Yaada

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Leenjisoo Horoo

Elba 25, 2023

Mata-Duree kaawametti odoo hin seenneen dura, qabsoo Oromoo keessatti waan hubatamuu qaban. Isaaniis kana fakkaatu:

  1. Seenaa saboota koloneeffatamanii keessatti kan akka saba Oromoo walakkaan dhume hin ture;
  2. Seenaa qabsoo bilisummaaf godhame keessatti kan akka qabsoo Oromoo hoogganni akka jirutti wareegame, qabsoon hoogganna dhabee fi dhaabni faca’e seenaa saba kamiiniyyuu keessatti hin beekamu;
  3. Seenaa keessatti mootummaa faashistii abbaa irree aangoorraa buqqisee, qaamuma mootummaa aangoorraa kaafametti deebisee aangoo kan keenne Qeerroo fi Qarree Oromoo duwwaa dha. Taaatteen akkanaa seenaa keessatti argamees, dhagayamees hin beekamu;
  4. Seenaa adduynaa keessatti, kan qabsoo bilisummaa saba isaaniitii ala of godhan hayyootaa (intellectuals) fi muummeeyyii(elites) Oromoo duwwaa dha.
  5. Seenaa dhala namaa keessatti, mootummaan maqaa saba isaa himataa saba isaarratti sanyii duguuggaa raawwate OPDO duwwaa dha; ajjeechaan har’aa, kan bara TPLF caala;
  6. Seenaa qabsoo bilisummaa saba koloneeffatamee keessatti, kaayyoo qabsoo bilisummaa galii isaa burjaajeesuuf nu walabummatti hin amannuu jedhanii kan Impaayera faarsan hoyyoota fi aktiivistoota Oromoo keessatti qofa;
  7. Seenaa Adduyna keessatti hayyoonni fi muummeeyyiin saba isaanii irratti sanyii duguuggaan osoo rawwatamu, hin dubbannetu hayyootaa fi muummiiyyii Oromoo qafa;
  8. Adduynaa keessatti Guyyaa Yaadannoo Sanyii Duguuggaa saba isaaniirratti raawwatameef kan hin qabne Oromoo duwwaa dha;
  9. Seenaa ilma namaa keessatti sabni Guyyaa Yaadannoo Gootoota isaatiif hin qabne Oromoo callaa dha kkf.

Amma gara mata-duree kaawamee seenuu ta’a. Innis akka armaan jalatti ilaallama. Jaarraa 19ffaa, Jaarraa Oromoon kolonii Amhaaraa jalatti kufeen boodda dargaggoo fi Shamarran Oromoo akka Oromootti yeroo duraatiif tokkummaan gurmaawanii koloneeffataa dura dhaabatan bara 1960mootaa fi 1970moota keessa. Qeerroon Oromiyaa sana booda, qabsoo hokkora maleessa (peaceful struggle) osoo hin taane, qabsoo hidhannootiin diddaa gabrummaa jalqaban.

 Suuraa 1. Qabsaawoota bara jahaatamootaa fi torbaatamootaa

.  

Qabsaawootni kun qabsoo bilisummaa saba Oromootiif wareegama heddutu itti kafalame. Hayyuu Duree fi I/A Hayyu Duree dabalatee hoogganni akkuma jirutti Ebla 15, 1980 wareegaman. Haata’u malee, ABOn hoogganna haarawa, Hayyuu Duree Jaal Galaasaa Dilboon durfamu filachuun qabsoo isaa itti fuufsise. Qabsoon kun, bu’aa dhaabbataa heddu buuse. Jagnootni kun, galmeese heddu galmeesanii jiran.

Injifannoo Qabsaawoota Qabsoo 1960-1970 Jalqabame

Qubee Afaan Oromoo Oromiyaa keessatti akka ittiin barreeffamu, seenan Oromoo akka baratamuu, kaartaa Oromiyaa ifatti akka kaayamu, Alaabaan Oromiyaa, Oromiyaa keessatti akka balallisu, Afaan Oromoo akka afaan barumsaa fi hujjii ta’u, fi tokkummaa Oromoo akka dhugoomu kan tayeen qabsoo hadhooftuu qabsaawootni bara 1960moota torbaatamoota keessa godhanniin. Akkasumas, qabsoma qabsaawootaa duraanii kanaan mootummaan Dergii akka aangoo gadhiisuu dirqisiise. Jagnootni, qabsaawotni, fi sabbootootni kun, biyya isaanii Oromiyaa, sabaa fi qabsoo Oromoo keessatti wareegaman. Seenaan Oromoo yoomuu bara baraan isaan yaadata. Wareegama isaaniitiin Oromiyaan bilisoomti. Qabsoo isaan wareegamaniif kana itti fuufuu fi xumuraan gahuuf murteessaan tokkummaa qabsaawota Oromooti.

Akkaataa Qabsoon Qabsaawoota 1960-1970 Eegale Harkaa Butame: Balaa ABO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo Mudate

Sabni Oromoo koloneeffataa Amhaaraa jalatti erga kufee har’a jaarraa tokkoo fi walakkaa ol lakkaawatee jira. Akkumaa beekamu, seenaa saboota koloneeffatamanii keessatti kan akka saba Oromoo walakkaan ummataa dhume hin ture. Kanuma ta’ee, sabni Oromoo qabsoo walabummaa godhuu dhaabee hin beeku. Garuu, haga har’aa walabummaa isaa gonfachuu itti hin milkoofne. Kan milkeessuu dhoogge, jabeenna koloneeffataa odoo hin taane rakkinna Oromoo keessati.

Rakkinni qabsoo Oromoo sakaale milkaawuu dhorge keessaa tokkoo diina wajjiin gamtoomuu dha. Bara 1999 hooggana haarawatu filatame. Baruma kana hoogganni haarawani kun, Oromiyaa gadhiisee baqatummaa gara Eertiriyaa godaane. Kanaan booda, hooggannii fi miseensootni dhaabichaa ayyaanlaallattootaa fi booddeessittootaan liqimfaman. Hoogganni biyyaa bahe kun, bara 2004 Kora godhatee, Sagantaa siyaasaa ABO keessaa qabxii “Hundeen akeeka qabsoo kanaa mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo argamsiisuuf sirna Impaayera Itoophiyaa diiguudhaan, Oromiyaa kolonii, hacuuccaa fi saaminsa jalaa bilisa baasuun mootummaa walaba Oromiyaa dhaabee iggitii itti godhuu dha. Kunis kan mirkanaawu mirga qabutti dhimma bahee ummatni Oromoo mootummaa walaba isaa labsachuu yookaan ummatoota biraa wajjin tokkummaa politiikaa haaraa ijaarrachuuf murtii kennatuun ta’a” (Sagantaan siyaasaa bara 1976 fooyya’e, Keewwata V, Kutaa A Sagantaa Siyaasaa bara 1998) jedhuu fi Akkasumaas, Keewwata II, laakkobs 2. Kan “Humnootniin aangoo harkaa buute deebifachuun sirana impaayerummaa biyyichaa turfachuu dharraa’anii fi mirga hiree murteeffanna ummatootaa dura dhaabatan diina qabsoo Oromoo ti” jedhu keessaa haqe. Kaan booda bara 2006, maqaa ABOn, Koloneeffataa qubattoota finxaaleyyii Amaaraa dhaaba Qinijjitii (Coalition for Unity and Democracy/CUD) jedhamu wajjiin Gamtaa Bilisummaa fi Dimokiraasii (Alliance for Freedom and democracy-AFD) jedhu gamtaa uumate.

Suuraa 2. Bu’uursitoota Gamtaa Bilisummaa fi Dimokraasii

Qinijjitii gurmuu, gamtooma dhaaboota Nafxanyaa kan akka yeItoophiyaa Arbabanyoochii Ginbaar (Ethiopian Patriotic Front), YeItoophiyaan Hulu Andinati Paartii (All Ethiopian Unity Party (AEUP)), YeItoophiyaan Andinati Paartii(United Ethiopian Party (UEP)), YeItoophiyaan Diimookraasaawii Andinati (Ethiopian Democratic Union) and yeHizbaawii Fitihinaa Diimookraasaawii Niqinaaqe (Movement for Democracy and Social Justice) kan jedhamanii ture. Hoogganni kun, gocha kanaan, ABO bakka heddutti caccabse. Bara 2001 hamma har’a bara 2023ti, ABO bakka torbatti caccabe.  ABO haga har’aa, gocha hamaa fi hammaataa isa mudate kanarraa dandamatuu hin dandeenne. Kun balaa, qabsaawoota, qabsoo hidhannoo fi qabsoo siyaasaa yeroo jalqabaaf mudate.

