Categories: Aadaa

Nama Hedduutti Sagantaa Dargaggootii Oromoo Ganna 50essoo Alii Birraa Sirba Itti Jalqabe Ulfeessuuf Qopheessaniif MN Yaahuutti Jira

Ganna 50essoo Ulfinna Sirba Alii Birraa

Adoolessa 2, 2013, WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromoo) — Eeegee maqaa sirbaa itti baasan malee silaa maqaan warri baaseef, Alii  Mohaammad Muusaa, sun qofan hin hamnee eegee hujiin ulfeessanii Dr. Ali Birraa ta’e. Alii Birraa gara ganna 14-15 keessa sirba jalqabe.

Namuu afaanuma ufiitiin sirbaa maanif anilleen kiyyana hin sirbine jedhee itti seene jedhe. Adoo akkanuma, afaan, aadaa, ummata, seenaa, siyaasaa fi waan hedduu faarsuu deemuma deemee ganna 50 gahe.

Dargaggoon Oromoo, MN,Amerikaa jiranilleen “jabaa keenna ka jiruu ulfeeffannee, ka du’ee hujii isaatiin qaabannee galata galchinaaf,” jedhanii jabaa ulfeessuutti jiran.
Warra hujii tanaa keessa jiru keessaa tokkoo Dr. Sintaayyoo Badhaaneeti, Atlaantaa, Amerikaa jira.

“Ali Birraa barsiisaa, qabsaawaa, Oromoo jedhee yaamaa…gaafa afaan Oromoo tuffatamee gadi qabamee …akka mataa ufiitti tahee warra Afran –Qallo waliin dabalamee…umrii isaa guutu tattafate.”

Akka Dr. Sintaayyootti, “jabaa keenna yo inni lubbuu dhabe qofa faarsuu qofaa mitii adoo innii lubbuun jiruullee faarsuu wayya.”

Qophiin tun waan Alii haga ammaa ummataa hojjate,jabeenna isaa faarsaniif.Seenaa isaa dubbachaa, kitaabatti barreessanii, vidiyoon qopheessanii lafa kaahuu. Hujii tana akka Dr. Sintaayyootti ijoollee gannii 20 keessa jirutti qopheessuutti jiraa…“namii ummataa ufiitif jedhee dabre kabaja argachuu qabaa addunyaalleen beekuuf dandeetti.”

Qophii dargaggoon MN qopheessite tana sirbitoota Oromoo 17 caalanitti itti dhufee ummata gamamchiisa. Warrii seenaa Alii Birraa barreesse, qorate hedduulleen akkanuma dhufa.

Maqaa aritistoota Oromoo ka jiranii fi du’anillee walti qabanii kaan galateeffachaa, kaan maqaa isaanii yaamanii hujii isaatiin ulfeessuuf qophiitti jiran.Guyyaan Alii Birraatii qopheessan kun Adoolessa 4, 2013 irra oola, akka Dr. Sintaayyootti MN nama hedduutti kaan ispoortii,kaan marii fi bashannana gara garaatii walti dhufa.

 

–VOA Afaan Oromoo

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago