Qorannoon mata duree ‘‘XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO” jedhu kun taajjabbiifi qeeqa magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee marsanii jiran keessatti manneen daldalaa garaagaraa Qubee sirrii Afaan Oromoo gargaaruu dhabuusaaniitiif akka sirreeffataniif taasifamedha.
Hayyoota Oromoo!! Afaan keenya afaan saba Miliyoonota hedduutiin kan dubbatamaa jiru ta’uun waan ifa jiru. Haata’u malee akka afaan kun miidhaginasaa gatuuf beeksisaafi Taappeellaawwan manneen daldalaa garaagaraarratti barreeffamanii jiran waan afaan keenya quucarsaa jiran ta’uu akka ogeessaafi barataa afaanii tokkootti qeequun waan narra jiruuf qeeqeera.
Haaluma kanaan gudunfaan armaan gaditti siniif erge kana hiiktanii akka gadi fageenyaan dubbistan abdiin qaba. Warreen carraa marsariitii (website) garaagaraa qabdanis akka irratti gadi lakkistaniifi Oromoo ta’ee nama muuxannoo kana fuudhatee rakkoo kana maqsuu barbaadu maraaf akka dabarsitan haata’u.
Hayyoonni magaalaa Oromiyaa keessa jirrus namoota dogoggoraa Afaan Oromoon taappeellaa barreessuun afaan keenya akka burjaaja’u taasisan kana akka qajeelchinuufi gargaarsa ogummaa goonee biiroo aadaaf turizimii naannichaa faana akka heera mootummaa jiruutiin akka qajeelchinuuf dhaamsa Oromummaan dabarsadha. Akka heera qabnuutiin Oromiyaa keessatti maxxansi kamuu kan dhabbatu Afaan naannichaatiin ta’uu beekna laataa? Kanaafuu yeroo afaan keenya akkas waliin laaqamu kana teenyee ilaaluun sirriidhaa?
Hanga Qorannoo dabalataatiin torban kana keessa deebinee wal arginuutti nagaan isiniif hawwa.
Hubadhaa! ”AFAAN SABA GUDDAA GUDDAADHA!”
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…