Qeeroo Oromoo, Qabsaawoota Jaaraa 21ffaa: Injifannoo fi Balaa Bara 2014-2019 Uumame

Seenaa Addunyaa keessatti, yeroo duraatiif qeerroo fi qarreen mootummaa abbaa irree dura dhaabatuudhaan aangoo akka gadhiisu kan dirqisiifame, Impaarera Itoophiyaa keessatti. Kan dirqisiise, qeerroo fi qarree Oromooti. Qeeroo fi qareen Oromoo Seenaa hojjatan. As irratti, kuma jahaa hamma kuma torbatu itti wareegame. TPLF, gara laafinna tokko malee ijoollee tana, abdii hegeree Oromoo, lafarraa dhabamsiisuuf itti fuulleeffatee ture. Akka hiree ta’ee, ofii isaatii aangoorraa qaari’e.

    Suuraa 3. Dhaloota Qubee

Injifannoo Qeeroo fi Qarreen Oromo Galmeessan

Mootummaan TPLF aangoorraa fonqolchan. Hidhamtoota bilisa basan. Jaarmayoonni siyaasaa biyyaa baqatan gara biyyaatti akka deebi’an taasisuu keessatti qabsoon qeerroo shoora guddaa taphate. Ammallee, mootummaan miiyyaa ukkaamsuu akka dhabu ka taasise qabsoma qeerroo fi qarree kana.

Balaa Qabsoo Qeeroo fi Qarree Oromoo Mudate

Balaan duraa, dargaggoo fi dargaggeettiin Oromoo, Wayyaanee (TPLF) aangoorraa fonqolchan, aangoo ofii isaaniitii qabatuu dhabuu dha. Kun, murna waggaa digdamii-torba guutuu, maqaa Oromootiin kakataa, garuu Wayyaaneef eergamaa, gocha suukkanneessa hamaa fi hammaataa Oromorratti raawwataa ture, OPDOn akka aangoo qabatu hiree kenneefi. Dargaggoo fi dargaggeetiin, hooggana aangoo qabatuu danda’u hin ijaaranne. Kanarraa kan ka’e dargaggoonni, taphattoota siyaasaa dachaa-qaxxaamurraa (players of politics of double-crossing) diyaaspooraa keessa jiran akka hooggana ofiitti fudhatan. OPDOn, ergamtuun TPLF, dadhabbinna dargaggootaa kanatti fayyadamte; afaan mi’eeffattee dargaggoota kanatti dhiyaatte, itti dubbatte; dhaadannoo dargaggootaa, abbaa byyummaa, bilisummaa jechuun dhaadatte. Kun, dargaggoon akka OPDO amanan godhe. Asirratti, OPDOn dargaggoota caalaa qaroo taate. Kanumaan walqabatee, dargaggoon, murna fakkaattoota fi siyaasaan garagaggaltoota, murna qabsoon Oromoo walabummaa Oromiyaa dhugoomsa jedhu maman; murna walabummaa Oromiyaatti hin amanne, murna OPDO wajjiin halkanii-guyyaa shira xaxaniin gowwoomfaman. Murni kun, hooggana lamatu jira jedhe. Inniis, hooggansa qeerroo fi hooggansa Abiyyi Ahmad jedhanii sobaan gowwoomsan. Jechi kun, qeerroo gammachiise. Abiyyi Ahmad sodaa keessa seene; qeerroo diiguuf, hiree ta’eef. Qeerroota akka hoogganatti of ilaalan, mana hidhaatti guure. Gariif hojjii kennef.Gariif kondominiyeemii kenne. Kan damaqii qaban, qabsoo hidhannooti fuulleeffatani bosona seenan.

Garaagarummaa Dhaloota Qabsoo 1960-1970 Jalqabamee fi Dhaloota Qabsoo 2014-2019

Garaagarummaa dhaloota qabsoo bara 1960 fi 1970 jalqabanii fi dhaloota qeerroo 2014-2019 keessa qabsaawaan hubatuuf, qabsaawoota bara 1960mootaa fi bara 2014-2019 maaltu qabsoof akka kakkaase hubatuun barbaachisaa ta’a. Dhalootni qabsoo bara 1960-1970 keessa jalqaban, hubannoo seenaa irraa ka’aniiti. Jechuun, hubannoo uumama Impaayera Itoophiyaa irraa jalqaban. Itoophiyaan impaayera, waraanaan ijaaramte; mana hidhaa sabootaa fi sab-lammootaa ta’uu irraa jalqaban. Oromiyaan dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee kolonii qubattoota Abisiiniyaa ti. Dhumarratti, hunda caalaa, Itoophiyaan impaayera ta’u, ragaa jiranii fi heeraa isaatuu ifaa fi ifa godhee jira. Kana ilaachise, Heerri bara 1931, Heera Impaayera Itoophiyaa (Constitution of the Ethiopian Empire) jedha; kan bara 1955, Heera Mootummaa Impaayera Itiyoophiyaa Wayyaawe (Revised Constitution of the Empire of Ethiopia) jedha. Kanumaan walqabatee, Habashootni waayee Itoophiyaa yoo dhaadatan lafa abootiin keenna dhiiga isaanii jigsuunii fi lafee isaanii caccabuun koloneefatan jedhu (Abbaatoochaachiin daamachoon aafisoo, axintaachoon kaskisoo yaaqanuuti agaraachiin naati jedhu).” Kun, Itoophiyaan, Impaayera quphatootaa akka ta’e ifa godha. Lammaffan kanumaan walqabatee, lafti akkuma jiruti koloneefataan dhuufatamee ture. Asirratti gaafiin qabsaawootni bara 1960 fi 1970 kaasan gaafii lafaa ture. Lafti kan qonnaan bulaati (land to the tiller) jedhan. Kanumaan walqabatee, barumsi kan kennamu ijoollee koloneefftaaf ture. Kuniis, barumsi hundaafuu kan jedhu gaafii kaase. Akkasumas, koloneeffataan sabootaa fi sab-lamoota koloneefataman aadaa, aafaan, fi amantaa Ortodoksii akka fudhataniif dhiibaa irratti godhaa ture; maqaa namaa, maqaa karaa, maqaa mana barumsa fi maggaallan keessa qophatanii kkf jijjiirutti fuulleefatan. Kun hunduu, diddaa irratti uumame; Impaayera raase. Kanaaf, gaafii qabsoo bara 1960 fi 1970 keessa ka’e, mirga hiree ofii ofiin murteeffatuu sabootaa fi sab-lamootaa irratti xiyyeeffate.

  Gaafiin bara 2014-2018 dhaloota qeerroo qabsoof kaasee gaafii baroota 1960 fi 1970 dhalootni bara sanii qabsoof kakaasaniin adda. Akkuma asii olitti jedhame, qabsoon 1960 fi 1970 eegalame gaafii kolonii irratti hundaawa. Oromiyaa biyya koloneeffatamte; Itoophiyaan, Impaayera qubatootaati kan jedhuun qabsoon eegalame. Oromiyaan walaboomuu qabdi kan jedhuun qabsoo bilisummaa jalqabame. Garuu, qabsoon bara 2014-2018 gaafii kolonii hin kaafne. Kan qeerroo kaase aarii, yakka Woyyaaneen (TPLF) Oromoo irratti raawwate dhaabuuf jalqabame. TPFLF sanyii duguuggaa Oromoorratti raawwate; imaammata sabni wayyabaa, saba bicuu godhuun hin danda’ama jedhee qopheefate hordofe (Hizibaawii Adara, Muddee, 1996). Bara bulchaa TPLF, manni hidhaa Afaan Oromoo dubbata bara jedhamu ture. Seenaa Impaayera Itoophiyaa kan Wayyaaneen dura keessatti, Oromoon akka bara bulchaa Wayyaanee haala suukanneessaa fi jibbisiisaan hidhamee, dararamee, fi guraaramee hin beeku. Saamichi lafaa fi qabeenna Oromoo bifa haarawaan itti duulame. Gocha Kanniintu, Qeerroo fi Qarree Oromoo kan diddaa keessa seensise; hammeenna Wayyaaneen Oromoo irratti raawwate malee, gaafii kolonii kaasaniitii miti. Kanaaf, gaafa TPLF aangoo gadlakkisee, kittillayyoo isaa, OPDOtti dabarse, Qeerroo fi Qarreen Oromoo manatti deebi’an; deeggarsa, OPDOf godhan. Odoo gaafii kolonii kaasanii jiraatanii, OPDO amananii duubatti hin deebi’an turan. OPDOn akkauma aangoo dhuunfateen qeerroo fi qarree diiguutti fuula deebifate; dhaaboota siyaasaa kan diyaaspooraa galanis laamshesiti fuulleeffate. Kanaan booda, hoogganootni OPDO fi deeggartootni isaa kan diyaaspooraa galan ifaa fi ifatti gad bahanii “Gaafa jirruus Ethiophiyaawaa, gaafa duunees Itoophiyaawaa (sinni noorim Itoophiyaawii nan, sinni mootiim Itoophiyaawii nan); Itoophiyaan araada (Itoophiyaan suus naati; fi an walabummatti hin amanu” jechoonni akkanaa labsame Oromoo keessatti. OPDOn fi gargaartootni isaa, jechoota akkanaatiin dargaggoota dogoggorsanii qoqqooduurratti bobba’anii jiru. Kana callaa miti, har’a Oromoon haala seenaa isaa keessatti argee fi dhagayee hin beekne keessa seenee jira. Inniis, OPDOn nuy mootummaa Oromooti ofiin jedhaa, gocha suukanneessaa, hamaa fi hammaataa kan bara Wayyaaneetuu caalu, Oromoo irratti raawwataa jiruu fi bara Menelikiif diina sanyii duguuggaa Oromoo irratti raawwateef Siidaa Yaadannoo ijaarame keessa jira sabni Oromoo.

  Qabsoo Oromoo kana keessatti, wareegamni hiriyyaa hin qabne kaffalamaa ture. Ammallee kaffalamaa jira. Garuu, yoomiyyuu caalaa har’a duulli hamaa fi hammaataan, Oromoo fi Oromiyaa irratti aggaamatamee fi jabeeffammee adeemsifamaa jira. Haala kana injifannoon keessaa bahuuf, dargaggeessaa fi dargaggeettiin Oromoo, Mummeeyyii fi Hayyoonni Oromoo mala furmaataa fidu, gaafii ofiifiis, waloofiis dhiyeessu qabu. Dhugaan jiru, kana keessaa bahuuf, gaafiin belbelchiftuun har’a yeroon furamaata argamsiisuun barbaachisu, gaafii tokkummaati, dhaaba waloo, gaafii qabsoo hoogganna waloo fi kaayyoo fi galii ifaa waloo qabaatuuti. Gabaabamatti gaafiin qabsoo Oromoo, gaafii tokkummaan kaayyoo fi galii tokkoof dhaabatuu fi qabsaawuuti. Kunniin, qabsoo of dura furgaasuuf sadarkaa itti’aanu, sochii ummataa, qabsoo hidhannoo, gurmaawwinna iccitii, qabsoo jeequmsa malee, fi hojii gamtaa idil-addunyaa hawachuu nama dandeesisa. Kana guutuuf, duraan dursa akka Oromoo fi Oromiyaatti, Oromummaa jiddu galeessa godhachuun tokkummaan ijaaramuun murteessaa ta’a. Akkumma makmaaksi jedhu, yoo shaffisaan deemuu barbaadde kophaa deemi; yoo fagoo deemuu barbaadde tuutaan deemi kan jedhu qalbeeffachuu nama feesisa. Kophaa deemuu irra tuutan deemuun filatamaa dha. Kophaa gandaa fi naannoo ijaaramuu irra akka Oromootti jiaaramuun bakka aggaamatameen nama gaha. Kopha kophaa gandummaan, mandarummaan fi naannummaan fiiguun eessaanuu nama hin gahu. Xumurri isaas kufaatii ta’a. Kufaatii kopha kophaa fiiguu, bara 1999 irraa jalqabee haga har’atti itti fuufee jira, hin dhaabbanne. Kophaa naannummaan fiiguun kun, balaa achi Oromoof bu’aa buuse hin qabu. Filannoon amma jiru, akka Oromoo fi Oromiyaatti, Oromummaan ijaaramuun murteesaa ta’a; qabsoo tanaas, milkaawwinna gonfachiisa. Hireen Oromoon qabuus tanuma. Tokkummaan humna.

Oromiyaan ni bilisoomti!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago