Amantii

Finfinnee dabalatee masjiidonni waggoota kudhanii ol erga itti salaatamee booda carraaqqiifi roorroo meeqaan kaartaan akka kennamu eenyunuu ni beeka

Ustaaz Ahmaddiin jabaliin

Magaalaan Shaggar Masjiidotaa fi Muslimoota kan of keessaa qulqulleessu yoo ta’e Muslimootaaf “rakkina” malee madda boonsaa ta’uu gonkumaa hin danda’u!

Mootummaan biyyattii kan bulchu lammiiwwan bakka bu’ee, maqaa lammiitiin akka ta’e hundaafuu ifaadha. Osoo kun ta’uu baatee aangawoonni mootummaa hunduu akkuma keenya lammii idileeti; silaa mirga ykn aangoo nurraa adda ta’e hin qabaatan ture.

Biyyattiin kan waloo ta’uun yoo mormame malee qabeenyii fi carraan biyyattiin qabdu hunduu kan walooti. Osoo akkana ta’ee jiruu, magaalota biyya keenyaa hunda keessatti yeroo maastar pilaaniin qophaa’u, warra pilaanicha qopheessu qofa osoo hin taane, hoggantoonni siyaasaas hanga yoomiitti masjida qofa adda baasanii pilaanii keessaa dagatu laata?

Ummanni muslimaa akka lammiitti maastar pilaanii keessatti masjiidonni karoorfamee dagatamuudhaan gaaffileen Muslimootaa masjidaafi hijaaba qofa irratti daangeffamee akka hafu gochuudhaan gaaffilee ummata Muslimaa isaan kana qofa fakkeessanii sochiiwwan amantichaa gufuuleen kan guutaman taasisuun tooftaa dhaabbachuu qabuudha.

Gaaffiiwwan mirgaa bu’uura ta’an kunniin “maastar pilaanii irratti masjidni asitti argama” jechuudhaan osoo hin gaafatamin deebii argachuu qabu turan. Ykn yoo gaafataman gaaffiiwwan salphaatti deebii argachuu qaban turan. Haa ta’u malee, Muslimoonni biyyattii guutuu keessa jiran lafa masjidaa kadhachuun ykn maallaqa isaaniitiin lafa bitanii ibaadaaf itti fayyadamuun, ykn sanarra kutee qabsoofi dhiigaan [qabsoo qabiyyee masjidaa kabachiisuuf godhamu keessatti Muslimoonni humna nageenyaatiin ajjeefaman baay’eedha] masjida aragchuun yoo hin dhaabbanne mirgi Muslimootaa ni kabajama jechuun hin danda’amu.

Namoonni tokko tokko masjiidonni “seeraan ala” waan ta’aniif diigamaa jiru nuun jedhu. Nama ajaa’iba. Warra kanaafi fakkaattota isaanii kan nuti gaafannu masjiidonni “seera qabeessa” jedhaman kam akka ta’an nuuf himaa kan jedhuudha.

Finfinnee dabalatee masjiidonni waggoota kudhanii ol erga itti salaatamee booda carraaqqiifi roorroo meeqaan kaartaan akka kennamu eenyunuu ni beeka.

Masjiidota gurguddaa akka Anwaarii fi Masjida Nuur (Baniin Safar) dabalatee kanneen bara Haylesillaaseetii jalqabee Finfinnee keessa turanillee kaartaa kan argatan 1990moota keessa yeroo Obbo Arkabee Qubaayi kantiibaa turaniidha. Kanumaa wajjin, Masjidni Anwaar bara Xaaliyaanii kan ijaarame yoo ta’u, Masjidni Nuur immoo weerara Xaaliyaaniin dura kan tureedha. Masjiidonni kun qabsoo ummata Muslimaa adda hin cinneen ijaaramanii waggaa hedduuf achitti ibaadaa hojjataa kan turan ta’us waggoota kurnan hedduu booda kaartaa seera qabeessa argatan.

Magaalota baay’ee naannoo lammiileen jiraatan keessatti, bakka bulchiinsonni maqaa ummataatiin aangoo qabatan jiranitti, maastar pilaaniin itti yaadamee masjiidota irraanfachaa kan jiran yoo ta’u, ummanni Musliimaa naannoo sanaa gaaffiin lafa Masjidaa isaan dadhabsiifnaan qabeenya ofii baasanii lafaafi mana bituudhaan kanuma itti salaataa jiran “masjiidummaaf hin eeyyamamne” jechuudhaan diiguun irra deddeebiin mul’achaa ture. Qorannoofi yaadannoo baay’ee booda adeemsa seeraatiin lafa mana amantii biroo irra baay’ee xiqqoo taate kennuun, kana jechuun bifa loogiin guutameen adeemsi tokkoof kaareedhaan kaaniif immoo hektaaraan kennuu dhaabbachuu qaba.

Adeemsiifi hojimaanni loogiin guutaman kuniifi kanneen isaan fakkaatan hunduu qabsoo yeroo gabaabaa, giddu galaafi dheeraa majlisniifi Ummanni Muslimaa godhuun maletti jijjiiramuu hin danda’u.

Masjiidonni har’a “seeraan ala” isaan jedhan kunniin halkan tokkotti ijaaramanii bulan osoo hin taane, inumaayyuu, osoma ummanniifi fi mootummaan beekuu Hawaasni Muslimaa waggootaaf itti fayyadamaa turan.

Yoo xiqqaate ijaarsi magaalota haaraa “Magaalaa Shaggar” jedhamu bifa haaraa fi karoora haaraadhaan waan karoorfameef, akka karoora haaraa magaalichaatti bakki kun masjiidaaf osoo hin taane kaayyoo biraatiif qophaa’e waan ta’eef (innumtuu pilaanichi masjidaaf akka mijatu gochuudha malee akka tasaa ka’anii masjida diiguun sirrii miti), bulchiinsonni Magaalaa Shaggar “akka karoora haaraatti bakki masjiidaaf isinii qophaa’e kana” jedhanii bakka bu’aa dhiheessanii mariifi wal hubannaadhaan ijaarsa magaalichaa keessatti masjinni akka ijaaramu godhanii dubbii fixuu hin barbaanne. Wanti isaan qabatamaan hojjataa jiran amantichaafi Muslimootaaf kabaja xiqqoollee osoo hin agarsiisin masjiidota diiguutti seenan.

Gaafa haala kana hubattuufi yeroo qabatamaanis sochii nama gaddisuusu kan masjiidota hedduu Magaalaa Shaggar keessa jiran jumlaan diiguuf godhamu ilaalte, dhimmichi gaaffii seera qabeessummaa osoo hin taane, [namoonni manneen irraa diigamaa jiran irra caalaan Muslimoota ta’uus ilaalcha keessa galchuudhaan] dhimmichi shira Masjiidotaa fi Muslimoota magaalaa Shaggar keessaa qulqulleessuuf godhamaaru isaan jalaa fakkaateera.

Kana galmaan gahuun dachii Itoophiyaa keessatti gonkumaa waan hin yaadamneefi Magaalaan Shaggar Masjidaa fi Muslimoota of keessaa qulqulleessuuf murteeffatee yoo itti fufe, Magaalattiin Hawaasa Muslimaa walakkaa biyyattiitiif “rakkina” malee “madda boonsaa” ta’uu gonkuma hin dandeessu!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

4 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

4 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

4 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

4 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

6 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

6 months ago