FILUUN BOORTAAN TAATU!

Najiib Zannuun irraa

Filuun boortaa mitii
Dabbasaan tan abbaatii
Feetu gudureeysuun,
Feetu goofareeysuun,
Murtiin mataa keeti.
Tan sabaatii mitii
Kanniisa hin filadhu!
Isas hin jaaladhu!

Anaaf deeymeeysitee?
Ofiif deeymeeffattee
Ofumaaf wal yaamtee,
Goda galtee nyaatte.
Hedduu nu illeessitee
Waan nu goote beeytaa
Amma afaan bantee
na filadhu jattaa?

Akkamiin dagattee?
Kajeellaan yakkitee,
Du’a na afeertee,
Ka munneen idditee,
Summii nattii nayxeen
Ija koo jaamsitee,
Harka iiteeysitee,
Ka dire dagatus
Godannisni haftee
Maal keettu dagatee
Nan dagadhe seetee?
Lamuu na kajeeltee…….???
hahahahahahahaha
Kanniisa hin filadhu!
Isas hin jaaladhu!

Filachuu barbaadu
Ifiifan filadhaa
Siinin mari’adhaa?
Filuun boortaan taatuu
Kan filamuu qabu
hunduu haa hubatu.

Harkaat harka dhiqaa
Xurii sirraa haqaa
Dura filuun harkaa,
Harkakoo kan mirgaa
Roorroos narraa dhoorkaa,
Borullee naaf ragaa.
Harka ittiin qabadhu,
Filtuu ittiin filadhu,
Waafa samii dhaabee
Filtuu itti darbee
Kan qabatee laalu
Harkumaatu tolaa
Isaatu naan jaalaa
Kanaaf harkan fila!

Kana tahuu baatee
Ulee fi gaashiree, du’aaf yoo dharraate,
Filadhu Wayyaanee,tan lafa buqqiftee…
Waardiyaa si muddee,qabeenyakee saamte.
___________________________
Najiib Zannuun

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago