Categories: Amantii

‪#‎Yaadachiisa Rama‬daana Zakaa Fixrii salaata iidaatiin dura baafamti.

Namni salaata
iidaa booda kenne
sadaqaa qofa taate
hafti. Inni zakaatul
fixriin hin baafne. Zakaan fixriidhaa
muslima hundarratti
dirqama. (By Dr Zakir
Naik Afaan Oromotiin)
——————————
—————————— ————-
Isiin midhaan suguda
tokkoot (k.g 2: 40) yoo
kiiloo lamaaf cinaa
godhan haalaan
gaariidha nama tokkorraa baasuu
barbaachisa. Hadiisatti
Abdallaa ibnu umar
(r.a.) akki jedhe ” Nabiin
(s.a.w.) tokko tokkoo
muslimtootaa irratti zakkaa fixii tan
ramadaanaa dirqama
godhe, hunduma
muslimaarratti bilisa
tahuu gabra tahuu,
dhiira tahuu dubartii tahuu, guddaa tahuu
xiqqaa tahuu, suguda
(kooboo) takka
timirarraa yookaan
garburraa nama
tokkorraa kafalama jedhe. ” Jecha bukhaarii
keessatti nabiin s.a.w.
zakaa fixrii dirqama
godhe …jedhee hadiisa
oofee achi keessatti..
osoo namni gara salaata iidaa hinbaane duratti
akka kennamtu ajaje”
jedhe. Hikmaan
(faaydaan) isiin dirqama
godhamteeis
1-nama soomane dogoggoraa fii badii
irraa qulqulleessiti,
ir’ina isaati guutti,
bakka jallate diriirsiti.
2-gargaarsa namoota
hiyyeeyyiiti taati, guyyaa iidaa kabajamaa
kana keessatti
kadhaadhaaf hula
namaarra deemurraa
isaan duroomsiti.
akkuma ummanni kuun gammachuun iida
godhanitti hiyyeessinis
quufee beela bahee
ummataan wajji
gammachuu iidaa akka
hirmaatu gargaarti. Yeroo zakaa fixrii.
Yeroon isiin baafamtu
akkuma hadiisa
abdallaa ibnu umar kan
dabre keessatti
ibsametti “nabiin s.a.w. osoo ummanni salaata
iidaatti hinbaane akka
kennamtu ajaje.” Jedhe.
Tanaaf irra caalaan
yeroo isii kana. Garuu
ammas guyyaa iidaa duratti guyyaa tokko
yookaa lama dursanii
yoo kenna numa taha.
Kanas abdallaa ibnu
umar sahaabonni
guyyaa lama yookaa tokko iida dursanii fixrii
kennan jedhe.
Akkasuma zakaa fixrii
salaata iidaa boodatti
dabarsuun hintahu.
Kanarrattis ibnu abbaas r.a. akki jedhe Nabii
s.a.w. zakkaa fixrii
kafaluu dirqama godhe
akka nama soomane
qulqulleessituuf, akka
hiyyeessaaf gargaarsa taatuuf, namni salaata
iidaa dura kafale kennaa
qeebalamtuudha,
ammo namni salaata
booda kenne sadaquma
sadaqaa irraa taate isaaf taati.(sadarkaa
zakaa fixrii sanirraa
gadi buuti).

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago