Oduu Oromiyaa

Maqaa amantiitiin lafti Oromoo saamamaa jiti

Bulchiinsi Magaalaa Sulultaa weerara lafaa amantaa dawoo godhachuun raawwatamu irratti tarkaanfii malu kan fudhatu ta’uu ibse.

Magaalichatti weerarri lafaa maqaa mana Amantaa Ortodoksiitiin raawwatamu itti fufee jiraachuu kan ibse bulchiinsi magaalichaa gocha kana hatattamaan dhaabsisuuf tarkaanfii malu ni fudhanna, guyyoota muraasa keessatti manneen bifa kanaan ijaaraman kaasuufis koree hundeessinee hojiitti seenneerra jedhe.

Weerara lafaa maqaa mana amantaatiin magaalichatti raawwatamaa jiru ilaalchisuun OMN’f bilbilaan deebii kan kennan Itti Gaafatamaan Waajjira Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Obbo Xilaahun Guutaa, Ijaarsaa fi Qubannaa Seeraan alaatu maqaa mana amantaatiin raawwatamaa jira jedhan.

Taaboota

Gocha amantaa dawoo godhatee raawwatamu kana dhaabsisuun waan yeroon itti kennamu akka hin taane ibsaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Sulultaa bara kana Amantaa Waaqeffannaa dabalatee Dhaabbilee Amantaa karaa seeraatiin gaaffii lafaa dhiheeffataniif deebii malu kennaa bakka jirutti, Gareen Amantaa Ortodoksii akka golgaatti fayyadamuun socho’u seeraan ala lafa mootummaa fi ummataa weeraruu itti fufeera jedhan.

Gochichi ijaarsa seeraan alaa qofa miti, Bataskaana bifa kanaan ijaaran sababa godhachuun qubiinsa seeraan alaa lafa mootummaa fi ummataa irratti bifa qindaa’een raawwatamudha jedhu Obbo Xilaahun.

Gareen kun magaalaa Sulultaa keessa qofaa bakka sadiitti lafa bal’aa hanga Hektaara 3 ta’u seeraan ala weeraree jiraachuu ibsuun, ijaarsi kun halkaniin kan raawwatamu ta’uun dursinee to’achuu nu danqeera jedhu.

Ijaarsota seeraan alaa bifa weerara lafaatiin raawwatamaa jiran kana irratti guyyoota muraasa keessatti guutuutti tarkaanfii fudhanna; gochicha guutuutti dhaabsisuun garuu tumsa hawaasaa gaafata jedhu.

Ummanni eeruu kennuu fi deeggarsa barbaachisu gochuun tarkaanfii fudhatamu akka tumsuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Gareen Finxaaleyyii Amaaraa bifa qindaa’een socho’an kanaan duras mana amantaa Ortodoksii akka golgaatti fayyadamuun “Taabotatu bu’e, Taabotatu lafa keessaa argame, Xabalatu bahe” jechuun magaalota Galaan, Koyyee Faccee fi bakkoota garaagaraatti weerara lafaa raawwataa turuun ni yaadatama.

Gochichi adeemsa qaanfachiisaa kabaja mana amantichaa hir’isu ta’uu Manni Lubummaa Oromiyaa kanaan dura ibsuun waan yaadatamudha.

bilisummaa

Recent Posts

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

3 days ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

1 week ago

Response to Dr. Yonas Biru, the Oromo Phobic and Oromo Hater Amhara Ultrarightist Extremist

September 2, 2023 Leenjiso Horo Dr. Yonas Biru has shown in his political Swinging Pendulum…

3 weeks ago

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa'aa…

1 month ago

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti…

1 month ago

Oromia Liberation Struggle: A Step Forward or Backward? Which way is it?

August 18, 2023 Kurfeessaa Sararoo    The Oromo people have been struggling against the Abyssinian for…

1 month ago