Categories: Aadaa

ODUU GADDISIISAA: Artisti Laggasaa Abdii heddu gargaarsaa lammiisaa barbaada!!!!!

 

Artisti Leggasaa Abdii Shagar kabaa salaaleetti dhalate. Waggaa 50 dura, Artisti Wasanuu Didoo wajjin gara Finfinnetti dhufuun Afaan Oromootiin sirbu jalqabe. Yeroo Afaan Oromoo dubbachuun qaanii ta’etti! Birri 13n minda’e miseensa “kubur Zabanyaa” ta’ee waggaa torbaaf hojjate.
Mana tiyaatira ” Qadamaawii “HAYILA SILAASEE” keessa osoo hojjataa jiruu, leenjisaan muummee mana tiyaatirchaa “Gaallaa” jedhee arabsinaan, hojii jara lagatee(dhiisee) deemee, dhuunfaan hojjachuu itti fufe. Oromiyaa mara keessa naanna’uun Masiinqoo isaa akka namaa dubbatu wajjiin Oromoota gammachiise.

Artistiin jalatamaan kun sirboota isaa akka damma mi’ayaniin nama gammachisuu caala, qaanii fi salfii tokko malee eenyumaa isaatiin boone. Wayita dhiibban guddaan Afaan Oromoo irratti godhamu sana Oromummaa isatti cicheee dhaloota itti aanuuf fakkenya gaarii ta’e. Hojiin isaais bara baraan akka yaadatamu godhe. Artisti Xilahuun Gasasaaf walaloo fi yadaloo Oromoo qopheessuun gahe guddaa taphate. Fkf Away galaa saamunaa kan jedhu.

Waggoota 50 oliif masaanqoo isaa wajjin waltajjii muuziqaa raasaa kan ture artisti Laggasaa Abdii waggoota 5 oliif heddu dhukubsatee kunoo manatti hafeera. Halli fayyaa isaa ammoo heddu sodaachisaa ta’eera.

Dhibeen isaa dhibee ‘nerve’ ti. Kanaaf biyya kanatti yaaluu hindandeenyu. Biyya alaa malee jedhan Doktoroonni, jedha ilmi isaa Habtaamuu Laggasaa Abdii.

Abbaan koo yaalii( waldhaansa)gaarii hin arganne. Kanuma ganda keessa malee. Kaaseetti isaa gurgurree mahaalaqa argachuuf yaaliin goone hin milkoofne. Umurii isaa guutuu tajaajila guddaa kennus amma yeroo dhukkubsate gargarsa dhabee rakkataa jiraa jedha Habtaamuun.

Kaleessa artisti Almaaz Tafarraa gargarsaa dhabdee boqotte. Taddasaa Cuqqees Akkasuma. Artisti Haloo Daawwee illee haala gaddisiisaa keessa jirti.

Artisti Laggasaa Abdii osoo lubbuun jiruu gargaaruu dirqama ilmaan Oromooti. Eyyee Artistiin seenaa boonsaa qabu kun dafee waldhaansa akka argatu gochuun gahe Oromootaati. Kanaaf amma dandeenyuun Artisti keenya Jalataamaa fi matiisaa cinaa haa dhaabbanu, Haagargaarru!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago