Categories: AadaaAfaan Oromoo

Koollejiin Minisootaa,USA Afaan Oromoo Akka Barnootaatti Barsiisuuf Qophii Jirti

WASHINGTON,DC — Koollejjiin Teknikaa fi Ummataa (MCTC) Fulbaana 24,2013 jalqabee afaan addunyaa 12tti dabaltee Afaan Oromoollee akka barnootaa tokkootti barsiisuuf qophii jirti.

Barnoota tokko akka damee barnootaatti barsiisuuf kaarikuleemii ykn seerii barnootaa jabaan,fedhii fi guddinna afaan tokkoo dabalee waan hedduu ilaalan.
Viktooriyaa Luling daarektera barnoota itti fufiinsa sagantaa MCTC, Afaan Oromoo koollejjii teenna keessaa qabaachuun nuuf gammachuu guddoo jetti.

“Yoo jalaqa porofeeser  Baanjaan waahee Afaan Oromoo hedduu ani hin beekne natti hime guddoo ajaabsifadhe afaan kun asitti barsiifamuu qabu jedhee hubadhe.Itti aanee ammoo karoora barnootaa ka Maatiyaas Guddinnaa qophii barnoota kanaatii dhiyeessellee arge.Barsiisotilleen karoora sun ilaalanii mirkansan.

Tanaaf wanti kun carraa umamtii argachu malee jennee dubbanne.Barnoota keenna keessatti afaan wal makaa qabaachu fi fedhii ariifachiiftuu tana qabaachuun barbaachisaa jennee walii galle.”

Obbo  Maatiyaas Gudina warra akka Afaan Oromoo koolleejji tanatti kennaman gaafachaa bahe keessaa tokko.

“Afaan Oromoo afaan saayisii fi teknooloojii tahanii qubee isaalleen qarooma jabanaa kanaan waan walii galuuf hujiifillee nama hin rakkisu,afaan sabii ballaan biyyaa fi biyya alaalleetti dubbatuu dabalee waan hedduu jennee itti himne,taatullee name afaan kanaa jedhee hin miidhamin hin jiru.”

Kolleejjiin tun afaan Awurooppaa, Iskaandineeviyaa, Jermanii,Ispaanish,Eezhiyaa dabalee afaan 12 barsiisaa,afrikaa keessaa Afaan Oromootii fi Somaalee qofatti barsiifama.Koollejiin MN Afaan Oromoo Akka Barnootaatti Barsiisuuf Qophii Jirti.

Koollejjiin Teknikaa fi Ummataa (MCTC) Fulbaana 24,2013 jalqabee afaan addunyaa 12tti dabaltee Afaan Oromoollee akka barnootaa tokkootti barsiisuuf qophii jirti.

Barnoota tokko akka damee barnootaatti barsiisuuf kaarikuleemii ykn seerii barnootaa jabaan,fedhii fi guddinna afaan tokkoo dabalee waan hedduu ilaalan.
Viktooriyaa Luling daarektera barnoota itti fufiinsa sagantaa MCTC, Afaan Oromoo koollejjii teenna keessaa qabaachuun nuuf gammachuu guddoo jetti.

“Yoo jalaqa porofeeser  Baanjaan waahee Afaan Oromoo hedduu ani hin beekne natti hime guddoo ajaabsifadhe afaan kun asitti barsiifamuu qabu jedhee hubadhe.Itti aanee ammoo karoora barnootaa ka Maatiyaas Guddinnaa qophii barnoota kanaatii dhiyeessellee arge.Barsiisotilleen karoora sun ilaalanii mirkansan.Tanaaf wanti kun carraa umamtii argachu malee jennee dubbanne.Barnoota keenna keessatti afaan wal makaa qabaachu fi fedhii ariifachiiftuu tana qabaachuun barbaachisaa jennee walii galle.”

Obbo  Maatiyaas Gudina warra akka Afaan Oromoo koolleejji tanatti kennaman gaafachaa bahe keessaa tokko.

“Afaan Oromoo afaan saayisii fi teknooloojii tahanii qubee isaalleen qarooma jabanaa kanaan waan walii galuuf hujiifillee nama hin rakkisu,afaan sabii ballaan biyyaa fi biyya alaalleetti dubbatuu dabalee waan hedduu jennee itti himne,taatullee name afaan kanaa jedhee hin miidhamin hin jiru.”

Kolleejjiin tun afaan Awurooppaa, Iskaandineeviyaa, Jermanii,Ispaanish,Eezhiyaa dabalee afaan 12 barsiisti,afrikaa keessaa Afaan Oromootii fi Somaalee qofatti barsiifama.

Mee tana ammoo caqasaa
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago