Yaada

Qe’een Tufaa Munaa eessa ture? Har’aa hoo ilmaan ilmaan isaanii maalirra jiru?

-Hiddi dhaloota Tufaa Munaa Jiloo: Tuulama, Torban Oboo keessatti Gosa Gimbichuuti. (Torban Oboo kan ta’an: Gimbichu, Gullallee, Oborii, Yaayyaa, Ekkaa, Digaluu fi Gaamuudha)

-Kan jiraachaa turanis: Shaggar, Karra Qirxii, iddoo Wasarbii jedhamuu hanga Tulluu Xuuxxoo (Inxooxxoo)tti. Naannawa amma Magaalaan Sulultaa irratti ijaaramee jiru jechuudha.

-Manni jireenyaa Ob. Tulluu Daadhii Tufaa (Kan Tufaa Munaa akaakayyuu ta’uuf) ammayyuu ona ta’ee Kophaa dhaabbatee qe’eerra jira. Dhalaa-dhalli isaanii hundi garuu achii baqatanii iddoo biraa jiraachaa jiru. Qe’een Tufaa Munaa fi Abdaariin Tufaa kan Tulluu Taajjab irra jiru ammayyuu mana (Ona) sana waliin Dirree san irraa hin baqanne; achuma taa’anii Baraaf Gadaa eeggachaa jiru. Abdaariin Tufaa Munaa hoodaa fi gamma isaa erga dhabee Abba 2 darbus yoo muufate malee waan dheekkame hin fakkaatu; akkuma duriitti bareedee Tulluu Taajjab gubbaa jira. Tulluun Taajjabi kun achuma dallaa/mooraa Tufaa Munaa duubatti argama. (Tulluu kana Abdaarii waliin Abbaa qabeenyaatti (dhakaa daandii baasuuf) qar. Miiliyoona 10tti gurguruuf foolachaa jiru nuun jedhan)

-Nutis dhala qaccee Tufaa Munaa kan ta’an Ob. Ashanaafii Hundee fi Tsahaay Hundee…Tulluu…Daadhii…Tufaa Munaa Jiloo haasofsiisneerra. Qe’ee Abaabilee isaanii (Kan Tufaa)tis waliin deemnee laallee jirra. Ashanaafii fi Tsahaay amma Magaalaa sulultaa iddoo ‘Miizan’ jedhamu jiraatu; jireenya gadadoo! Mana amma keessa jiraatan kana abbaa isaanii irraa dhaalan… Manni isaanii kun Kaartaa hin qabu… kan Tsahaayi keessa jiraattu immoo Ibsaayyuu hin galchineef. Ibsaa ollaarraa fayyadamti… dhiibba gita hin qabnetu nurra jira jetti. Tsahaay qaama-miidhamtuudha. Amma buna jabanaa karaarratti gurgurtee of jiraachisaa jirti…

“Faawundeeshinii Tufaa Munaa jedhamu waggaa 3 dura hundaa’uu isaa dhageenyee deemnee dubbisnaan qar. Kuma shan ykn kuma kudhan kaffalaatii miseensa ta’aa nuun jennaan qarshii isaan nu gaafatan kana waan hin qabneef itti dhiisne… amma maalirra akka jiru quba hin qabnu…” Ashanaafii Hundee..Tulluu…Daadhii..Tufaa Munaa

Turtii isaan waliin taasisne tibbana Miidiyaa ARSADII irratti isinii dhiyeessina.

Hub. Tufaa Munaa iddoo amma Masaraa Mootummaa jiru kana akka jiraataa ture dubbatama. Garuu sun dogoggora. Bakka Masaraan mootummaa jiru kana Warra Sarrawwaa Lumee Bookkisaa ture; Galmaa warra Ayyaantuuti/ Qe’ee Araaraa fi Muudaati. Qe’ee Abbaa Malkaa Hora Finfinneeti. (dhimma kanarratti waraabbiwwan suur-sagalee bara darbee fi barana dabarsaa turre irraa hubachuun ni danda’ama.)

Qe’een Tufaa Munaa: Finfinnee, Karra Qirxiiti. Tufaa Munaa yeroo sanatti Hayyuu waliigalaa Sirna Gadaa ture jedhama.

Finfinneen keenya yoo jennu gamoo fi gamaa-dhufaa amma irra jiru kana osoo hin ta’in, Malkaa-Tulluu hoodaati fi DIRREE lafeen/ujubni akaakilee, abaabilee keenyaa keessatti biyyoo ta’ee biyya nuuf ta’e waan taateef hadheeffannee falmanna; Finfinneen qaama OROMIYAA qofaayyuu osoo hin ta’in HANDHURA Ummata Oromooti. Namni handhura hin qabne wayi jiruu qabaaree???!

ARSADII -Miidiyaa Sirnaa!

bilisummaa

View Comments

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago