Categories: AadaaSeenaa

Guyyaa har’aa aada ummata bareeda ‪#‎Oromo‬ ‪#‎Hararghee‬ isiin wal barsiisa kan beekuu ammo isiin yaadachiifnna

Barruu keenyya kana ammoo akka ‪#‎Share‬ fi ‪#‎Like‬cuqaasttanii hamilee dhan nuu jajjaabeesitanii ammas Seenaa babbareeda isiniif akka dhiheesinuu asumaan waada isiniin seenna!! Galatooma!
****************************************************

Oromoon aadaa, seenaafi eenyummaasaatiif bakka guddaa qaba. Kabajaafi jaalala aadaa, seenaafi eenyummaasaatiif qabu kanas haala ittiin calaqqisiifatu hedduu qaba. Akka fakkeenyaattis, barsiifatawwan, barreeffamootaafi afoolawwan eeruun ni danda’ama.

Ummanni Oromoo gammachuu, gadda, gootummaa, ittiinbulmaataafi haalota kanneen biroo afoolaan ibsataa tureera; ibsachaas jira. Afoollii seenaa afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbuu yoo ta’u, kunis bifa oduu durii, mammaaksa, hiibboo, sirba, weedduu, geerarsaafi haala biraatiin dhihaachuu kan danda’uudha.
Afoola Oromoo keessaa sirbi godinaalee addaddaatti haala garagaraatiin kan ibsamuufi moggaasa addaddaa kan qabuudha. Fakkeenyaaf, shaggooyyee, mirriysaa (mirrigaa), dhiichisa, heellee, heellemtaa, daraashii, shoobdoo, arrabsoo tiksee, qirindillee (tapha ijoollee), golollee (huruursa daa’immanii)fi kkf eeruun ni danda’ama.
Maxxansa ykn post keenya har’aatiinis afoola Godinaalee Harargee Bahaafi Lixaatti beekaman keessaa Mirriysaa ilaalchisuun barreeffama kitaaba ‘Mirriga Oromoo Harargee’ jedhuurraa argannee akka fuula peejii facebook keenyaaf ta’utti akka armaan gadiitti qindeessinee dhiheessineerra.

Afoolli Mirriysaa jedhu akkamiin akka moggaafameefi yoom akka eegalamee ragaan sirrii ta’e akka hinjirre kan eeruu kitaabichi, Harargeetti baroota dheeraaf sirba Mirriysaatti fayyadamaa akka tureefi jiru hima. Sirbichi ummata naannawichaa barattiis daran jaalatamaafi kabajamaadha.

Mirriysaan yaada bal’aafi bilchaataa kan of keessaa qabu yoo ta’u, aadaa ummanni tokko qabu ibsuufis ta’e calaqqisiisuuf gahee olaanaa qaba. Harargeetti dhimmaa heeraafi seeraa (dhaddacha), araaraafi dhimmoota birootiif bakka walga’anitti mirrigaatiin yaada waliif dabarsa. Kana jechuun afoola mirriysaa heeraafi seera, ooda yookiin duudhaa, mudannoofi muuxannoo, ilaalchaafi amantii, walumaagalatti haala jiruufi jireenya hawaas-dinagdeefi siyaasaa waliif dabarsa jechuudha.

Afoolli mirrigaa ulaagaa mataasaa qaba. Akka maanguddoonni aadaa kitaabichi wabii godhate jedhanittis, gosti tokko ta’e walitti hinmirrigu. Sababnisaas sirba mirrigaatiin waltuquun waan jiruuf yoo ta’u, gosti tokko ammoo gosasaa tuquu waan hinbarbaanneefi. Akkasumas, ijoolleen damiina (maanguddoo gosaatti) hinmirrigdu; walitti mirriguun kan danda’amu kan umriifi sadarkaan walgituudha. Asirratti garuu wanti hubatamuu qabu ijoolleefi dargaggoonni walitti mirriguu hindanda’an jechuu miti.

Afoola mirriysaa kana yeroo baay’ee kan mirrigu maanguddoota yaadaan bilchina qabaniidha. Sirnicharrattis alangaan bakka guddaa qaba. Maanguddoon gosaa alangaa qabachuun mirriga. Yeroo mirriganis akkaataa ittiin jalqabaniifi xumuran qaba. Kunimmoo gosoota afoolaa kanneen biroorraa kan adda taasisu keessaa tokko.
Walaloon mirriysaa armaan gadiis kanuma ibsa.

*************
Dhagahii dhaggeeffadhuu
Guurii gurraa fudhadhuu
Bakka gosti itti bulee
Mirriysaan beekanii
Bakka wadaajni bulee
Shubbisaan beekanii
Bakka guuzni (daboo) itti oolee
Darasumaan beekanii
Akkanan jechuu beekaa
Waan naan jettuun eegaa.
***********
Kun kan agarsiisu, wadaajni kan yeroo nama tokko haalaan dhukkube yookiin balaa uumamaafi kan biroo nama qunnameef akkasumas, nama du’eef kan kadhannaan ittigaggeeffamuudha. Darasii yookiin daraashiin ammoo sirba aadaa kan yeroo guuzaa yookiin daboo bakka hojii lafa qonnaatti sirbaniidha. Kana malees dureewwan gosaa dhimmoota hawaasummaafi rakkoolee jiran hiikuuf bakka walgahanitti ni mirrigu.

Gama biraatiin namni tokko qofaan baay’ee sirbee akka namoota dhaggeeffatan hinmufachiifneef mirrigatti ni affeera. Akkana jechuudhaan:

Waa xiqquman mirrisee
Wahiin hedduu dheeressaa
Silaa yaa tuujii garbaa
**********
Asitti dhagaa darbaa, jechuun ofii mirriga xumura.
Kan biraa mirriysaan kan mirrigamu yookiin hurrubamu yeroo baay’ee nama lama gidduutti. Bakka ummanni yookiin jamaa hedduun jiranittillee dabaree dabareedhaan walirraa fuudhuun lama lamaan mirrigu malee gamtaan hinmirrigamu.

Himoonni yookiin gaaleewwan mirrigni ittiin eegalamaniifi xumuramanis kanuma dhugoomsu. Jamaan jecha ‘Hayyee’ jedhu qofa jechuun walaloo mirriysaa waa’elcha. Asirratti waanti hubatamuu qabu namni tokko qofaasaa mirriysuu ni danda’a.

Akkuma irranatti eeruuf yaalametti ummanni Harargee lamaanii miirotasaa (gadda, gammachuu, gootummaa, roorroo) mirriysaa ibsata. Miirota kanneen keessaa gootummaadhaan walqabatee mirrigni gootota dirree Calanqoorratti wareegamaniif mirrigame akka armaan gadiitti dhihaateera. Mirriga kana maanguddoota, dargaggoota, shamarraniifi hawwantu mirrige.

*************
Dhagahii dhaggeeffadhuu
Guurii gurraa fudhadhuu
Dardara keenya fixan
Handaara gaara ciisaa
Shamarran keenya fixan
Callee waan gaara ciisaa
Hawwan keenya fixan
Guftaa waan gaara ciisaa
Maanguddoo keenya fixan
Aarrii waan gaara ciisaa
Dhaladheellee hinagarree
Seenaatu natti odeessaa
Afran Qalloo kiyyagaa
Dhiiga garaa na ciisa
Yoomin galee gadi cisaa?
*************
Garajabummaa qe’eefi lafa ummata Oromoorratti qaqqabeen kan maatiifi hiriyyaansaa ajjeefameefi reefasaallee argatee awwaallachuu dadhabes akka armaan gadiitti mirriga.

*************
Calanqoo caliidha
Lafee bobeessanii
Warri dhaqee arge
Kana odeessanii
Lafee abbootiidhaa
Awwaaluu dhiisanii
Qoraan godhatanii
Dhiiroo eessa jenna?
Booda qabriisaanii
Eegee galaa sootii
Keenya jiraan mootii.
*************
Karaa biraatiin Dargiin qabeenya ummatichaa hedduu barbadeesseera. Sababa ‘mandar misrataatiin’ abbaa qe’ee qabeenyasaarraa buqqiseera; cunqursaa hedduus irraan ga’eera. Bakka tajaajilli fayyaa gahaan hinjirretti hawaasa walitti qabuun dhibee addaddaatiif akka saaxilaman taasiseera; namoonni hedduunis dhibeedhaan lubbuusaanii dhabaniiru. Ummatichis cunqursaa irra ga’e akka armaan gadiitti ibsateera.

*********
Maqaa mandar misrataatiin manneen keenya diiganii
Gaaraa dakaa hunda walitti nu qabanii
Magaalaa dhukkubaa dirqiin nutti dhaabanii,
*********
jechuu dhan quuqama qaban ibsatu.

Walumaagalatti egaa haalonni jiruufi jireenyaan walqabatan Harargeetti bifa irranatti eeruuf yaaleen ibsamu. Asirratti waanti hubatamuu Harargeetti mirrigni kan nuti barreeffama kanaan keessatti eerre qofa akka hintaneedha.
*************************
Isin, dubbistoonnis dhimmoota duudhaalee Oromoo irratti xiyyeeffatu barreessitanii yoo nuu ergitan keessummeessuuf qophii ta’uu keenya fuchuma kanaan ibsuu barbaadna.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago