambaatti jiraachuuf murteen dabarsan kun tarii mana hidhaatii bahuuf mootummaa waliin waliigaltee raawwatan keessaa tokko ta’uu danda’aa gaaffii jedhu kaasuu mala.

Mootummaan Itoophiyaa namoota siyaasaa to’annoo jala oolche gadhiisuuf bulchiinsa isaatti yaaddoo akka hin taane mirkaneeffachuuf haalduree kaahuu malas shakkiin ni dhagaahama.

Obbo Jawaar Mohaammad, hidhaarraa bahuu booda yeroo dheeraaf callisuunis shakkii kana bal’iseera

Qaama mootummaa ta’anii namoota siyaasa Ministirri Muummee gaggeessaniin wal hin simne toftaan ofirraa fageessa jedhamee hamatama.

BBC’n shakkii miidiyaa hawaasaarra adeemu kana irratti ragaa argate hin qabu.

Obbo Baqqalaa gaaffii murteen keessan tarii mootummaan wayita hidhaarraa isin hiiku akka haaldureetti waan dhiyeesse ta’aa jedhuuf deebii yoo kennan, ”hangan biyyaa bahutti doorsiisni karaa kamiyyuu narra gahe hin jiru; mana hidhaa keessaa bahuufis haaldureen naaf dhihaate tokkollee hin jiru” jedhan.

‘Kun akka dura taa’aa itti aanaa KFO’tti ibsan kennu isa xumuraati’

ALI bara 2001 miseensa dhaaba Warraaqsa Federaalawaa Dimookraatawaa Oromoo ta’uun hirmaannaa siyaasaa dhaaba keessatti godhamuutti kan makaman Obbo Baqqalaan, osoo hedduu hin turiin gara hooggansa dhaabaatti guddatan.

Hanga ibsa kana BBC’f kennanittis dhaaba Koongireesii Federaalistii Oromoo keessatti Dura Taa’aa Itti Aanaa KFO ta’uun qabsa’aa turan.

Dhaabni siyaasaa kan barbaachisu imaammata uummata gargaaru baasuun yoo hiree argate mootummaa ijaaruu, yoo ta’uu baates dhaaba mootummaa ijaare karaatti deebisuufi yaada filannoo dhiyeesuudhaaf barbachisa kan jedhan obbo Baqqalaan, ”haala amma jiruun filannoowwwan lamaan kun guutummaatti cufameera haala jedhamurra jira” jedhan.

”Kanaaf ani amma paartii siyaasaa keessa turuun na hin barbaachisu. Aangoo siyaasaatiif deemaa hin jiru. Maqaa paartiitiin biyya sana keessa taa’ee uummata sochoosaa hin jiru, uummata sanaaf hojjechaa hin jiru. Kanas gochuudhaaf carraansaa hin jiru.”

Haala siyaasaa ibsan kana irratti hundaa’uun dhaaba siyaasaa keessa turuunis hooggansa dhaabichaa harkaa qabaachuunis bu’aa hin qabuu jechuun gadhiisuu isaanii beeksisan.

”Tarii akka itti aanaa dursaa Kongireesii Federaalawaa Oromootti af-gaaffii isa dhumaati kaniin kennu. Ammaan booda akka nama Oromoof quuqamu tokkoo, akka Oromoo tokkoo, akka nama mirga uummata Oromoof quuqamu tokkootti malee akka hogganaa paartiitti kaniin deemu miti.”

Nama kamiifuu, paartii isaaniifi miidiyaa kamiifuu murtee isaanii kana amma dura kan hin beeksisne akka ta’es dubbataniiru.

”Dhimma kana ittuma yaadaan ture. Faayidaan isaa naaf ifuu waan hin dandeenyeef dhiyeenyuman murteesse.”

Dhaaba isaanii kanaan ”quuqama guddaa kan qabu, yoomillee taanaan dantaa saba isaanii dabarsanii kan hin kennine, kan hin gurgurre, hamma wareegamaatti namoota deeman, jaalleewwan gurguddaan keessaa qaba, wajjiniin gidiraa meeqa kaniin fudhadhe isaaniif ammallee kabajaa guddaan qaba” jedhan.

”Akka amma duraa isaan waliin walgahii taa’ee waliin qabsaa’ee, hoji hojjechuu dadhabuu kootti gadda guddaatu natti dhagaahama” jedhan.

‘Siyaasa nan dhaaba jechuu miti’

Miseensummaafi hooggansa irraa of kaasuu haa ibsan malee akka nama tokkootti qabsoo dhaabni isaanii durii gaggeessu kana keessattis ta’e, qabsoo uumatni Oromoo gaggeessu keessatti bakka barbaadamanitti argamanii gahee isaanii akka bahanis dubbatan.

”Siyaasaan dhaaba jechuu miti. Waayee saba koo dubbachuun dhiisa jechuu miti. Karaa barbaachisaa ta’een qabsoo kana keessatti qooda fudhannan koo raawwateera jechuu miti.”

Bakka Oromoon na barbaadutti, bakka dhaabni Oromoo kamuu na barbaadutti, bakka dandeettiin koo barbaadamutti nan argamaa” jedha.

Dhaaba KFO keessatti dhiibbaan kamuu akka isaan mudatee hin beekne ”dhaaba kanaaf caala qaamni isaan amananiifi kabajan akka hin jirre” dubbatan.

”Dhiibbaan tokkollee, karaa kamiinillee karaa paartii sanaas ta’e akka dhuunfaatti kan narra gahe hin jiru.”

Kabaja guddaan waliin hojjenne kan jedhan obbo Baqqalaan, osoo mijatee kabajaan gaggeefamanii hawwii isaanii akka ture dubbatan.

”Akka mana guddaa tokko, jaarmiyaa guddaa akkan dhiiseetti gadda guddaatu natti dhagaahama” jedhan.

Murteen keessan dhaabicha hin laaffisuu?

Obbo Baqqalaan biyya hambaa taa’anii hooggansa dhaabaa irra jiran qabatanii turuun fayidaa hin qabu sababa jedhuun hooggansa dhaabaa dhiisuu wayita beeksisan, ”murteen koo kun dhaabicha ni laaffisa jedhee hin amanuu” jedhan.

Amanamumma fi dhugaa qofa irratti hundaa’uun qabsa’aa akka turan kan dubbata Obbo Baqqalaan, waahillan isaanii kaanis akkasumatti hojjechaa akka turaniifi akkasumatti akka itti fufan abdii qaban himan.

”Dhaaba sanaatiif homaa waan rakkoo ta’u, dadhabbina waan itti fidu, maqaa isaas waan gadi buusu, sochii gochaa tures waan duubatti deebisu ta’ee natti hin mul’atu. Yoomiyyuu jaalalaan isaan wajjiniin jira” jedhan.

Biyyatti deebi’uuf haalduren keessan jira?

”Dhuunfaadhaan jiraaachuudhaafis haalli biyya keessa jiru anaaf mijaawaa miti. Siyaasa gaggeessuudhaafis mijaawaa miti. Isa yoomiyyuu caala hamaadha. Namoota inni daran itti hammaatu keessaa tokko akkan ta’ettin of fudhadha” jedhu Obbo Baqqalaan.

”Haalli amma jiru kun hamma jijjiiramutti biyyan itti dhaladhe keessatti qabsaa’ee, keessatti hojjedhe keessatti guddadhe, biyyan hamma dhumaattis keessa jiraadha jedhee abdadhe dhiisee bahuuf kan na dirqamsiise kana” jechuun ”gaafa haalli kun jijjiiramu deebi’uun ni danda’ama ta’a” jedhan.

Dhalootni beekumsaafi quuqaman jajjabooon jiran kan jedhan namni siyaasaa gameessi kun, ”qabsoodhaaf biyyatti nan deebi’a jedhee hin yaadu” jedhan.

Haalli fooyya’aan biyya ofii ilaaluuf biyyatti deebi’u dandeessisu akka uumamu abdii qabaachuus ibsaniiru.

”Hanga sirni kun jirutti garuu wanti kun ta’ee natti hin mul’atu.”

‘Fayyaa guutuun qaba’

Torbee darbe keessa oduun sobaa ‘Obbo Baqqalaan boqotaniiru’ jedhu miidiyaa hawaasaarra gadhiifamee ture.

Obbo Baaqqalaanis viidiyoo waayee boqochuu isaaniirratti hojjetame arganii deebii itti kennaniiru.

”Waahillan koo waliin osoo jirruu namni tokko viidiyoo kana nutti erge. Obbo Baqqalaan boqoteera, reeffi gara biyyaa ergameera, sirni gaggeessaa akkasi akkasii jedha” jedhan.

Achumatti oduu kijibaa kanaaf karaa miidiyaa hawaasaa deebii kennuu dubbatan.

”Amma fayyaa guutuun qaba. Fayyaan koo eegamaa. Waaniin dur hojjedhu hunda nan hojjedha. Jijjiiramni fayyaa koorratti dhufe hin jiru.

”Yuumiyyuu caala fayyaan natti dhagaahamaa jira” jedhuun BBC’tti himaniiru.

Obbo Baqqalaa Garbaa barsiisaa fi nama siyaasaa gameessa yoo tahan waggoota dheeraaf sirna dimokiraasii Itoophiyaa keessatti dagaagsuuf warra qabsaa’aa turan keessaa tokko.

Bara bulchiinsa ADWUI keessas irra deddeebiin hidhamaa turan.

Maddi:BBC afaan Oromoo

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago