Baarentuu Gadaa Iarraa///
Ummanni Oromoo aadaa, seenaa, afaan fi duudhaa isaa dhiigaa fi dafqa
isaatiin tikfataa as gahe. Funduraafis dhiiguumaa fi dafqa isaatiin
tikfataa jiraata. Ni guddifatas.
Weertoonni ummata Oromoo weeraranii qayee isaarra jiraachaa
turanii fi jiran Waggoota 130n darbaniif aadaan, afaan, seenaa fi
duudhaa isaa walumaa galatti eenyummaan isaa balleessuuf hedduu
carraaqan. Weeratoonni kun amma Wayyaanee har’aattis toftaa haa
jijjiratan malee duulli Oromoorratti taasisan hin dhaabbanne. Aadaa,
seenaa, afaanii fi duudhaa walumaa galatti abbaa biyyummaa isaarratti
kalees har’as yakka raawwachaa jiru. Ummanni Oromoo biyya isaa
keessatti akka lammii lammaaffaatti hacucamaa, biyya isaarratti mirga
wal qixummaa, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu dhabee
mankaraarfamaa jira.
Oromoon saba guddaa, saba seenaa, aadaa, afaanii fi dhuudhaa
addunyaaf fakkeenya ta’u qabuu dha. Ummanni aadaa bonsaa, sirna
waliin bulmaataa baayyee ammayyoome kan akka Sirna Gadaa qabu kun
guyyaa Habashoonni “Nafxanyoonni” qawwee warra lixaatirraa argataniin
itti duulaniirraa kaasee aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa isaa,
walumaa galatti biyya isaa weertootarraa bilisa baasuuf, akka hin
bannee eeguuf wareegama ulfaataa safaramee hin dhumne baasee jira.
Baasaas jira. Aadaa, aafaanii fi duudhaa akkasumas biyya isaaf
jecha wareegameera, cabeera, dararameera, itti salphifameera, biyyaa
itti godaansifameera. Walumaa galatti jiruu fi jireenyi isaa itti
dhabeera. Ilmaan isaa qaqqaalii danuun itti dhiiganiiru, Ammalleen
eenyummaa isaa tikfachuu fi biyya isaa deeffachuuf ilmaan isaa baddaa
gammoojjitti wareegama gurguddaa kaffalaa jiru. Akka dhiiga
isaanitiin mirgi abbaa biyyummaa Oromoo milkaawus shakkiin hin jiru.
Akkuma eenyuyyuu quba qabutti Habashoonni ilmaan nafaxanyootaa
kaleessaas ta’ee Wayyaaneen har’aa aadaa, afaan , seenaa fi duudhaa
Oromoof jaalalas at’e kabaja hin qaban. Lafa Oromoo malee, qabeenya
Oromoo saamaa jiran malee aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa Oromoof
kabajaa fi jaalala hin qaban. Kabajuu, Jaalachuu fi akka qabeenya
saboota Impaayeera sana keessa jiranii keessaa isa tokkootti
ilaaluun hafnaan akkuma aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa saba
addunyaa kanarra jiru isa tokkoottuu fudhachuuf fedhii hin qaban. Waan
Oromoo Jibbaan guutamanii ilaalu. Aadaa fi duudhaa isaatii mitii
Oroomoodhumaawuu akka abbaa biyyaa biyya isaatti hin fudhatan.
Kanarraa ka’uunis barootaaf karaa walirraa hin cinneen Oromootti
duulanii lafa isaa qoofa odoo hin taane, aadaa, seenaa, afaanii fi
duudhaa isaa balleessuuf carraaqaniiru. Carraaqqii isaanii kana
milkeessuufis hayyoota Oromoo, Abbootii Gadaa, qabsaawoota Oromoo
hedduu hidhaniiru,ajjeesaniiru, dararaniiru. Lafa safuu; Ardaa aadaa
fi duudhaa Oromoo mancaasanii balleessuuf tattaaffii guddaa
taasisaniiru. Qaaluu Oromoo galma irratti diiguu fi gubuuniis
yakkoota seenaan hin daganne raawwataniiru.
Wayyaaneen har’aas Abbaa Gadaa hidhaa, irreecharratti dhukaasa bantee
nama ajjeesaa jirti. Ilmaan Oromoo qaroo guddina aadaa, seenaa fi
duudhaa saba Oromootif halakanii guyyaa hojjetan kumoota hedduun
lakkaawwamanis hidhaa, ajjeesaa fi biyyaa godaansisaa jirti. Walumaa
galatti kalees har’as yakkoonni danuun aadaa, seenaa, afaanii fi
duudhaa Oromoorratti raawwachaa jiru malee wanti bu’uurrarraa fooyya’e
hin jiru. Haata’uutii garuu wayyaanee har’aas ta’e weerartoonni
kaleessaa akka yaadanii fi barabaadanitti milkaawuu hin dandeenye.
Galanni gotota Oromoo dhiiga isaanii dhangalaasaa turanii fi jiraniif
haata’uutii eenyummaan Oromoon guyyaarraa gara guyyaatti akka biiftuu
ganamaa calaqqisaa jira. Ummanni Oromoo qabsoo isaatiin aadaa,afaan,
seenaa fi duudhaa isaa guddifachaa jira.
Murni har’a impaayeera itiyoophiyaa afaan qawweetiin bitaa jirtu tun
waggoota 25n darbaniif yakka meeqa akka ummata Oromoos ta’ee saboota
cunqurfamtoota kaanirratti raawwachaa turtee fi jirtu eenyu jalaawuu
dhokotaa miti. Maqaa sabaa fi sabalammootaatiin siyaasa hattummaa
gaggeessaa jirtuun akka waan aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaa
sabootaa ishiin deebifteetti hololataa turte. Hololataas jirti. Odoo
saboota mirga isaaniif qabsaawan keessumaa ammoo ilmaan Oromoo manneen
hidhaa keessatti kumootaan hiitee darartuu, ajjeeftuu fi biyyaa
godaansiftuu anatu mirga keessan isinii kabachiise jechaa turte,
jechaas jirti. Waggaa waggaaniis guyyaa 1 ergamtootaa fi gaaraaf
bultoota walitti qabdee, kaanis humnaan hiriirsitee sirbiisiisuun
akka waan mirgi sabootaa kabajameetti irraa hololatti. Dhugaan
lafarra jiru garuu bara Wayyaanee keessa sabni mirgi isaa kabajameef
hin jiru. kan aadaan, seenaa fi duudhaan isaa seeraa fi sirnaan akka
ofii beekuu fi barbaadutti deebi’eefis hin jiru. Toftaa fi tarsiimoon
isaa gara gara haata’u malee kalees bara wayyaanee har’aas dhiittaa
mirgaa, hacuccaan aadaa fi seenaa, saamichi jiru tokkuma. Keessumaa
ummanni Oromoo kalees har’as hacuccaa hanga hin qabne keessa
jiraachuun eenyufuu ifaadha.
Wayaaneen safuu, maal naan jedhanii hin beektu. Sobduudha,
fakkeesituudha. Gara jabeettidha. Akkuma waggoota 25n darbaniif
dhimmoota gara garaarratti kijibaa fi fakkeessaa baate ammas soba hin
fakkaanne sobaa jirti. Kunoo “guyyaa sabaa fi sablammootaa” jechuun
hololli gaggeessaa turtee fi jirtu itti hanqannaan tibba kana ammoo
waan itti hin dhiigiin waan itti hin dafqin qabattee abbaa itti
ta’uuf Oromoo sobuu fi sossoobuuf hololaa jirti. Soba afarsaa jirti.
Garuu itti hin milkooftu.
Akkuma hunduu quba qabu Sirni Gadaa Oromoo sirna waggoota dhibboota
hedduu lakkoofsise, sirna Oromoon addunyaa kanaaf gumaacheedha. Eegaa
Sirna Gadaa, sirna akkanaa sirna dhiheenya kana qabsoo ilmaan
Oromootiin yuniskootti galamaawe wayyaaneen butattee kaatee hololaa
jirti. Sirnichi dhiigaa ilmaan Oromootiin tikfamee kan as gahe
ta’uun osoo beekamuu ishiin akka waan ofii uumtee, ofii kuniinsitee,
kakka’umsa ishiitiin yuniskootti galmeessiteetti holola irraa
tolfattee of faarsaa jirti. Holola fokkisaa fudhatama hin qabne
gaggeessaa jirti. Dhugaan jiru garuu gadaan kan galmee yuniskootti
galmaawe dhiigaa fi dafqa ilmaan Oromoo, ifaajjii hayyoota
Oromootinii.
Murni tun afaaniin aadaa, seenaa, afaan fi duudhaa akkasumas mirga
sabootaa kabajee kabachiisaan jira jettus qabatamaan garuu takkaawuu
muldhatee hin beeku. Inumaawuu dalgaan ishii martuu kan kanneen
duubatti harkisuudha. Kan fakkeessiif hojiirra olanis qabsoo ilmaan
sabootaa taasisaniin kan dhufe malee kan wayyaaneen jaalattee goote
ykn hojiirra olchitee miti. Yuniskootti hambaa ilma namaa addunyaa
kanaa ta’ee Galamaawuun sirna Gadaa Oromootis bu’aa qabsoo Oromoo,
dhiiga gootoota kalee fi har’aa malee kan wayyaanee Oromoo fixaa
jirtuun hojiirra oolee miti.
Hololli har’a wayyaaneen Anatu gadaa yuniskootti galmeesise, anatuu
dimookiraasii isiniif fide, sirna kiyyatu aadaa, seenaa, duudhaa fi
afaan ummattootaa deebiseenis waan fakkaatuu miti. Holola dharaa
akkasii bara kana keessa gaggeessuunis of gowwoomsoo yoo ta’e malee
bu’aan siyaasaa inni ishiif fidu hin jiru.
Oromoon wayyaaneen diina innikaa aadaa, seenaa, afaan fi duudhaa isaa
akkasumas eenymmaa isaa ta’uu tolcheet beeka. Diina isa balleessuuf
hojjechaa jirtu ta’uus himtuu hin barbaadu. Waan diinummaa wayyaanee
beekufis kunoo qabsoo waliraa hin cinne, FXG fi qabsoo roga maraa
irratti gaggeessaa jira. Eenyu akka itti dhiigee, itti cabee Gadaa
asiin gahe waan beekufis Holola bu’a hin qabne wayyaaneen anatu
yuniskootti galmeesisee jettuufis gurra hin qabu. Amma Guyyaan sabaa
fi sablammii inni dhugaa, abbaan biyyummaa, mirgi hiree ofii ofiin
murteeffachuu milkaawuttis qabsoo isaa kan itti fufu ta’uu dhugaan
har’a impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiru ifatti mirkaneessa. Kan
ta’uu qabus isuma kana.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…