Categories: Abdii boruuYaada

Maal haa baasuuf dhama raasuu?

Abdii Boruutiin

Akkuma beekamu MQBO keessatti tasgabbiin dhibuun ilmaan oromoo hedduu yaachisaa turuun isaa hundafuu ifaa dha.Kun ammoo namootuma amma ofii salphatanii Oromoo salphisaa jiran  irraa ti. Gaaffii akkamitti ,maal godhanii eessatti jettu  sana  ammaaf seenaaf dhiisutu gaarii dha. Gochaan Habashotaa kun barumsa nuuf haa tahu jechuuf ,ilmaan namaa ti ni yadna waan taheef kan darbes yaadannee, kan tahaa jirus ilaallee, kan fuula duraas xiinxaluun waan nu rakkisu natti hin fakkatu. Kanaaf waanni kun akka tahu durumaanuu dubbachaa waan turreef amma nu dinquu fi diina dhiifnee wal irraa wacuun fulmaata natti hin fakkatu. Garuu gochaan diinaa inni ammaa kun jarmiyoota Orommoo alaa keessa jiraniif   ergaa jabaa  ykn dhaamsa guddaa dha .

Hogganooti ODF kun gariin isanii warra Ethiopiummaan  summawanii dha  waan taheef yaada kana hin fudhatan jedheen yaada. Sababiin isaas habashooti seenaa  isanii keessatti karaa nagaa tahanii rakkoo furuu  akka hin dandeenye isanumatu nutti himaa ture waan taheef , isaan walii isaniittu  barcuma ykn   aangoo ajechaan malee  karaa nagaa  waliif dabarsanii hin beekan  kun ammoo nama seenaa impa’irattii beekuuf waan haraa miti

Kan biraan ammoo waanuma akka nama indaqqoo mana keessaa ari’uutti arihimaniif jecha waggaa dheeraaf MQBO diigaa turun godaannisa ilmaan Oromoo keessa hin baane tahee hafa. kana senaan hin dagatu.”Loon Abbaan gaafa cabse hormi ammoo ija jaamsaa jedha oromoon yammu makmaaku ”Kanaaf akkan yaadutti warri akkasitti yaadan kun akkuma isheen jette akka nama tokkootti galuutu isaniif furmaata. Sababnni isaa Ethiopia  karaa demokiraasii ykn olaantummaa Oromoon ijaaramtu agarra jedhanii abjochuun  hanqaaquu bofaa irra ilmoo gugee eeguu dha.

Warri haalli kun utuu hin galiniif waan  kana jala ya’aa turan ammoo  osoo yeroo itti hin kennin Dhaaba isanitti deebi’anii  MQBO gabbisuun of tasgabbeessanii harka wal qabchuun karaa diinni kun  ittin jilbenfattee oromoo  waliin haasoftu ykn biyya ofii irraa baatu mijeessuu innis  innis  fincila uummataa, karaa diplomaasii, siyaasaa  qeerroo jabeessuu fi karaa  waraana ti.

Rakkoon oromoo inni guddaan  tokko dhiifama wal gaafachuu fi badii  fudhatanii wal fudhaciisuu dha fudhachuu karaa wayyabi fedhu irra deemuu dadhabuu dha . kan nama aja’ibu yoo jiraate arrabi diina dhiifama gaafatu  akkamitti walii isaaf dhiisuun itti  ulfaata yoo dhugaan kan saba ofiif yaadan tahe?  Beekaas tahe osoo hin beekin dagoggoraa fi badii saba ofii irratti hojjetaniif osoo dhiifama hin gaafatin yoo darban godaannisa seenaa tahee hafa. Lafa irrattis tahe Rabbi biratti gochaa abaaramaa dha .Kan badii fi dogogora ofii amananii fudhachuun beekaa nama taasisa  beekaa dha. Sababnni isaas kan hojjetutu dogoggora waan taheef.

Ammaaf yaadi koo kanuma Galatoomaa.

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago