Categories: Oduu AddunyaaYaada

Waamicha Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)

Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii irra

Gara:

       Hawaasa  Oromoo
       Jaarmoolee Siyaasaa Oromoo
       Dhaabbilee Mirga namummaa
       Waladaa warra Wangeela Oromoo Biyyaa Jarmanii
       Oromtitti Farnkfurtii,  akkasumas Firoottan Oromoo  Biyyaa Jarmanii fi Awroppaa kessatti argamtan  maraaf

Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)

1ffaa. Maddi fi hundeen cunquursaa kann sirna gabroomfataa (Koloneffataa) Abashaa ta’u isa hubachuudhaan;
2ffaa. Gabroomfata Empaayeera Itophiyaa didu fi bilisummaa ummata   Oromootiif hawaasaa Oromoo haaraa ijaaruf;
3ffaa.Warraaqsi ummata deggare akka fixaan ba’u , utubuu fi kessatti qooda fudhachuun barbaachisa ta’u isa amanu dhaan
4ffaa.Ummatni kenya bilisummaa gonfachuuf qabsoo hadhooftu hidhannoo fi karaa maraan adeemsuun barbaachisa kan ta’eef wal’aansoon akkasi dirqama fi mirga ilmaan Oromoo ta’u beekudhan;
5ffaa. Wal barsiifnee wal irra baruun dhaamsaa fi dirqama warraaqsi Oromoo nu dabarse hojii irra olchuuf;
6ffaa.  Oromoon hundi bakka jiran maratti  wal ijaarani wal jajjabessuun warraaqsa bilisummaa Oromotiif bu’a cimaa ta’u isa hubachudhaan;
7ffaa. Yaadaa fi gurmuu Oromoo qindessine jajjabeesuuf  kan bu’ureffame ta’u yaadachiisa, yeroo amma Ummatni Oromoo yeroo kamiyuu caala hidhamaa, ajjeefamaa qe’ee isa irra buqqifamaa fi biyya abba isa irra ari‘yatama jira

TBOJn  Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) waggoota darbani kessa guutumman hirmaachudhaan kaayyoo isa ijaarameettin yoo madaalame hojii boonsa hojjetee jira.
Karaa kan biraan immo sababa rakkinni  Jaarmiyaa QBO tokkumman kan hoggana ture ABO kessa  umameen wolitti qabame dhibba gurguddaa kan nu mudate  ture ta’u waan dhoksine darbinu miti.

Haata’u malee TBOJn ammas bu’a bayii hunda kessa injifannon darbee humni isa cimse ijaarame kan jiru yeemu ta’u, kaayyoo isa durii eeggachuudhan QBO finnisuuf yeroo kamiyyu caala  qophii ta’u isaa ibsudhaan ergaa gaafa 17.09.2012ttin barrefameen waamichi isini dabarsukenya ni yaadattu.

Haluma kanan,   Hawaasni Oromoo fi Jaarmooleen siyaasaa nu qunnama jiran gudda galateffachaa, ammas:

1.  Tokkumma humna ta’u amanudhaan;
2.   Hawaasni Oromoo fi Jaarmooleen Siyaasaa yaada adda addaa qaban diina tokko( Woyyaanne/sirna Koloneffata Abashaa) irratti akka xiyeffataniif akkasumas woligalanii yoo hojjetan male addaan bahani dina  moo’uun kan  hin danda’amne waan ta’eef qabsoon waloo itti  haa fuufnu jechaa, Waamicha kana irra debinee  isinii dhiheesina.

Kanaafu, TBOJn mana Ummata Oromoo fi deggartoota QBO ta’u isaa isinii mirkaneessina, dhimma Ummata Kenya ilaalu hunda irrattis akka nu  wajjin hojjettan kabajaan isin gaafanna.

Bilisummaa Ummata Oromoof!

KHG- TBOJ irra

www.tboj.de
khg@tboj.de
khg.tboj@yahoo.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago