Oduu Oromiyaa

Ameerikaan nama Ispoonsaran baqata gara biyya Ameerika fiduuf balbala bante

USA Welcome Corps Program

Tibbana Ameerikaan sagantaa godaansaa / Immigration Program/ tokko ifoomsitee jirti. Sagantaan kunis baasii amma dura Mootummaan Ameerikaa baqatttoota simachuudhaaf baasu kan irraa hir’isuudha ~ Ummataaf yaadee osoo hin tahin rakkoo ofii salphisuudhaaf saganticha baafate!

Akkaataa Sagantaa kanaatti namni Lammii Ameerikaa tahe yookin immoo kan waraqaa jireenyaa / Green Card/ qabu garee nama shanii ijaaratee, baqataa barbaade simachuudhaaf balballi banaadha. Namoonni kunneen kan hojii qaban, kan yoo xinnaate galiin isaanii waggaatti $25000 taheefii yakka gargaraa irraa bilisa kanneen tahaniidha. Namoonni kunneen baqataa fiduu barbaadan yoo qabaatan jalqaba leenjii fudhatu www.welcomecorps.org irratti. San booda guca barbaachisu guutu. Kan itti aanu baqataafii dhaabbata baqattummaa Ameerikaa ilaallata.

Sagantaan kun marsaa lamaan hojiitti hiikama.

Tokkoffaan ~ Kun ji’a Amajjii / January/ kanarraa eegalee jira. Baqattoota Sababa Siyaasaa, Amantii, Ilaalchaafii kkfniin biyya isaanii irraa baqataniifii baqattummaan isaanii mirkanaa’e ilaallata. Inni kunis Afrikaa Bahaa irraa eegala. Namni baqattummaan isaa mirkanaa’efii biyyyoota garagaraa keessa jiru ( Fakkeenyaaf Keeniyaa, Masriifii Kkf) warra sagantaa kanarraa adda durummaadhaan fayyadamoo tahuuf jiraniidha.

Lammaffaan ~ Kun ji’a jaha booda eegala. Marsaa kanarratti Baqataan Adduunyaa kanarraa biyya kamis haa jiraatu, sababni baqattummaa isaa amansiisaa tahee argamnaan Ameerikaa dhufuudhaaf carraan isaa banaadha. Akkuma gubbaa kanatti eere namni shan Ameerikaadhaa baqataa san simachuuf iyyata galfata. Bu’uura saniin Ameerikaan nama san baqattummaan isaa amansiisaa tahuu isaa/ishee ni qoratti. Qorannaa san dabrinaan namni suni haala salphaa taheen gara Ameerikaa dhufa jechuudha.

Dhimma kanaan wal qabatee burjaajii garagaraa warri oofan hedduudha. Maddi odeeffannoo haqaa kan argamu marsariitii dhaabbatichaa sirritti dubbisuudhaan qofa. Marsariitichi www.welcomecorps.org dha. Carraan kun namoota hedduuf hiree guddaadha. Gamanumaa waan hunda sirritti addaan baafatanii, waan barbaachisus guuttatanii, Rabbis itti kadhataa sochii barbaachisu godhuun murteessaadha!

Hiree Gaarii

Kanuma

Keenyas Oluma

#HawiAnole

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago