Categories: Yaada

Waamicha Tokkummaa Jaarmayoota,Gurmuuleefi Qabsaawota Oromoo hundaaf.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Oromo Liberation Front (OLF)

Lakk/NO. ABO/02/2015

Guyyaa: 12/14 /2015

OPE N L ETT ER/ XA LA YA BANAA

 

Qabsoo Ummata Oromoo galiin gahuuf hanqinoota mooraa qabsoo keenya mudatanii jiran keessaa, inni guddaan

tokkummaa dhabiinsa qabsaawotaa akka ta’etti hubanna. Rakkoo kana kan dhalche sababootiin heddun jiraataniis inni

guddaan garuu wal danda’anii, walitti dhufanii mari’achuuf qophii tahuu dhabuudha. Kun akka mooraa qabsoo Oromoo

miidhee fi qabsaawotaafi deeggartoota hamilee cabse hundi keenya wal qixa hubanna. Ammas aadaa waliin mari’annee

furmaata waloo fiduun dheebuu bilisummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomsuu irraa dhiboofnaan ykn

qoollifannaan ammas diina keenya of irratti goobsuu taati.

Wajjin mari’achuu dhabuu irraa kan madde rakkoo akka salphaatti fala itti argachuu dandeenyu qancarsinee jirra.

Adeemsi akkanaa kun kana booda mooraa Oromoo keessatti seenaa ta’ee afuu qaba. Haalli amma keessa jirru isa gara

fuulduraa fi hegeree qabsoo Sabaaf akka yaannu nu dirqisiisa rakkoolee xixiqqoo keessa keenyaas akka madditti

dhiifnuuf nu yeroon amma. Haala kaleessa turee fi garaaragummaa keenya yeroo itti faarsaa fi isa babaldhisaa deemnu

miti. Lubbuu, Dhiigaa fi lafeen ilmaan Oromiyaa yeroo ammaa wayyaaneen dhangala’a fi caccabaa jiru jaarmiyaaleen

Oromoo tokko ta’uuf alduree yeroo waliif tarreessinu miti. Dhugaa dubbachuuf dargaggoon Oromiyaa dachee Oromiyaa

keessatti falmatti jiran ,yeroo jaarmiyaaleen Oromiyaa garaagarummaa xixiqqoo qabnu furachuu dadhabnee jirrutti

qabsoo Sabaa ofitti fuudhanii gaggeessaa jiru, Kun barumsa gahaa nuuf ta’uu qaba.

Addi Bilisummaa Oromoo yeroo gara garaa mooraan qabsoo Oromoo akka jabaattu waamicha gara garaa taasisaa ture,

waamicha ABOn taasisaa turee fi ilmaan Oromiyaa mara irra deddeebi’anii dhaammachaa turan fudhachuudhaan

jaarmiyaaleen siyaasaa hedduun tokkummaa uumannee jirra. Haata’u malee ammas dhaabbileen siyaasaa waamicha

tokkummaa mooraa qabsaawotaaf owwaachuu diduudhaan ykn lafa irra harkisuudhaan as geenye, haala adeemsa

qabsoo harkifachiisu keessaa bahuudhaan akka ammas mooraa tokkummaa qabsaawotaa wajjin gabbifnu irra deebinee

waamicha goona. Akka Adda Bilisummaa Oromootti, waamicha tokkummaa kana dhaabbilee siyaasaa maqaa Oromoo

qaban hundaaf ergamee ture, warra waamicha ilmaan Oromoof owwaatan galateeffachaa ammas dhaabbilee siyaasaa

tokkummaa mooraa qabsaawotaa daddaffiin hojiirra oolchuuf harkifachaa jiran xalayaa banaa kanaan ammas irra

deebinee waamicha Oromummaa isiniif goona.

Dhuma irratti, jaarmayooleen hawaasaa, jaarsolii fi beektotiin Oromoo akka jaarmayoolee siyaasaa tokkummaaf

abboomamuu irraa qoollifatan irratti dhiibbaa gochuun akka mooraan qabsaawotaa jabaattee qabsoon bilisummaa fi

abbbaa biyyummaa Oromiyaa dhugoomuuf dhiibbaa akka irratti gootan gaafanna. Carraadhuma kanaan Addi

Bilisummaa Oromoo tokkummaa jaarmayaalee Oromoo dhugoomsuuf, alduree tokko malee kan hojannu ta’uu keenya

dhugoomsina. Waamicha ilmaan Oromoof owwaachuudhaan jaarmayaaleen Oromoo afur tokkummaa ummannee jirru

ammas irra deebinee jaarmayaalee siyaasaa Oromoo tokkummaa kana keessatti hin hirmaanneef irra deebinee waamcha

goona.

Adda Bilisummaa Oromoo

Injifannoon Ummata Oromoof!

Muddee 14, 2015

======================================================================================

Qunnamtiif: abosperson@gmail.com, Tel: 651-808-8774, Website: http://www.oromo-liberationfront.org

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

8 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

8 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

8 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

8 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

10 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

10 months ago