Heart touching mother poems
by Ahmed Ali Oromia
HAADHA TOO.
Yaa haadha too gudee,
Akkam siif ha tahu,
Galanni kee guddaa
Waa galchun dandahu,
Himee fixuuf umriin
Kootu naf hin gahu,
Si malee gudisha
Dhihee nan barihu,
Aayyiyyoo too….
Ati yaa harme tiyyaa
Anaaf dararamte
Halkanii fi guyya,
Waan ati mudatte
Himuu manna
Cal’isu naa wayya.
Cimimfattee gubbattee,
Afaan qarree gesse
Hadha habbuqqatte,
Ji’a sagal gaafa
Garaat na badhatte,
Harmee darara koo
Akkamitti obsitee?
Himuf na rakkisaa
Waan ati dhandhamtee,
Dandetti rabbitin
Du’a tarkanfatte,
Ana hobbaafattee.
Harmee naaf jiraadhuu,
Umrii naaf dheeradhu,
Akkan guyyaa tokko
Si gammachifadhu,
Waan biraa si godhu
Illee dadhabadhuu,
Akkumaan caayaa too
Bar teeysifadhuu,
Yaa rabbii koo goyta
Wanniin an si kadhu,
Harmee tiyya tanaaf
Umrii dheertu laadhuf Yaa allah!!!?
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…