Categories: Yaada

XIINXALA GABAABAA HAALA AMMA KEESSA JIRRUUFI FUULADURAA!

 

Hunduma keenya biratti akkuma beekamu yeroo ammaa kana quuqamtoonni Oromoo yeroo dhumaaf garbummaa seenaa gochuuf hojiirra jira!. Addumatti galata addaa kan uummata Oromoo qabsa’aa jiraniifirraa qaban keessaa:

a. Barattoota/Qeerroofi qarree Oromoo harka duwwaa diina jilbeenfachiisaa jiran,
b. WBO (alaaf keessaa)…Poolisoota dhiigaan Oromoo ta’an (warra dammaqan qofa),
c. Miidiyaalee Oromoo (OMN, Simbirtuu, SBO, Raadiyoo hafuura biyyaafi kkf…)
d. Aartistoota Oromoo (Weellistoota dhiiraafi dubara dhugaaf sabaaf quuqaman qofa….)
e. Miseensota OPDO (Warra dhugumaan Oromoof quuqaman..odeeffannoo diinaa saaxilun kutannoon Tigiree dura dhaabbachaa jiran qofa..)
f. Hayyoota /quuqamtoota Oromoo (Oromo activists)…Warreen nuffii tokko malee sagalee saba Oromoo dhaabbilee addunyaa gurguddoo biraan gahaa jiran hundumaa…
g. Oromoota Miidiyaalee hawaasaa Marsariitii (website), Twitter, FB, email, skype. Fi kkf hirmaannaa guddaa taasisuun waa’ee Oromoo daangaa addunyaa hundumaan geessisa jiraniif,
h. Dhaabbilee amantaa garaagaraa yaadaan, kadhannaa gochuun, dhibee Oromoo addunyaatti himaa jiraniifi gama hedduun qabsaa’aa jiraniif (Hundaa ta’uu baatanilee…)
i. Oromoota biyya diyaaspoora keessa jiran maallaqa isaaniin, beekumsa isaaniin, hiriira ba’uudhaan, sagalee Oromoo addunyaan ga’uufi kkf citanii tokko ta’anii hojjetaa jiran hundumaafi kkf …

Akkuma beekamu Oromoon gamtaadhaafi tokkummaan FDG/FXG gaggeessaara. Kunis qabsoon ummattin keenyaa gaggeessa jiru gara gulantaa haaraatti ceesiseera. Amantaan, lagaan, ilaalchaa siyaasaaf dhimmoota gara garan walqooduu dhiissuun madda cimina qabsoo kana ta’uun isaa iraanfatamuu hin qabu. Dabalataanis gumaachii odeefannoo walidabarsuu, gara OMNfi Facebookn gaggeefamaarulle meeshaa qabsoo keenyaa cimaadha. Gama keennaan kana haa jennu malee diinni keenyas rafee bulaa hin jiru. Halkaniifi guyyaa nuratti hojjachaara.
Torbaan darbee asiifi torbaan dhufus baldhinaan haala biiroolee ykb waajjiraalee hunda hammateen walgahii irra deebi’anii gaggeesuudhaaf qophiin xumurameera. Sababni walgahiin amma gaggeefamaa jiruufis:
1ffaa : Walgahiin torbaan lamaan dura gaggeefame galma yaadame akka hin milkaa’in qorannoo waajjira Dhaabaatti gaggeefame irratti waligalameera, Akka kallatiin isaaniif gooftaawwaan isaani obbo Abbaayi Tsahaayyee irraa itti kennameef jeequmsi kun ABOfi farra misoomaattu qindesse jechuudhaan akka hojjataan hundii irratti waliigalu
2ffaa : Walgahii gaggeefame irratti gaaffiiwwaan gara garaa hojjattoota irraa haala qindaa’een dhiyaatan yaani mormitootaa olaantummaa akka argate kan agarsiisuudha. Kun immoo hojiin Dhaabaa waan hin hojjaneef miseensooniis raafamaartuu jechudhaan qorataniiru. Dhimma kana irratti miseensooni cimoon mormii isaani kan ibsani yoo ta’u kan hafan immoo biyyi diigamuudhaaf jechuun afaan guutaniis dubachuu sodaataniiru. Asi irratti dhimma nama gammachiisu miseensoota OPDO ergaa gubbaa itti kename dabarfachuuf sodaa guddaa keessa galaniiru. Maqaa hojjatoota mormii cimaa dhiyeesaniis kennuuf sodaataniiru. Faallaa kana garuu hojjatooni yaada ciccimoo ifaaf haala qindaa’een dhiyeessuudhaan kaayyoo isaanii fashalsiisaaru. Ajeechaan, hidhaafi tumaan waan daa’imman keenya irratti gaggeefamaaruuf nuti kana sodaaf falmii keenyaa irraa boodatti hin deebinu jedhaniiru.
3ffaa : Miseensooni OPDO toora isaani akka ifaan ibsan taasisuuf. Kana jechuun miseensooni OPDO hedduun ragaa kenuun, gaafiiwwaan cimoo ta’an dhiyeesuun ergama dhaabaa akka iraanfataniif yeroo amma immoo ykn toraa Dhaabbatichaa deeggaruun waltajjii gara garaa irratti sagalee isaani ol kaasuun dubbachuu ykn immoo farreen nageenyaa waliin hojjachuuf kan filattanis daandii nagayaa isiiniif hawwina jedhaniiru.
Karoora Torbaan dhufuu
1. Guyyaa Wiixataan dura miseensoota Dhaabaa kophaatti walitti qabuun waadaa seensisuu. Yaanni kennamu qabu baldhinaan akka ta’u dhimmota ijoo keessaa muraasin lubbu namaa dabarteefi qabeenyaa mancaa’eef gaddineerra. Haa ta’uu malee farreen nageenyaafi shororkeessitoonni jeequmsa kana keessaa harka qaban seeratti akka dhiyaatan dhimma kana tasgabbeessuuf tarkaanfiin mootummaan fudhate sirriidhaaf seera qabeessa akka jedhani miseensoota dhaabaaf ergamni kennameera.
2. Guyyaa Wixataa (2/05/2008) Waajjiraaleen hunduu hojjatoota mari’achiisu qabu jedhameera
• Walgahii irratti hojjatoonni gamtaan akka yaada cimaa hin dhiyeessine galma gara garaatti addaan qooduun mari’achiisuu;
• Hojjatoota armaan dura yaada cimaa dhiyeessan akka dhimma kana keessa hin gallee hiriyyoota isaaniin akka gorfaman itti himameera. yoo ta’uu baate rakkoon akka muudatuniis akeekkachiifni keessa keessa kenameera;
• Akka hojjattooni bilisaan yaada isaani hin ibsineef sodaachisuufi TV akka waraabamu murteesuudhaan akka qaama biraatti ragaan darbee hin kennamneef namoonni dhimma kana hordofan moggaafamaniiru
• Miseensoonni yeroo dheera fudhachuun akka yaada kennan mari’atameera.
• Ragaalee guutuu (maqaa, teessoo, bilbilaaf kkf) hojjjatoota walgahii irratti dubbatan dabarsanii kennuuf waadaa seenaniiru. Dhimma kana kan qindeessan hooggantoota waajjiraaleeti.
• Qaama biraa irraa hojjatoota waajjiraale kan hin ta’in namoonni muraasaa haala walgahiin ittin gaggeefame akka madaalaniif ramadamaniiru.
Dhimmoota kana yaada keessa galchuudhaan nuti maal? haala kamiin? Yeroo kam raawwachuudhaan karoorri isaani akka galma hin geenne gochuudhaan dhukkubbi mataa itti cimsina? Daa’imman, shamarran, dargaggoota qeerroofi manguddoota keenya bira dhaabanna? Yeroo murteessaa irra geenneerra . taayitaaf biddeena tigireen akka hambaatti nuuf kennitu moo, dhiiga lammii keenyaattu nuuf caala?
Gaheen keenya
• Walgahiin osoo hin jalqabne lammiiwwaan keenya kan mirgaa isaaniif osoo haala nagayaan falmatan mootummaan abbaa irree rasaasaan ajjeeseef yaadanna(kadhannaa) sammuu akka gaggeefamu gaafachuu, harka keenya ol kaasuudhaan mormii agarsiisuu,
• Hojjatoota waajjiraa keessani malee kan biraa akka isinitti hin makaminee gochuudhaan kan isaan akka hordofaniif ramadatan baasuu( ari’uu)
• Waan gaggeefamu hunda maloota gara garaan sagalees ta’ee vidoo waraabuu;
• Akkuma isaan yaadan , nuttis ragaalee namoota OPDO deeggaruudhaan dubbatanii fotoo isaanis dabalachuudhaan qabachuu qabna
• Yeroo isaan dubbatan hundi keenya itti gungumuudhaan rifachiisuu, itti kolfuu fi kkf gochuudhaan akka isaan yaada isaani hin ibsane taasisuu
• Hojjatoota yaada isaani mormu yoo dubbatan harka rukutuudhaan hamilee isaani cimsuu
Xumura irratti tokkummaa saba keenyaa diiguudhaaf yeroo ammaa ballinaan irratti hojjachaaru. Kanaafu hojjataanis ta’ee hooggansi biddeenaaf jedhee dhugaa jirtu jallisuudhaan isaan waliin shubbisuu barbaadu jiraanaan.
Lafeen gootota keenyaa kan dhimma kanaaf wareegamanii isin haa waraantu, bishaan isin dhugdan akka dhiiga isaanitti isinnit haa hadhaawu, foon isin nyaatan foon isaani kan rasaasaan rukutamee cite lafa dhayee isintti haa ta’uu. Garaaf jetani sammuu keessan hin gurgurinaa. Sababa kanaan saba keessanis lubbu keessanis akka dhabuu dandeesan yaadaadhaa.

Hinshakkiinaa! Haqa qabna, hundaa qabna, nimormanna, ni injifanna!!

Maddi!-http://oromiapress.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago