By Hawi Olani Kesesa
Gootoota Oromo0
walaloon barreessaa seenaa gootoowwani
Awwaalame hin hafnee hojiin harka saani
Ijaan arguuf demnaa dhalooni haraanii
hojjatani darban hojiwwan gaggaarii
bilisa nu baasuuf ofi qabsa´ani
dagatamee hin hafnnee bu´aan qabsoo saani
daangaa oromiyaa dhigaan kabachisanii
afaan kenyaa hiddaan gad nu dhaabanii
alaabaa bilisummaa qabsodhaan fidani
Biqiltuu dhaabani ilmaan oromootaaf
afaan ofiin baratee akka ittin barressuuf
adaa bonsaa qabuun akka ittiin bonuuf
ciqilee dinaa cabsee akka jiraatu barootaaf
Lubbun dararamee sibilaan hidhamee
boddee hin deebinee ittuu wareegame
lammii isaatif malee bultoo mataa isaati takkaa kan hin yaadne
gootootnii oromo kan garaa kutatan
kan mirga oromo dhaaf dhugaadhaan falmatan
tokkummaa oromo kan dhigaan ijaartan
ummata oromo biraa galata ni qabdan
dimaa magarisa dimaa kan isiin gad dhaabdan
alaabaa oromo kan itti waregamtan
yemmu isa ilaallu hundii oromotnii
qaamaan yoo darbaniis gotootnii
ni jiru nufaana janne jabaannaa qabsoonii
Dura Kenya jira fiiriin hojii saani
Harsaa dhaan dhabani ABO jadhanii
takkaa hin buqqauu seenaan gootowwani
lubbuu isaan hamaaruu waaqayyoo gooftaani
kana ka´aniruu dhebuu saba saani
yoom iyyuu hin duu ijii hojjii saani
sidaa seenaa oromo kaánii darbani
warraa ofi dhabamee qabsoo asiin ga´ee
warrii lubbuun saani sabboonnumaa ijaaree
lubbuu deebi hin qabnee sabaaf dabarsani
abdii bilisummaa dhiigaan magarsaani
lubbuu keessan darbeef garaa sabaatu gaddee
waaqnii nu hagargaaruu inni hunda umee
waaqnii nu hagargaaruu inni hunda umee
inni isiin kessan amaanaan gotootaa
yomuu karaatti hinhaftuu dhalotatu xumura
dukkana kaleessaa dhiigaan nuf bantanii
tuulamaa fi maccaa yammu ijaartani
Eegaa maal jattani warri amma jirtani
tasa hin dagannu waadaa isaa kan saani
qabsa´an ni du´aa qabsoon itti fuufa
garbbuumaan hin kufaa
eegaa isa kana kaayyoon gootowwani
seenaa awwaalamee warraa lafaa baasani
warra bilisummaaf gaaffi lubbuu baasani
tokko lama mitti hedduudhaam isaani
Taaddasaa fi Adam Jiloo
Baaroo dhaa fi Gutamaa
Waaqo dhaa fi Baalchaa
Agarii dhaf Galmoo
Ashaa dhadhafi kulani
kana duwwaa mitti heeddu dhaam isaani
kun hundumti isaan qabsoo irrati dhumani
Injifannoon Ummata Oromoof!
Hawi Olani Kesesa
18/12/2014
Oslo, Norway
You can Contact me by the following email address hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com
This past week, US Secretary of State Antony Blinken visited Ethiopia. During his visit, he met…
U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…
By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…
Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…
By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…