Categories: InterneetTeknooloojii

Barnoonni bilaasha gama intarneetiin kennamu (MOOCs) qalbii namoota hedduu hawataara

Gosa barnoota kamuu hordofuuf dandeettii, fedhiifi intarneetii qabaachuu qofa gaafata

Barnoonni gama intarneetiin kennamu (Massive Online Courses-MOOCs) yeroo dhihoo as hedduu babal’ataatiin kan dhufe. Gama intarneetiin barnoonni kennamu gosa hunda kan barnootaa hunda kan ammatu yoo ta’uu, bilaasha ta’uu isaati kan MOOCs adda taasisu.

Gosa barnoota kamiiyyuu eenyumtuu, namni intarneetii qabu, mana ykn waajjira isaa keessa sa’aa isaa mijaatutti hordofuu nidanda’a. Biyyaafi dandeettiin barnoota gosa barnoota MOOCs kanniin hordofuu irraa kan nama daangessuu miti. Enyumtuu fedhiifi dandeettii ufiitti amana taanaan,  hedduun barnoota MOOCs kan sadarkaa Yunivarsiitiitti kennamaniidha, gosa barnoota itti tole kamiiyyuu filatee fudjhachuu nidanda’a.

Gosa barnootaa kanniin hordofuun faaydaan inni qabu irra jireessatti lama; namoonni dhimma kamiifuu fudhachuu nidanda’u. Hedduu namootaatiif kaayyoon guddichi MOOCs hordofaniif beekumsa dabalataa argachuudha. Inni lammataa, beekumsafi muuxxannoo haarawa argametti fayyadamuudhaan hiree dalagaa argachuu bal’ifachuudha. Guutummatti barumsa hordofee, qormaatas darbee woraqaa ragaa argate taanaan, namni tokko muxxannoo haarawa argatetti dhimma bahuudhaan dalagaa barbaadachuu ykn carraa dalagaa argachuu heduu bal’ifachuu ni danda’a. Fakeenyaaf namni gosa barnoota Ikonoomiksiin eebbifame tokko MOOCs muuxxannoo ‘programming’ bu’uuraa aragte taanaan hireen inni qaxaramuuf qabu hedduu kan ol ka’u ta’a.

Barnoota bilaashaa gama intarneetiin kennamu Yunivarsiitonni kennaa jiran kanniin sadarkaa addunyaa irratti beekkamaniidha. Harvaard, Oxford, Yale, MIT, Princeton, Barkley, Colombia, Stanford fi kanniin biroos kutaa addunyaa hunda irraa MOOCs irratti hirmaataachuudhaan gosa barnoota addaddaa laatutti jiru. Hanaga yeroo dhiyootti bartoonni heddu guutuu addunyaa irraa gosa barnootaa Yunivarsiitonni kunniin laatan profeesaroota hedduu beekkamoo ta’an irraa hiree barachuu hinqabaatan ture.  Amma garuu gosa barnoota isa kamuu mana taa’anii kafaltiin alatti profeesarroonni gurguddoon addunyaa yoo laatan duukaa bu’uun dhugaa ta’eera. MOOCs, dimshaashumatti, aabjuu ilmaan hiyyeessaa dheebuu barnootaa qaban gama dheebuu baasuudhaatiin milkii guddaa argamsiiseera jechuun nidanda’ama.

Barnoonni gama intarneetiin kennamu qalbii barattoota guutuu addunyaa irraa kan hawwateedha. Akka fakkeenyaatti erga Coursera bara 2012 hundeeffamee kaasee barattoota miliyoona 22 ol ta’aniidha kan galmaayanii gosa barnoota 883 fudhatani. Kuni barattoota biyya 190 kan ammate ta’uu isaati kan ragaaleen agarsiisan. Yeroo kanatti Coursera wojjiin kan hojjatani dhaabilee barnootaa 108.

Gosa barnootaa laatamu qofa osoo hintaane laakkofsi dhaabileen barnoota bilaashaa/bilisaa gama intarneetiin kennanis, keessumattuu erga bara 2011 as, heduu dabalaatiin kan dhufe. Isaan gurguddoon kanniin asii gaditti tarreeffamaniidha.Marsaa intarneetii dhaabbilee kanniinnii seentanii hubannoo dabalataa argachuu dandeettan. Kanniin fedhii waa barachuu qabdan ammoo galmooftanii gosa barnootaa isa kamuu hordofuu nidandeettu. Jaarraa intarneetii kanatti gufuun waa barachuu irraa nama daangessu fedhiifi hamilee dhabuu qofa.

Hawwii maal barachuu qabda? Ykn dandeettii isa kam gabbifachuu feeta? Marsaalee asii gadii seenuudhaan gosa barnoota feetan filadhaa baradhaa. Hangas salphaadha!

1. Coursera
Gosa barnoota kennamuu: hunda
2. Edx
Gosa barnoota kennamuu: hunda
3. Udacity
Gosa barnoota kennamuu: hunda
4. Khan Academy
Gosa barnoota kennamuu: hunda
5. Open2Study
Gosa barnoota kennamuu: hunda
6. Future Learn
Gosa barnoota kennamuu: hunda
7. Code Academy
Gosa barnoota kennamuu: Kompiitara
8. W3 Schools
Gosa barnoota kennamuu: Kompiitara
9. Open Learning
Gosa barnoota kennamuu: hunda
10. Iversity
Gosa barnoota kennamuu: hunda

Madddi: awashpost.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago