Oduu Oromiyaa

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – OFC) Irraa Kenname

Biyyi keenya har’a gaaga’amaan raafamaa jirti; nageenyi hinjiru. Kutaaleen biyyattii tokko tokko Labsii Waaaraan/Komaandi Poostiin bulu. Olaantummaan seeraa kabajamaa hinjiru. Qaamolee Manni Murtii bilisaan ykn wabiin hiike, Poolisiin deebiseetu hidha. Hundarra baay’ee yaaddessaa kan ta’emmoo, lammiilee to’annoo seeraa jala jiran maal dhibdiidhaan murtii tokko malee mana hidhatii baasaanii ajjeesuun bartee ta’eera. Jiraattota Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree kan ta’an Obboo Baanee Nagarii, Biraanuu Tolasaa,Balaayi Xiiqii, Guuta Caraafi Cimdeessaa Sochoosaa fakkeenyaaf kanneen caqafamanidha. Kutaalee Oromiyaa biro keechattis tarkaanfileen walfakkaataan fudhatamaa jiru.

Magaalaa Muummee biyyattiifi magaalota gurguddoo tokko tokko keechatti lammiileen tajaajila bu’uuraa argachuu qaban tokkoon tasumaa hinargatan yookaanimmoo haala ga’aa ta’een argataa hinjiran; akkasumas hanga kanfaluu danda’anii ol gaafatamu. Kun hundi kan ta’uu danda’eef waggoottan soddoma darbaniif TPLF/ADWUItiin itti fufuunimmoo Paartii Bilxiginnaatiin uummatarra ga’aa kan turan rakkoolee Hanqina Bulchuunsa Gaarii irraa maddan ta’uun haqa eenyumaanuu hinaalamnedha.

Paartiin keenya KFOn rakkooleen walxaxoo biyya keenyaa Walii Galtee Biyyaalessaatiin akka furamaniif waamichaaleen bay’een godhaa ture, ukkaamfamanii waan irra darbamaniif, biyyi keenya rakkoolee keessaa ba’uu hindandeenye keecha galtee jirti. Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Amaaraatti lubbuu kan galaafateefi qabeenya kan mancaase Humna Addaa Mootummaafi uummata gidduutti walitti bu’iinsi baay’ee nama sururu uumameera. Inumayyuu Saba Oromoo Itoophiyaarra adda baasuun, “Oromummaan Haa Mancaatu, Itoophiyaan Haa Dursitu” dhaadannoon jedhu, adeemsa eenyumayyuu hinfayyadneen magaalota Naannoo Amhaaraa keechatti hiriira gaggeefamaa turerratti dhageessifamanii jiru. Mootummaa Naannoo Beenishaangulitti walitti bu’iinsi uummat buqqise, lubbuu galafaateefi qabeenya mancaase uumameera. Naannoo Oromiyaa Godinaalee akka Gujiifi Wallaggaati akkasumas bakeewwan tokko tokkotti walitti bu’iinsa babal’achaa jiruun lubbuun lammiilee badaa jira. Gaaga’amni walii galaa Naannoo Tigraayi keechaa, daangaa darbee ijoo oduu addunyaa ta’ee jira. Rakkooleen kunneeniif kanneen biro otoo jiranii, Mootummaan Filannoo Walii Galtee Biyyaalessaatiin hingurmoofneefi, akka hubannaa kenyaatti, rakkoolee jiran babal’isuuf deemu gaggeessudhaaf itti dhiibaa jira. KFOn dhiibbaa Paartii taayitaarra jiruutiin morkii filannoo keechaa ba’ullee, humnaan Filannoo raawwachiisuuf fiffiiguurra, Walii Galteen Biyyaalessaa dursee uumamuun filannoo keenya ta’uu jabeessinee gorsina.

Birqabaan haala nageenyaa fooyyee qabdi kan jedhamtu Magaalaa Muummitti Finfinnee dabalatee, galmeen filattootaa hanga eegamee gaditti ta’uun, filannichi miira uummataa yaada keecha kan hingalchine ta’uusaa ifaan agarsiisa. Tiyaatirri Filannoo kun mallattoo barri darbuusaa agarsiisudha jenneetu amanna. Bara kitiloonni hedduun buqqifamanidha. Qunnamtiin biyyoota olla waliin qabnu badaa dhufeera. Biyyoota gargaarsa godhaniifi liqeessan waliin waldiddaan biyyi keenya keessa galte, gara boodaatti gatii guddaa kaffalchiisuu akka danda’atu nutti mul’ata. Lammiileen yoo xiqqaate dhiyessii geejjibaafi tajaajila bu’uuraalee hawaasaa sadarkaa argachuu hindandeenyarra ga’anii, saamtotaa magaalatiin hanga dararamanitti ga’anii jiru. Rakkoolee badaa akkasiirra bilisoomuuf adeemsi furmaataa salphaadha jedhamee tilmaamamuu baatus, Walii Galtee Biyyaalessaarraa baqachuun Mootummaa, balaa kanaa oliitiif nusaaxilurraa kan hafe faayidaa waanqabu nutti hinfakkaatu.

Kanaafuu, Mootummaafi Paartiin Taayitaarra jiru, Filannoo hunda hinammanne gaggeessuudhaaf saffisuu dhiisanii, biyyi keenya gaaga’amman mudatan keechaa akka baatuuf ‘Waltajjii Dhiifamaafi Walii Galtee Biyyaalessaa’ akka mijeessaniif kabajaan gaafachaa, Kabajamoo Ummattotni Itoophiyaa, Humnoonni Diimokraasii biyyattiifi Hawaasti Addunyaa, ‘Gaaga’ama Siyaasaa’ keechatti kufne keessaa akka baanuuf ga’ee keechan akka ba’attan waamicha keecha dhiyeessina.

Kongiresii Federaalawaa Oromoo/KFO

Finfinnee, Ebla 2013 ALH

Oromo Federalist Congress – OFC

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago