Categories: Oduu Oromiyaa

OPDOn Biyya Alaatti Mormiin Ishee Muudatu Itti Fufee Jira.

 Eddoo Addaa Addaatti Hiriira-mormiitifi Gaffilee akka OPDOtti Deebisuu Hindandeenyen Dhiphachaa Jirti

OPDOn biyyaa addaa addaatti mormiin ishe muuddata jira. Haaluma kanaan magaala Stockholm/Sweden irratti gaafa Guraandhala 7, 2015 gaaffileen dantaa oromoo kallattidhaan ilaalatan heddu kaan gaafataman  yoota’u ergamaan OPDO, Dhaaba Dabalee akka OPDOti hanqni akka jiru ammanuuf dirqamuus deebi sirri itti kennu hindandeenye, silaays akka deebsu hindandeenye beekamaadha. Gaaffileen dhiyaatan dhimoota akka:  Maqaa investmantiitin badiin oromoo irra gahaa jiru, Aangoo OPDO kan TPLFn danga’e ta’u isaa,  Dhimma Finfinnee fi rakko oromoo, Ugguramuu guddina Afaan Oromoo fi aarti, Ugguramuu bilisummaa amantiilee fi miidiyaa (media) fii Rakkoolee daangaa Oromiyaa  irratti kalattiidhan kan xiyyefatan ture. Gaaffilee ka’an keessa hangi tokko kan armaan gadi kana:

 

  • Oromiyaa misomsaa jirraa jechaa nama biyyaa ala jiru afaanfajjesuuf odeessa jirtu. Ilmaan oromoo tiif garu mana hidhaa babaldhisaa jirtu. Kuni misomaa?
  • Oromoon eddoo baayyedha (Finfinnee, Harargee, Baalee kkf) buqa’a jira. Keessumattu Oromiyaa bahaa irratti humni mootummaan qawwee hindhachiise ilmaan oromoo ajjeesaa lafaa fi qabeenya irraa saama jira. Issin warri OPDO maal eegdu yeroo ummanni dhumu kana? Yoo qawwee dhabdaan seerri jira jettan kuni ho maaf badii kana ittisuu dadhabe?
  • Maqaa investmentitin ilmaan oromoo manca’a fi baqataa jira, nannoon summidhaan badaa jira. Badii kanaatti OPDOn itti hingaafatamtu?
  • Finfinneen Magalaa gudditti Africa oso ta’eyyu maalif bulchiinsa Oromiyaa jalatti hingallee?
  • Afaan Oromoo guddisne jettu, garu Afaan Oromoo maalif hanga amma afaan federalaa gochuu dadhabdan?
  • Ijjoollee oromoo harka qullaa ba’ani mirga isaani waanta gaafataniif qofa, waraana Agazitiin rasaasan dhumuun isaani isin warraa OPDO hingaddisiisu?
  • Biyyaa bulchaa fi misomsaa jirraa jettu, garuu akkuma OPDOtti amata 20 oliif ilmaan oromoo sadarkaa angoo murteessa ta’an kan akka muumchaa minsteeraa, minsteera dhimma alaa kkf qabachuu hindandeeny. Kanaafu OPDOn biyyaa bulcha hinjirtu. Hanga yoom akanatti itti fuftu?
  • Minsteera ittisaa keessa ilmaan oromo sadarkaa olaanatti akka hinguddanne ugguramani, sadarkka gadi aanatti qabamani jiraachun isaani kun akka OPDOtti maaltu isinitti dhagayama? Hangaa yoomitti ofifis sodaachaa ummataas ficisisaa jiraattu?
  • Dimookraasi guddisaa jirra jettu, gamaa biraatin ammoo dhaabolee akka OFC (oromo federalist congress) akka dorgomee hininjifanne ugguraa jirtu. Ilmaan oromoo barumsaa ga’a qaban kara OFC dorgomaani akka hininjifanne gochuun kun dimookirasii dagaagsudha?
  • Ilmaan muslima waanuma mirgaa amantaa isaanii gaafataniif qofa ajjeefamun kuni maali?
  • Hawaasa oromoo dubbifna jechaa biyya alaa keessa deema jirtu. Garuu bakka hundatti oromoota osoo hinta’in saba biraatu isin simachaa jira. Walga’i keessan Tigrootatu hordofa jira. Kuni isiin hinqaanessu?

Deeggartootni OPDO/TPLF tokko tokko OPDO dhaaf harka dhau’uf kan argamani turan carraa akka hinargannee waan ta’ef akkasumaas gaffilee armaan olii kanneen yeroo dhagayaan sodaatani osoo yaada deegarsaa hinkennin bahuuf dirqamanii jiru.

 

 

 

 

bilisummaa

Recent Posts

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do…

3 weeks ago

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people…

3 weeks ago

The Impact of Slogan Change on the Oromo People’s Struggle for Independence

Deebitee Kootee Bilisoo October 25, 2023     Note that a political slogan stands for a cause.…

1 month ago

Fano: The Anti-Oromo Amhara fascist Paramilitary Extremist Militia Organization

October 17, 2023 Mallisee Fatansaa Sulee    Recently, a chorus of diaspora Amhara social media, the…

2 months ago

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

2 months ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

2 months ago