Taammanaa Bitimaa irraa
Biyyee biyya
Biyyee biyyii
Biyyee irraa tolfamnee
Biyya irratti dhalannee
Biyyii taphachaa irratti guddannee
Biyya faarfachaa irratti walbarree
Jireenya ilmoo namaa irratti agarre.
Kunoo raajiin bayee, nurraa fudhatani
Otoo lubbuun jirruu, hunda nu dhaalani
Otoo lubbuun jirruu, jiraa nu awwaalani
“Biyyi keessan keenya“, jedhanii!
Haqa ilmoo namaa nurraa fudhatanii
Nammuu keenyallee nurraa mulqatanii
Biyyeen teenya summiidhaan faalamtee
Leecalloon teenya alagaan saamamtee
Biyyi keenya manneen hidhaatiin sararamee
Isa keessatti dhalli keenya waxalamee
Sabni keenya funcaan takaalamee
Waggaa 140 guutuu yeeyyiin dararame.
Biyyi biyyee teenya
Lafti lafee keenya
Gonkumaa hin kennamu beenyaa
Dacheen awwaala keenyaa!
Biyyeen biyya keenya
Lafti lafee teenya
Biyyi haayyoo teenya
Garaa-shiitii kan baanee
Harma-shii hodhaawoo guddanne
Jaalala-shiitinoo muddamnee!
Biyyi biyyee-dhaa
Lafti lafee-dhaa
Abadan lachuu
Bakka-bu’aa hin qabu!
Biyyeen teenya Oromoo-dha
Lafeen teenya Oromiyaa-dha
Hin kabalamuu, hin caccabsamu
Lakkii, eenyunuu hin qabatamu!
Biyyeen teenya aannani
Biyyi keenyasoo damma
Lafti teenya buna, buna
Addunyaa badhaafnee, kunoo isa unaa!
Biyyeen teenya Odaa
Biyyi keenya Gadaa
Lafti keenya dhadhaa
Lafeen teenya Siiqqee-dha
Odaan hin muramu
Gadaan hin tuqamu
Siiqqeen hin kutamu
Finfinnee finna-a hin kennamu!
Karaan keenya qabsoo-dha
Galmi keenya bilisummaa-dha
Bullukkoon keenya dimokiraasii-dha
Sabbanni keenya namummaa-dha!
Gaachanni keenya tokkummaa
Marcumni keenya Oromummaa
Asxaan teenya obbolummaa
Diinni keenya sanyummaa!
Kakuu-dha; laguu-dha
Lafti keenya hin fudhatamu
Lafeen teenya hin caccabsamu
Namummaan keenya hin sarbamu!
Lafee teenyaan harmee teenya olkaafna
Dhiiga keenyaan Oromiyaa teenya ijaarra
Dafqa keenyaan aadaa-afaan keenya jifaarra
Walqixxummaan ilmoo namaa gonfanna
Walbarsiisaa, kabajaan walgorfanna
Obbolummaan addunyaa tana sholqanna!
************** // **************