Categories: Yaada

Ani Johar Muhammed tuqame jedhee murtii kana hinfudhanne.

WARREEN WAAN JOHAR MUHAMMED TUQAMEEF DHAABARRAA UFBAAFTEE JETTANII KEESSAN NA GAAFATTAN HUNDAAF DEEBISAA KIYYA.

Ani Johar Muhammed tuqame jedhee murtii kana hinfudhanne. Sababni dhaaba ABO irraa uf baasuu kiyyaa xalayaa dhimma Alaabaa ilaalchisee maqaa HD-ABOtin gara KFO ergamteedha. Kallattiidhaan sababa xalayaa kanaa ( in protest of this particlar letter) murtii ufii kiyyaa ABO irraa uf baasuu irra gaye. Dhimmi Alaabaa dhimma Johar yokin dhima KFO qofa miti. Dhimma Ummata Oromoo waliigalaati. Johar Muhammed nama uf gayee uffirraayu hafee ummata Oromoo miliona jahatamaaf qabsaayu. Abbaa fedhe akka fedhetti ufirraa deebisus nama dandayu. Inni tuqameef jecha wanni ani dhaabarraa uf baasuf hinjiraatu.

Alaaban tun jalqaba Alaabaa ABO taatee beekamtus yeroo ammaa Alaabaa ummata Oromoo fi mallattoo qabsoo Oromoo taatee jirti. Kennaa ABOn qabsoo waggaa 50 olitiin ummata Oromoo badhaase keessaa Alaaban tun ta jalqabaati. Qubeen Afaan Oromoo ta lammataati. Kaartaan Oromiyaa ta sadaffaati. Namni alaabaa tanaaf jecha hedhamee fi ajjeefamee meeqa? Ka biyyaa baqate hoo meeqa? Ka har’a sababa alaabaa kanaa rashanamaa jiru hoo meeqa? Osoo kun tayee jiru alaaban tun ta ABO qofa qaamni biraa akka itti hinfayyadamne jedhanii xalayaa barreesun ummata Oromoo fi ABO duuydaa fi garaa taasisuun ala bu’aan isaa maali? Ergaa ummata Oromoo fi ABO walitti mufachiisu kana hoggansi dhaabaa osoo irratti hinmari’atin ergee? Yoo irratti mari’atamee ergame mariin sun ana maalif hanqate? Yoo hinmari’atamin dhimma ummata Oromoo gaddisiisu maalif nam tokkeen murtaayee faca’a? Ummanni waan kana akkamitti hubataan maalif madaalli kaasuu dhabe? Gaafilee kanaa fi kkf uf gaafadhe. Jaarmayaa sagalee keessatti hinqabnee maqaa qabadhee taa’uu irra xalayaa kana dura dhaabadhee ( protest) godhee dhaabarraa uf dhaabuu murteefadhe. Kana jechun komii biroo qabaachaa hinturre jechuu miti. Garuu ka dhaabarraa nabaasu hinturre. Obsaatuman har’a gaye. Kun ammoo waan obsaan bira dabrru naaf hintaane. Anaaf murteen kun murtee sirriidha. ABOn ummata Oromoo haala kanaan kan mufachiisu yoo ta’e eennuf qabsaayuf dhaabatti dabalamne? Akkuma namuu argutti dhimmi kun kan dallansiisaa jiru Joharis miti. KFOs miti. Hawaasa Oromoo Alaabaa tana jaaltu dallanne. Hanga yoomii Oromoon alaaban tiyyaa fi teeti mitiin waldura dhaabata.

Kanaaf, dhaabarraa uf baasun kiyya Joharif tumsuu osoo hinta’in ummata Oromoo ergaa kanaan rifate deegaree, ergaa xalayaa kanaa diduuf ( in protest of the attached letter) tayuu warri na gaafataniif ummannis akka naa hubatu barbaada. Dhaabichis kanuma akka hubatun barbaada.

Har’as borus alaaban ta ummata Oromooti.

Galatoomaa!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago