Categories: Oduu Oromiyaa

Maxxansaa Fokkataa Bilisumma.com irratti arge ilaalchisee

Goototi Oromoo roorroo gabarummaa mootummaa habashaa ofirraa buqqisuuf qabsoon Oromooti Baalee (kan Janaraal Waaqoo Guutuutin hogganamaa turan) jalqabanii Oromiyaa hunda walgahe, bara 1963 tahuu isaa seenaa ni yaadata. Kanuma bu’ura godhachuudhaan, abbootin qabsoo sanii kan biyya alaa jiraniif kan Oromiyaa keessa jiran hawaasa ofii kakaasuu dhaan ayyaana yaadannoo bara 50ffaa kabajuu qophii yeroo dheeraaf godhamee jira. Ayyaanni kun October 20, 2013 magaalaa lakkuu Minneapolis/ Saint Paul keessatti yaadatama. Maqaa Gootota keennaatin, koreen Qindeesituu ayyaana kana akka waliin kabajnu waamicha obbolummaa isinii dhiheessiti. Ummatii Oromoo hundumtuu afferamtanii jirtu.

Ayyaana kana galmaan gahuuf ilmaan Oromoo hundinuu bakka jirtanitti waan barbaachisaa ta’een akka nu waliin dhaabattan abdii guddaa qabna. Guyyaan kun guyyaa goototi Oromoo itti yaadataman, guyyaa seenaan yeroo dheeraa haccuuccame ummata oromootiif adduunyaafis ifa bahu, guyya dhalooti ammaa seenaa abboota isaanii lafaa kaasan. Seenaa, walaloo, geerrarsa, kkf hundinuu qophaahee jira.
Hubachiisa ilmaan Oromootif: Diinni Oromoo karaa aanjaween yeroo tokkollee hin rafu, kun Oromtootaaf waan haarawaa miti. Fakkeennaf diinni Oromo yeroo anjaheef Oromoota meeshaa waraanatii barbadeessaa ture. Hardhas jaleewwan diinaa qabsoon isaa jaarmayoota Oromoo, hoogganoota Oromoo, barattoota Oromoo fi akkasumas qabsaawota Oromoo maqaa xureessuun itti fufa. Osoma kun jiruu Goototi Oromoo kan kalleessaa, wareegama barbaachisu godhanii seenaa galmeessanii, maqaa ummata keennaa kaasan. Haaluma kanaan dhalooti hardhaalleen gufuu diinaa hujii dhaan bira dabree seenaa goototaa akka bakkaan geennu abdi qabna.
Qabsaawan kufus, qabsoon itti fufa!
Ulfaadhaa Wayyamaa!

Koree Qindeessituu, Qunnamtiif email kanatti fayyadamaa: Bilisumma63@gmail.com

 

Ibrahim Amae Elemo M.D., MPH
Weiss Memorial Hospital
Resident, PGY-3
President, Oromo Studies Association
Cell Phone: 773-679-1064
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago