Categories: Oduu Oromiyaa

Oduu Gaddaa :

Hegeree Oromiyaatin

Sabbonaan Oromo Obbo Mohammed Abu Baker Mohammed Hunbannaa Guraandhala 3/2015tti Kiniyaa Magaalaa Naayrobitti Du,aan Addunyaa Kanarraa Boqatee jira.

Obbo Mohammed Abu Baker (Maammadeem) bara 1936tti Abbaa Isaa Baker Mohammed Hunbanna fi Haadha Isaa Aadde Aashaa Yousuf Logee irraa Baha Oromiyaa Aanaa Konbolchaa Araddaa Eeguu Ganda Hunbannaa bakka ja’amtutti dhalatee guddate .

Wayta Umriin Ganna 10 geyu Haadha Isaa Addee Aaishaa Waliin Magaala Dirree Dhawaatti gale ture.

Erga Barnota Sadarkaa Duraa Xumuree Magaalaa Asmaraa Demee shuferummaa baratee Hayyama Konkolaata baafate ture.

Kanaan boda Dirree Dhawatti Debi’ee shuferummaan yero dheera erga Ummataa Isaa tajaajilaa turen boda , Bara bulchiinsa Sirna Dargii keysa 1979tti biyya bahee Ijabutii galee ture.

1980raa kaase hamma 1998 Biyya Sa’udii Arabiyaatti jiraachaa ture.

Biyya Da’udii keysatti Nama Oromo ka dura ” Tireellaa yk Makiinaa fe’inaa ” dhunffaa isaa qabachaa ture tahunii bekkama.

Obbo Mohammadeen Abbaa Ijolle Afuriti isaanis kan Addaan Kanadaa Awstaralia fi Sa’udii Arabiyatti Addaan jiraachaa jirani.

Obbo Mohammed Abu baker erga Sa’udiirraa gale finfinnerraa mana jirenya bitatee iraachuuf yaadulle Keysatti jiraachuu hin dandenye, sababni isaas wayyaanen waan rebamaa turef 2006 keysa gara biyya kiniyaatti Qabenya isaa hunda dhiise Mataa isaa qofaan bqachuun haareyaan jiru baqaatiif saaxilime ture.

Obbo Mohammadeen Gaafa Sa’udii jiru Hiriyyota Isaa Kan akka Araaso Boru , Hunde , Aliyyii Shaafi Yosuf Yamanii Sabiti Abdalla fi Ahamed Abdallaa Akkasuma Aliyyii Abbaas fi kadiir Martuufaa waliin Tokkummaa Hojjattota Oromota Riyaad (THOR) akka jaaramu gochuu keysatti qoda guddaa qaba.

Haati Manaa fi Ijollee isaa Aaddee Sa’adaa Abdullee Shararii 2009 keysa Magaalaa Dirree Dhawaatti Du’aan Adunyaa kanarraa boqachuun isii ni yaadatamaa.

Obbo Mohammed Abu Baker biyya kiniyaa baqattummaan keysatti jiraachaa jiru sanitti dhukkuba Sukkaraan erga yero dheeraa dararamaa tureen Guraandhala 3/2015tti Duti waan ollef Du’aan Addunyaa kanaraa Boqatee jira.

Ijolle isaa Akkasuma firaa fi Aalii isaaf hundaaf jajjabina hawwaa Obbo Mohammed Abu baker yk Maammadeef Araaramaa fi Jannataan si haa qananiisu jennaani.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago