Categories: Aadaa

Yaadanoo Ebbisa Addunya (30.8.2016)

 

Ebbisan waggaa digdama harra uttuu innii mana issa siree isaara rafuu, loltuun mootummaa kolonefata Habasha, warra gartuu haarra Tigrai’in gegefamuun rasaassa itti roobsani lubuu isa muchumaati kutan. Biyya akaakile isaati, diini daanga Oromiyya ceete dhufte dhiiga Oromoo hammaa haraati iddoo hundaati dangalaasa jirti.

Akkuma Oromoon hunduu beeku, kan diini kun ajjesu moo beeka, sooresa, artistoota, oladeema/ oladeemtu, kan ta’ani kunis aggaamsaa sanyii duguugu -targeted genocide jedhama. Imaammati gartuu Tigrai (TPLF) saba Oromoo doofaa, iyeesa taasisani achumaan akkuma namichii Waaqayyoo jibe sun Malas Zenawi wa’ee Oromo “saba lakkofsi issa bayyee xiqeesun salphadha” jedhe kakate, oladeemtota Oromo fixaa jiru. Kan TPLF hin beekin garu, akkuma Oromoo ajjecha deemtu, Oromoon tokko ta’ee kibba hamma kabaati dhi’aa hamma ba’aati kuno diina olachisa jira.

Alaaban ABO jaal Elemo Qilxuufa bara 1973 qabatanii diina offira buqisanii Oromiyya Republika taate dhaabuf bosona (Tullu Carcar) seenan kuno dachee Oromiyya hunda irrati Oromoon qabatee “Abban Biyyaa Oromoo dha” “hormii nun bulchitu” Biyya keenya walaba taate nutu bulcha jedhee alaaba isa qabatee yeroo diini saba harqa duwa haqa isaaf falmatu, isaa harka diinati ajjefame, awaalate Alaaba ABO awaala irra dhaaba jira.

Mirgga mulqammaan deebisanii gonfachuuf Haatif ilmi hiriira ba’aani, gaafa loltu’un diina rasaasa itti roobiste mucaase ajjeftu, haati Oromticha sanaa “gumaan ilma kiyya bilisuma Oromiyya hata’u” jettee Oromiyyaati kutanoo ishe dhaamte.

Ebbisan , “siifan lolaa Oromoo narra hingortu? https://www.youtube.com/watch?v=2B3F0DnH6m0

Jettee kan atti akka gaafiti saba keeti dhi’eesinan diini si nyaate, garuu arra waamichi kee qeerro sibooda dhalataniin kan gegeefamu sabi kee deebisa jira.

Jaali kee, Usmaayyoo Musa waggaa sadeet (1995-2003) mana hidha diina keesati dararammaa ture eega ba’ee, saba durati gaffa as ba’uu sii (Ebbisa Adunya fi Dhugumaa Ayyana) yaadachudhan walisa isa jalqabe.  Kan Usmaayyoo gaafas walise keesa:

Garbummaa manna du’a filane

Saniif finchillee dagala seenne

Seenadhaaf duuna lubbu hinqusannee

https://www.youtube.com/watch?v=mC2s21z1CMI

Usmaayyoo Musa, darara mana hidha diina keesati irra gayeen lubbun isa dargagummaati qurxame.  Lubuun artistota Oromoo kunif kan isaan fakatan darbuun, hiri’ota isaanif dhalota isaan booda dhufe ibidda sammuu itti naqe.

Isaan booda artistoti dhibaan laqahaman sagallee isaani kan fagoo nama hawatu, ergaan saani ani Oromoo mittii?  maalifan walaabummaa kootif hin lolu? jedhee kan samuu  qirqidu, xiiqii qabachiisu,  tokko ta’ee akkan diina biyyaa isa qabate irraati mormuu kan godhee keesa isa tokko. Artistooni Oromoo wallaansoo walaabummaa Oromiyyaa ta’aa jiruuf aarssaa isaan baasa turan/jiraan seena saba issani keesati bo’oo olaana qaba.

Jaalan: Elemo, Ebbisa, Usmaayyoo fi kan walaabuma Oromoofi kuftanii, sabi keesan akka damaqee waanjjo kolonii ofirra darbatee, biyya bilisa taate (sovereign state) ijaarachuf tarkaanfi xumura irra ga’aa jira. Yoo isin lubuun jiraatani saba keesan arguu baatan ille hojjin keesan Oromoo karaa walabummaati luucessera.  Qeeransi Oromoo diina isa Oromiyyaa irra ari’a jira (https://www.youtube.com/watch?v=7tr04nYSafw) akkuma Mulluu Baqqaalaa wallifte.

Jaalan, maqaan keesan bara barran seena Oromoo keesa hajiraatu.

Qabsa’aan hindu’aa qabsoon Oromiyya Walaabuman xumurama.

 

Alemayehu Kumsa, Ph.D.

Alemayehu.kumsa@gmail.com

 

    

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago